Maanchistar Yunaayitid kufaatii Piriimer Liigii booda waancaaf falmachuuf qophiidhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Yunaayitid taphoota sadii Ameerikaa keessatti taasisaa ture, morkataa yeroo dheeraa Liivarpuuliin 3 fi 0n mo'amuun xumuraniiru.
Gareen Eriik Teen Haag injifannoo tokko qofaan gara biyyaatti deebi'e jechuudha, kun erga garee Ispeen Riyaal Beetis mo’ate. Garee Ingilaandii Arsenaal fi Liivarpuuliin mo'amaniiru.
Piriimiyerliigiin bara 2024-25 torbee lama booda ni eegala.
Imala isaanii kana irratti BBC Ispoortiin maanchester Yunaayitid hordofaa tureera.
Wanti baranne kunooti.
Teen Haag waamicha tokkummaa dhiheesse
Bara 2018 tapha Ameerikaatti taasisaniin erga liverpooliin mo'amaniin booda leenjisaa yeroo sanaa Joozee Mooriinihoo baay’ee qeeqame.
Yunaayitid imala sana irraa gara Ingilaanditti erga deebi'ee, ji'a shan keessatti Mooriinihoon hojii irraa ari’ame.
Yeroo kana, Teen Haag mo’amuun boodas hin yaaddofne deeggartoota Yunaayitid irraas qeeqni guddaa isa hin mudane.
Leenjisaan kun tokkummaa kaampii Oolditiraafoord cimsuuf waamicha dhiheesse.
Garuu akka leenjisaa kilabii guddaa tokkootti, bara dorgommii Piriimiyerliigii Ingiliiz itti aanutti yoo Yunaayitid fooyya'iinsa hin goone fi akka gaariitti xumuruu baate, sana booda hiree hamaa akka qabaatu ni hubata.
Amma hojiin isaa inni jalqabaa, garee ciccimoo Gaachana Hawaasaa irratti Maanchistar Siitii waliin taphachuu danda'u walitti qabuu ta'a.
Garuu dhimmoonni biroo ilaalamuu qabanis jiru.
Rakkoo Yunaayitid mudate

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tapha walakkaa jalqabaa Istaadiyeemii SoFi Los Angeles irratti Arsenaal waliin taasisaniin goolii jalqabaa erga galchee yeroo muraasa booda miidhaan sarbaa Raasmus Hojluund irra ga’e tapha isaanii baay’ee miidhe.
Taphataan haaraan Jooshuwaa Zirkzee, kan Yuuroo 2024 irratti Nezerlaandiif taphate hanga ammaatti garee Yunaayitid waliin shaakala hin goonedha.
Kanaaf Teen haag, taphataa haaraa waliin yaalii gochaa jira.
Akkasumas, leenjisaan kun bara darbe yaada Maarkus Raashfoordi giddu galeessa godhachuuf ture dhiisee, lammiin Ingilizii kun bitaa taphachuu fi gara keessaatti akka socho'uu filate.
Jaadon Saanchoo, gareetti deebi'eera, garuu ammallee giddugaleessaa irratti akka gaariitti hin taphatu.
Teen Haag Kaapteenii Biruunoo Fernaandees taphataa sarara fuulduraa gochuuf carraan guddaan jira.
Keessattuu taphattoonni lama Mayisan Maawunt fi Iskoott Maaktoominaay daawwannaa kana irratti lakkoofsa kudhanii ta'uun tapha gaarii waan taphataniif
Gahumsi Amaas dinqisiisaa, garuu Luuk shoow barbaachisaadha

Madda suuraa, Getty Images
Istaadiyeemii Wiiliyams-Biraayis Kolumbiyaatti dargaggeessi Haarii Amaas yeroo Mo Saalaa waliin sarara ittisaa bitaa irratti taphate gahumsa ajaa'ibaa agarsiise ture.
Taphataan ganna 17 kun Yunaayitidiif taphataa gaarii Yunaayitid ta'uu danda'a, yoo Luuk Shoon bara dorgommii cimaa kana irratti hin taphatu ta’e.
Amaas Saalaa waliin tapha gaarii taphateera. Dargaggeessi Waatfoordi duraanii kun urjii waancaa kubbaa miilaa muuxannoo cimaa qabu kana ni mo'a jennee hin eegne, garuu hojii gaarii hojjetee to'achuu akka danda'u agarsiiseera.
Haata'u malee, Yunaayitid - fi Teen Haag - ammallee Shoo qabaachutti isaa barbaachisa.
Onaanaan bara kana ni fooyya'aa?
Gooliin sadaffaa Liivarpuul Sanbata galgala galchee deeggartoota Yunaayitid yaaddesse, sababiin isaas dogoggora goolii eegaa Andiree Onaanaa waan tureef. Akkasumas dogoggorri akkanaa taphoota darban irratti yeroo hedduu mudateera.
Karoora jijjiirraa

Madda suuraa, Getty Images
Sir Deevis Biraayilsfoordi, Omaar Beradaa, Daan Ashwort fi Jaason Wiilkooksii bara kana Maanchistar Yunaayitidiif hin taphatan.
Kaaseemiroos hin mallatteessine, sababiin isaas akka gaarii taphachuun dhabuun Faabiyoo Kaarvaaloon Sanbata darbe tapha jalqabaa Liivarpuul irratti akka isa bira darbee saanduqa keessa seenu waan hayyameef. Ta’us garuu mindaan guddaan waggaa lamaaf lammii Biraazil kanaaf kaffalamuuf yaadessaadha.
Leeniin Yooroon kan umrii waggaa 18’tti Liil irraa yuuroo miliyoona 52n fudhatame, erga dhufee torban lama keessatti miidhaan irra ga'uun waan nama gaddisiisudha.
Amma Yunaayitid taphataa sarara ittisaa giddu galeessaa kan biraa fiduu qaba. Sana gochuuf garuu, Garuu sana gochuuf Viiktar Liindaloof ykn immoo Haarii Maaguweeri gurguruu qaba, kunis salphaa miti.
United's problem is the whole squad, there are players with big contracts, and who have not shown a good level for the value of the money they were bought for.
Yunaayitid keessatti taphattoota kontiraata guddaa qaban kan maallaqa guddaan bitanii garuu sadarkaa gaarii hin agarsiifne hedduutu jira.
Caasaan haaraan Yunaayitid miseensota boordii, hoji gaggeessaa olaanaa haaraa, daayreektarri ispoortii fi daayreektarri teeknikaa of keessa qaba.
Dogoggorri darbe akka irra hin deebi’amne gochuun hojii isaanii ta’a.












