Waa'ee mootii kubbaa miilaa Peelee icciitiwwan 10 nuti hin beekne

Madda suuraa, Getty Images
Peelen tapahataa Waancaa Addunyaa sadi biyya isaa Biraazilif injifachuun gita hin qabne yoo ta'u bara kubbaa miilaa taphatetti galchii heddu lakkoofsisuudhan rikardii addunyaa namuu irra fudhachuu hin dandeenye. Kun ammoo mootii kubbaa miilaa isa jechisiisa.
Torbee darbe dhibeen itti hammaattee ganna 82 addunyaa kana irraa boqoteera.
Boqochuu isaa kanaan wal-qabatee seenafi mudannoon jireenya bay'en dubbatamus garuu waa'een isaa kan hin dubbatamne wantoonni kudhan jiru:
1. Peeleef jecha 'murteessan' kubbaa miilaa dirreedhaa har'i'amuu beektuu?
Gareen biyyaalessaa Birazil bara 1968tti qophii dorgommii Olompikii taasisuuf tapha michoomaa Kolombiyaa wajjin magala Bogotaatti gaggeessee ture.
Taphicha irratti Peeleen taphataa Koloombiyaarratti dogongora waan hojjateef dirree keessaa akka bahu 'murteessaa' kubbaa miilaa kan ta'e Guleermoo Velaasges ajaje. Bara sana kaardii diimadhaan taphataa balleessa dalage dirree baasun hojiira hin oolle ture.
Peeleen dirree akka bahu itti himamus taphatoonni Biraazil taphataan colleen kun dirree hin bahuu jechuun mormii kaasan. Lammiilen Kolombiyaa tapha ilaaluf isteediyeemii seenan illee jaalala Peelee irraa qabaniin bahuu hin qabu jechuun morman.
Kanaanis 'abbaan murtii' mormii isa mudateen 'fiishkaa' erbe raastutti kennuun dirree keessaa bahee Peeleen dirreetti deebi'ee akka taphatu godhame.
2. Tapha Peelee daawwachuuf waliigalteen waraana dhaabuu godhamee ture
Bara 1960 keessa Peeleen kan taphataafii ture kilabni Saantos addunyarratti kilaboota beekamoo ta'an keessaa tokko waan tureef, taphoota michummaa kaffaltii guddaa argamsiisan addunyaarra naanna'uun taphataa ture.
Kanaanis bara 1969tti kilaba magala Beenin tokko waliin gara Nayijeeriyaa imaluun tapahatee kilabni Saantos lamaafi tokkoon injifate.
Yeroo sanatti Naayijeeriyaan bulchiinsa Biyaafraa waliin wal-waransa keessa turte. Kilabni Saantos Peeleen keessa jiru sodaa nageenyaa waan horateef qaamoleen wal-waraanan lamaan waraana dhaabuf dirqaman.

Madda suuraa, COURTESY OF SANTOS FC
3. Gareen muuziqaa "The Beatles" jedhaman Peelee akka hin argine dhorkamuu
Peeleen bara 1975tti gara Ameerikaa deemuun kilaba Koosmos jedhamutti makamee ture.
Yeroo sana taphattoota garee isaafi namoota biroo wajjin walii galuuf Ingiliffa barachuu eegalee ture. Bara sana gareen baandii muuziqaa "The Beatles" jedhamu addunyaarratti beekamee ture waan ta'eef miseensa garichaa kan ta'e Joon Leenan wajjin Washingtanitti wal bare.
Bara 1966tti yeroo Ingliz Waancaa Addunyaa qopheessitu gareen muuziqaa kun Peeleefi garee biyyaalessa Biraazil arguu barbaadanis dhorkaman.
4. Peeleen kilaboota Awurooppaf maaf hin taphatiin hafe?
Kanneen Peelee komatan kilaboota Awurooppaa keessatti osoo hin taphatin hafuu isaatin kophaadhuma isaa dorgomaa malee taphataa cimaa addunyaa jedhamuun sirrii akka hin taane kaasu.
Peeleen gara Awurooppaa deemee akka hin taphanne dhorkamee ture jedhama. Bara sana kilaboonni taphattoota isaanii irratti aangoo qabu waan ta'eef kilabni isaa Saantoos gara biraa akka deemee taphatu hin hayyamne ture.
Mootummaan biyyattiis Peelen "qabeenya biyyaa waan ta'eef" biyyaa bahee taphachuu hin qabu ejjannoo jedhu qaba ture.
Yeroon booda garuu Peeleen kilaba Ameerikaa Newyork Koosmos jedhu deemun itti makame.
5. Peeleen osoo dursaa garee "amaballii" hin ta'in bara tapha isaa xumure?
Peeleen hanguma fe'e tapahataa beekamaa addunyaa haa jedhamu malee dursaa garee ta'ee hin beeku- tapha tokko qofarratti malee.
Kanaaf ammoo sababni garee biyyoolessaafis ta'ee kilaba isaaf dursaa garee akka ta'uuf gaaffii dhiyaatuf diduu isaati.
Si'a tokko qofa dursaa garee kan ta'eyyuu erga kubbaa taphachuu dhiisee booda waggaa 50ffaa isaa kabajuuf garee biyyoolessaa Biraazil irratti hirmaachuni.
Tapha kanaanis daqiiqaa 45 qofa garee biyyoolessaaf taphatee jijjiiramee bahe.
6. Peeleen dirree kubbaa miilaa keessaa maalif "butamee" fudhatame?
Bara 1972 gareen kilaba Saantoos taphaaf gara biyya Tirinaadadfi Tobeegoo deemanii ture. Biyyattii keessa nageenyi waan hin turreef, akkuma taphni raawwateen dafanii gara biyyasanii Biraazilitti deebi'uuf hawwiin eegaa turan.
Taphni eegalee daqiiqaa 43ffaa irratti Peeleen gaafa galchii lakkoofsisu waanti hin eegamne ta'e. Daawwattoonni isteediyeemii keessa turan gammachuu irraa kan ka'e cabsanii dirree taphaa seenan.
Sana booda Peelee gatiittii isaanitti fuudhanii isteediyeemin ala bahuun karaarra naannayanii dhiichisuutti ka'an.
Gareen isaa ammoo Peelee deeggartoota harkaa buusanii dirreetti deebisuuf yaalii gochaa turan.

Madda suuraa, Getty Images
7. Fiilmii irratti bakka Raamboo bu'ee taatoo ta'ee maaf hojjate?
Bara 1980 fiilmiin Scape to Victory jedhu yeroo waraabamu Silveestar (Raamboo) taatoo beekamaa ture.
Fiilmin kun waa'ee Waraana Addunyaa Lammaffaa irratti tapahattoota hidhaa turan gidduutti tapha gaggeeffamuu kan ibsuudha.
Fiimii kana irratti taphattoonni bebbeekamoon akka peelee, Boobi Muur, Osii Ardils fa'aa yoo hirmaatan Silveestar Sitaalon ammoo karra eegaa ta'ee dhiyaate.
Tapha kana irratti Peeleen galchii ajaa'ibaa yeroo galchu mul'ata. Yaalii jalqabaa irratti Silveestar akka Peeleetti akka rukutu yaadame.
Silveestar (Raambon) kana gochuu waan dadhabeef Peeleen bakka isaa bu'ee akka hojjatu taasifame.
8. Peeleen karra eegaa ta'ee yeroo hiriiretti galchiin itti hin galle
Peeleen kan ittiin beekamu jifataa cimaafi galchii ykn goolii lakkoofsisuu malee karra eeguu akka danda'u namuu hin beeku.
Kilabni isaa taphataa tokko qofa jijjiiruun dirqama yeroo itti ta'u, Peeleen karra eegaa ta'ee taphataa cimaan akka dirree seenu godhama. Goolii galchuu qofa osoo hin taane karra eegaa beekamaadhas.
Bara kilaba isaa Saantosiif tapahate keessatti si'a afur karra eegaa ta'ee galee goolin tokkoyyuu itti hin galin hafeera.
9. Maqaa Peeletiin tapahattoonni bebbeekamoon waamaman jiru
Taphataa beekamaa ta'uu isaatin addunyaa irratti namoonni hedduun maqaa Peelee jedhu moggaafachuu danda'aniiru.
Keessumaa ijoollee dandeettii kubbaa miilaa cimaa qabaniif maqaa masoo Peelee jedhu kennuufin baramaadha.
Isaan keessaa taphataa beekamaan lammii Gaanaa Abeedii Ayou kilaboota bebbeekamoo Awurooppaa keessa yeroo tapahatu Abeedii Peelee jedhamuun beekama.
Taphataan lammii Keepvardee bara 2006 kilaba Ingiliz Saawuzamptaniif taphate Peediroo Monteeroo daa'imummaa isaatti Peelee jedhamee beekama ture.

Madda suuraa, Getty Images
10. Peeleen pirezidaantii Biraazil ta'uuf fedha qaba ture
Bara 1990 keessa Peeleen filannoo pirezidaantummaa Biraazil waggaa afur booda gaggeeffamuuf dorgomuuf akka jiru miidiyaalee addunyaatti himee ture.
Haa ta'u garuu akka jedhe dorgommiif dhiyaachuu baatus siyaasa keessatti hirmaachuu eegalee ture. Bara 1995 hanga 1998tti ministeer Ispoortii ta'uun Biraazil tajaajileera.












