Peelee: Mootin ispoortii tapha kubbaa miilaa bareeche eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Bobii Chaarltan kubbaan miilaa ‘‘isumaaf umame ta’a’’ jedheera.
Dhugaattis gaazexessitoonni ispoortii akka nama tapha bareessuu cimaatti kabajuun.
Ogummaa fi saffisi akka qilleensaa Peelee goolii fulduratti kiyyeeffannaa cimaa isaa waliin mul’ata dirree keessatti.
Biraazil keessatti goota biyyaaleessaa kan ture Peeleen dirree kubbaa addunyaa irrattis beekamaa ture.
Dirreen alatti ammo, hawaasa keessatti haala jireenyaa namoota hiyyeeyyii fooyyeessuuf boqannaa malee hojjataa ture.

Urjii ijoollee
Edson Arantees do Nascimentoo Onkololeessaa 23, 1940 Tires Coraacoes magaalaa kibba Biraazil keessatti dhalate.
Waraqaan raga dhalootasaa garuu Onkolooleessa 21 dhalate jedha, kanas Peeleen sirri miti jedha ture.

Madda suuraa, Getty Images
Maqaansaa kan mogaafameefis nama kalaqaa meeshaalee ibsaa kan ta’e Tomaas Alva Edison irraayi. Kunis sababii ibsaan osoo hin dhalatin dura ollaa inni keessatti dhalate gaheef jedha Peeleen.
Magaalaa Bauruu keessatti hiyyummaan guddate. Ta’us kaaffee ollaa tokko keessa hojii sa’aatii dabalataa hojjachuun maatii isaa gargaara ture.
Akka kubbaa miilaa taphatu kan isa gargaare abbaa isaati. Haata’u malee maatin isaa kubbaa bituufii hin danda’an ture. Kanaaf Peeleen ijoolluummaasaatti kubbaa kaalsii irraa hojjatame taphataa guddate.
Akkasumatti 'Peelee'
Hiikaan maqaasaa isaa Peelee jedhu maal akka ta’e osoo hin beekne moggaasa ‘Peelee’ jedhu kan kennameef hiriyootasaa mana barnootaan ture.
Innis maqaa masoo kana gonkumaa hin jaalannee ture. Akka waan haasaa ijoolleetti ilaala ture.

Madda suuraa, Getty Images
Ijoolluummaasaatti gareewwan guddattootaa ollaasaa baayyeef taphachuu eegale. Kubbaan miilaa naannichatti baayyee beekamaa akkuma dhufeenis, dargaggoo Peeleenis haala dirree taphaa jijjiruu eegale.
‘‘Akkuma qurxummii bishaan keessattiin itti munyuqe’’ jedhee ture booda.
Akkasumas Kilabii Atileetiksii Bauru guddattootaa shaampiyonaawwan naannoolee sadiitiif dursee ture.
Bara 1956 keessa leenjiisaan isaa Waldemaar de Britoon, garee beekamaa Saantoos FC’tiif yaaluuf magaalaa buufataa kan taatee Saantoos geessanii ture.

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan isaa dandeettii isaatti waan amananiif Peeleen taphataa kubbaa miilaa addunyaa kanaa beekamaa akka ta’u hoggantoota Saantoositti himan.
Garee Saantoos kan bara 1956 keessa isa mallatteessisee umurii wagga 15 irraa kaasuun taphoota ajaa’ibaa taphateera.
Goota goolii beekkamaa
Waggaan booda, innis garee angafoota Saantoosiif filatame. Tapha baniinsatiin goolii jalqabaa galche.
Battalumattis galii galchaa liigichaa olaanaa ta’e baruma jalqabaa isaatti.
Kontiraataa mallatteessee baatii 10 keessatti ture Peeleen kan garee biyyaaleessaa Biraaziliin waamame.

Madda suuraa, Getty Images
Innis tapha Maaraakaanaa irratti Arjantiinaa waliin taphatameen gama Biraaziliin gooliin kan biyyaaf galmeessa mucaa umuruu 16 Peelee jedhamuun ture. Kunis goolii tapha idili-addunyaa jalqabaasaa ta’e.
Abdiin inni Waancaa Addunyaa 1958 taphachuuf qabaachaa tures miidhaa jilbasaarra gaheen kan hafee itt fakkaatee ture.
Garuu waayillan garee isaa bulchiinsicharratti dhiibbaa taasisuun akka dorgommii addunyaa bara sanaatiif filatamu taasisan.
Peeleen bara 1958 keessa Saantoos akka Soa Paulo injifatuuf gargaaruun akkuma galchaa goliiwwan beekamaa ta’een waqxicha xumure.
Ambaa biyyaalessaa
Waancaa Addunyaa bara 1962 keessaa wayita Peeleen tapha duraatiin miidhaa irra gahee tureetti taphawwan hunda irratti haala gaariin hin turre.
Peelen miidhamus kilaboonni dureeyyin kan akka Maanchistar Yunaayitidii fi Riyaal Maadriid fa’a isa mallatteessisuuf yaalii gochaa turan.
Mootummaan Biraazilis kan ijji itti baayyachu hubatees, akka gara biyya biraatti hin dabarfame dhorkuuf jecha ‘‘hambaa biyyaaleessaa’’ jechuun labse.

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Addunyaa bara 1966 Peeleefi Biraaziliif kan gaddaa ture. Keessattuu taphawwan Portugaaliifi Bulgaariiyaa waliin tureen Peeleen baayyee komatame.
Biraazil marsaa jalqabaa caalaa darbuu hin dandeenye. Peeleen yaalii taasiseen waan miidhaawwan irra gahaniif dandeettiisaa guutuun taphachu hin dandeenyee ture.
Garee guddicha
Bara 1969 keessaa, Peeleen umurii wagga 30 siqaa kan ture yoo ta’u, Waancaa Addunyaa bara 1970 Meeksiikootti taphatamee irratti Biraazil bakka bu’uun taphachuuf hin yaadne ture.
Akkasumas waraana abbaa hirree biyyasaa kan warra garee ‘left-wing’ waliin hidhata qabda jedhameen qorannoon irratti gaggeeffamee ture.
Dhumarratti garuu, tapha Waancaa Addunyaa dhumaasaatiin gooliiwwan galchu danda’ee ture. Kanaanis garee Biraazil seenaa keessatti garee olaanaa jedhamuun galmaa’e.

Madda suuraa, POPPERFOTO/GERRY
Gareedhaan ammo yeroo beekamtii inni itti agrate wayita Ingilaandii waliin taphatamee ture.
Peeleen tapha isaa dhumaa Biraaziliif kan taphate Adooleessa 18, 1971 yeroo Rio keessatti Yugozilaaviyaa waliin taphatan ture. Isaan booda bara 1974 keessa kubbaa miilaa kilaba Biraazilii keessaa soorama bahe.
Waggaa lamaan booda ammoo Garee Kosmoos Niiw Yoorkiif mallatteesse. Kanaanis wal qabatee maqaansaa qofti Yunaayiti Isteetis keessatti kubbaa milaa ol kaasuu eegale.

Madda suuraa, Getty Images
Ambaasaadara nagaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1977tti kilabni isaa durii Saantos Peelen kophee fannisuu isatin wal qabatee kilaba Koosmos waliin sagantaa tapha qopheesse irratti Peelen garee lachuufuu walakkaa taphate.
Peelen erga soorama bahees hojii maallaqa gudda isa argachiisu itti fufe.
Bara 1981 fiilmii Escape to Victory jedhu irratti taatoo ta’ee Silveestar fi Mayikil Keen wajjin dhiyaate.
Kubbaaniyoota garaa garaa wajjin walii galtee ispoonsaraa mallatteessun maqaa gaarii akkuma horatetti itti fufe.
Bara 1992tti dhimma ikolojiifi kunuunsa naannoo irratti ambasaaddara UN ta’ee filatame. Boodarra ammoo UNESCOtti ambasaaddara gaarrummaa jedhamee filatama.
Bara 1995tti pirezidaantii Biraazil yeroo sanaa Fernaandoo Henrikeedhan filatamee Ministeera Ispoortii ta’een booda, Peeleen malaammaltummaa kubbaa miilaa Biraazil keessati hammate hambisuuf baay’ee dhama’e.
Seerri Peelen bara 1998 baase bulchiinsa ispoortii biyyattii ammayyeessuu keessatti gahee guddaa qaba.
Ofii isaa ammoo malaammaltummaan shakkamee gahee ambasaaddarummaa UNESCO keessatti qabu ofiidhuma isaatin dhiise; garuu ragaan malammaltummaa irratti hin argamne.

Madda suuraa, ULLSTEIN BILD
Bara 2005tti BBC's Sports Personality irraa badhaasa umurii guutuu fudhateera.
Peelen bara 1966tti haadha manaa isaa Roosmeeri dos Reis Choolbi wajjin gaa’ile dhaabbachuun ijoollee sadi- dubara lamaafi dhiira tokko- horataniiru. Peelen modelsitiifi taatoo fiilmii kan taate Xuxa waliin maqaan isaa erga ka’ee booda haadha manaa isaa Roosmeerii waliin wal-hiikan.
Boodarra sirbibtuu Assiria Lemos Seixas wajjin gaa’ela dhaabbatanii ijoollee lakkuu godhatanii turan. Boodarra ishee wajjinis wal-hiikan.
Bara 2016 ammoo dubartii lammii Jaappan taate Biraaziilitti qabeenya gaarii horatte Marcia Cibele Aoki fuudhe.
Gaa’elaan alatti kan horate ijoollee baay’ee qaba jedhamee maqaan dhahamus inni takkaa amanee hin beeku.
Wagoota muraasaa as taphatan colleen kun rakkoo fayyaa itti hammaataa dhufte. Filbaana 2021 kaansariin garaacha isaa keessaa baafamee hanga gaafa du’uuti waldhaansa hordofaa ture.
Maqaa gaarii addunyaa
Maqaan Peelee namoota jaalala ykn fedhii kubbaa miilaa hin qabne birattillee salphaadhumatti yaadatama.
Inumaayyuu yeroo tokko addunyaa kana irra maqaa beekamaa saditu jira: Yesuus, Coca Cola fi Peeledha jedhee qoosee ture.
Peeleen namoota addunyaa irratti ispoortidhaan maqaa addunyaan hin irraanfanne kaa’an keessaa gita hin qabu.
Bara jireenyaa isaa gara booddee ammoo miidhama irra gaheen waldhaansa baqaqsanii yaaluu godhameefii wiilchariin deemaa ture.
Tapahataa cimaan Haangarii Ferenk Puskas “Peelen tapahataa qofa miti” jedhee amana.
Waa’ee gahuumsa Peelee, Neelsan Mandeellaan akkas jedhee ture: “Yeroo inni taphatu ilaaluu jechuun ijoollee gammachuufi simboo namummaatin guutamte ilaalanii itti gammaduu jecuudha.”












