Arteettaafi taphattoonni Arsenaal erga PSG'n mo'amanii maal jedhan?

PSG Emireetis irratti Arsenaaliin 1-0 mo'ate

Madda suuraa, Getty Images

Mikeel Arteettaan gareen keenya xumura waancaaf dhaqqabuuf Paarisitti ''waanuma raajii tokko'' hojjechuu qaba jedhe.

Emireetis irratti galchii Osmaan Dembelee lakkoofsiseen dursa kan qabate PSG carraa galchii hedduu argate osoo itti hin fayyadamiin hafeera.

Arsenaal galchii lakkoofsise taphaan ala jedhamee jalaa haqamus carraa galchii Maartineelii argate lakkoofsisuu dadhabuun gatii isaan baasiseera.

Arsenaal galchii tokkittii caalame Paarisitti garagalchuun xumuraaf gahuuf dhaadataa jira.

Carraa galchii shan argatan keessaa tokkollee lakkoofsisuu dadhabuun isaanii Arsenaaliif yaaddoo biraa taheera.

Daqiiqota 20 jalqabaa PSG caalmaa taphaa guddaa fudhateera. Arsenaal boodarra taphicharratti gahumsa gaarii agarsiisus ittisa PSG garuu cabsuu hin dandeenye.

Erga Guraandhala bara 2016 Arsenaal yeroo jalqabaaf dirree isaa irratti osoo galchii hin lakkoofsisiin hafe.

''Xumura waancaaf darbuuf carraa guddaa qabna. Garuu akkuman jedhe Paarisitti waan addaa tokko hojjechuu qabna. Xumuraaf dhaqqabda taanaan injifannoo akkasii galmeessuu qabda.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kileboonni lameen waancaa Shaampiyoonsi Liigii yeroo jalqabaaf mo'achuuf wal morkatu.

Arsenaal bara 2005-06 xumura waancaaf dhaqabee ture. PSG taphattoota maqaa guddaa qaban akka Mesii, Neyimaarii fi Imbaappee mallattesisee waancicha milkeessuu hin dandeenye.

Luwis Eneriikeen akkuma yeroo Liiverpuulii fi Aston Viilaa waliin taphatanii karra eegaan isaanii Doonaaruumaan isaan oolche ammas isa irratti hirkataniiru.

Tiroosaardii fi Maartineelii waliin fuulaa fuulatti walitti dhufuun kubba galchii irraa oolche.

''Dhuma irratti Doonaaruumaan taphattoota keenya lama waliin qofumatti walitti dhufuun kubba harkaa oolche. Osoo lakkoofsisaniiru tahee silaa qabxii addaa taha ture. Shaampiyoonsi Liigii keessatti waanuma akkasiitu garaagarummaa guddaa fida,'' jedhe Arteettaan.

Luwis Eneriikeen ammoo Doonaaruumaan kubba oolchuun waan addaa miti. Innis akkuma taphattoota kaanii hojiima isarraa eegamudha hojjete jedhan.

''Walakkaa xumura akkasii irratti taphataan hunduu hojii isaa qixa sirriin akka hojjetu eegama,'' jedhan.

Deklaan Raayis ''yoo kubba to'annee hin taphanne du'uu keenya,'' jechuun taphaan dura waayillan isaatti himaa ture.

Arsenaal tapha kana irratti guutummaan du'eera jechuu bannus taphichatti galuuf garuu rakkateera. Dabalataan Paaris yeroo deemu qabxicha garagalchuuf hojii manee guddaatu irraa eegama.

Yaada Raayis kana taphattoonnis tahe leenjisaan waan hojiirra oolchan miti. Arteettaan garii akka kanaa irratti daqiiqaa 95 guutuuf kubba caaleen taphadha jechuun waan hin fakkaannedha.

Kileboota gurguddoo asuma Ingiliz keessatti garee mo'atee darbedha. Bakkatti caaltu qabda bakkatti dhiistu jira jechuun haalatti taphichaaf dhiyaate falme.

Deeggartoonni Arsenaalii fi kilebichi deeggarsa adda tahe agarsiisuuf jecha baasii guddaa baasanii ture. ''Mee injifadhaatii seenaa hojjedhaa'' kan jedhu ture dhaadannoon deeggartoota Arsenaal kilebni risaanii waggaa 16 booda waancaaf akka darbuuf hawwaa turan.

Akkuma Raayis sodaate kan jalqabbii bareechate garuu PSG ture.

Daqiiqaa 26 jalqabaa PSG kubba %71 ol to'achuun taphataa turan. Isa irratti ammoo kubbi kallattii isaa eeggate dabarsan %86 taha. Dirree Arsenaal keessa kubbi dabarsuun taphatan gidduugaleessaan 165 yoo tahe Arsenaal dirree PSG keessatti kan taphate gidduugaleessaan kubba 60 ture.

Yeroo kanadha Arsenaal yaada Deklaan Raayisitti dhufuun taphicha %47 fi %53 kan xumure. Mikeel Arteettaan tapha kana irraa maal barachuun Paarisitti qabxii guddaa seenaa haaraa tahu galmeessuu danda'a?