'Eenyutu akkasitti nu eege'- Maan Yuunaayitid waancaa Awurooppaa Liigii mo'achuun milkaa'inaan xumuraa?

Madda suuraa, Getty Images
Injifannoo Maanchister Yuunaayitid Atileetiikoo Bilbaa'oo irratti argateen garasitti dubbii ijoo kan tahe waa'ee Haarii Maaguweridha.
Haarii Maaguweer yeroo murteessaatti kubba qabatee gara fuula duraatti qaari'e. Taphattoota Atileetiikoo darbuun haalli itti kubba Kaazemiiroon lakkoofsise kenne ajaa'iba ture.
Buruunoon dhuguma haala akkasiin garee fallaa keessatti kubba kommokee darba jedhee yaadee hin beeku jedhe.
Amaad Diyaaloo yeroo murteessatti gare eisaaf deebi'e. Fuula Inistaagiraamii isaa irratti suuraa Maaguweer kan Diyeegoo Maaradoonaatti fakkeessee maxxanse.
Kaan ammoo Roonaaldoo isa guddaa kan Biraazilitti fakkeessan. Hunduu baacoo tahus gahumsi Maaguwer garuu taphattoota ceepha'amaa jiraniif fakkeenya gaarii tahuu danda'a.
Maaguweer fakkeenya jireenya keessatti kufanii ka'uuti. Maaguwer kana booda miila tokko waancaa keessa galfanneerra jedhe.
Ruuben Amoorim Maanchister Yuunaayitid erga dhufee taphoota Piriimer Liigii 23 keessaa jaha qofa mo'ate.
Haa tahu malee, taphoota Awurooppaa Liigii hanga ammaa hin mo'amiin jira. Walakkaa xumura waancaa Awurooppaa Liigiif kan dhaqabe Yuunaayitid kileba Ispeen Atileetiikoo Bilbaa'oo 3-0 dirree isaan ala injifatee deebi'e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Atileetiikoo Bilbilaa'oon taphataa tokko kaardii diimaan dhabee taphattoota kudhaniin haa taphatuyuu malee kileba Ispeen keessaa ittisa gaarii qabu irratti olaantummaa Yuunaayitid fudhate guddaadha.
Karra eegaan duraanii Tootenhaam fi Liidsi Pool Roobinsan ''kun tapha baay'ee bareedaa Yuunaayitid Amoorim jalatti osoo taphatu ijakoon argedha'' jedhe.
Taphataan sarara gidduu duraanii maanchister Yuunaayitid Roobii Saaveej TNT Sport irratti: ''Namni kaan lakkoofsa taphattootaa ilaaluun Atileetiikoon taphattoota kudhaniin taphatan jedhu. Garuu akkasis tahee taphni Yuunaayitid agarsiise kun ajaa'iba'' jedhe.
''Galchiin salphaatti itti galaa hin turre. Ittisni isaanii Awurooppaa keessaa isa jabaa akka tahe namatti agarsiisa. Akkasis tahu Maanchister dirree isaanii irratti galchii sadii lakkoofsisuun gahums aguddaadha'' jedhe.
''Amooriim jalatti tapha baay'ee fokkisaafi namatti hin tolle argineerra. Taphatanii galchii malee yeroo xumuranis tureera. Al takka takka ammoo taphoonni qalbii namaa hawwatan akkasii mudatu.''
Maanchister Siitii 2-1 Maanchister Siitii mo'atee, achii Liiverpuuliin qixa 2-2 xumuruun Arsenaaliin kan waancaa FA keessaa baasan taphoota hawwatoo Amoorim jalatti arginedha.
''Kan ammaa kun Amorimiif qabxii baay'ee bareedaadha. Sabani isaas namni qabxii kana galmeessa jedhee eege hin jiru,'' jedhe.
Istaadiyeemii Saan Mames irratti Yuunaayitid injifannoo kana argata jedhamee hin eegamne. Xumurri waancaa Awurooppaa Liigiis asuma istaadiyeemii kana irratti Caamsaa 21 gaggeeffama.
Maanu'eel Ugaartee fi Paatrik Doorguu taphni jalqabee gara jalqabaa miira keessa galanii ture. Booda garuu miira isaanii to'achuun taphatti galan.
Deeggartoonni Atileetiikoo sagalee guddaan garee isaanii yeroo deeggaraa turanitti, dargaggoonni miira keessa galanii ture. Garuu taphattoonnii gameeyyiin Yuunaayitid gahumsa gaarii agarsiisuun injifannoon bahan.
Kaazemiiroon booda kana baay'ee fooyya'e. Ittisaaf haguuggii guddaa kennuu, kubba garee faallaa irraa buusisuu fi fuulduratti deemuun taphattoota sarara duraa gargaaruu keessatti hojii guddaa hojjechaa jira.
Amooriim taphattoonni gameeyyiin garee isaanii tasgabbeessuun waan isaan irraa eegamu raawwachuu isaaniif hedduu galateeffataniiru.
Jalqaba irratti taphattoonni akka Ugaartee, Doorguu miira keessa galuu isaanii argita. Garuummoo Kaazemiiroo, Maaguwer fi Buruunoo isaan gargaaruun garee keenya irratti dhiibbaa gaarii fidaniiru,'' jedhe Amoorim.
Buruunoon dorgommii Awurooppaa Liigii keessatti galchii hedduu lakkoofsisuun taphataa shanaffaa taheera.
Yuunaayitid bara dorgommii kanatti Awurooppaa Liigii keessatti osoo tapha tokkoyyuu hin mo'amiin walakkaa xumuraaf dhaqabe.
Tootenhaam Boodoo/Gilimit waan mo'ateef Yuunaaytid waliin xumura waancaaf gahuu malu. Kileboonni lameen Piriimer Liigii keessatti sadarkaa gaarii irra waan hin jirreef waancaa kana injifachuuf fedha guddaa qabu.












