Ayyaana Waggaa Bara Haaraa Itoophiyaa 2018 suuraan

Lammiileen Itoophiyaa Bara Haaraa 2018 nyaachaa, dhugaa, gammachuufi wal gargaaruun guyyaa har'aa simataniiru.

Ayyaana yeroo yaadanne caffee, gabaa handaaqqoofi busaa'ee, qricaa, uffata haaraa… waan hedduu nama yaadachiisa.

Haadaan yookiin abaaboon keelloo mallattoowwan birraan bari'uu nutti agarsiisan keessaati.

Keelloon gara caalu Fulbaana keessa kan daraaru haalli qilleensaa waqtii kanaa mijataa waan taheefi.

Guyyaa har'aa lammiileen Itoophiyaa Ayyaana Waggaa Bara Haaraa 2018 kabajataa jiru.

Suuraawwan muraasa guyyaa ayyaanaa akkasumas jala bultii agarsiisan kunooti.

Ayyaana Bara Haaraaf ijoolleef uffata haaraa, kophee haaraa bituun waan barame.

Yerootti barnoonni eegalu waan ta'ef ijoolleen akkuma ga'eessotaa uffata isaaniin miidhaganii mul'atu.

Gosoota nyaataa ayyaana kanaaf dhihaatan keessaa tokko hindaaqqoo yookiin lukkuudha.

Magaalaan Finfinnee akkuma duraanuu Afaan Amaaraatiin Addis Abaabaa (Daraaraa Haaraa) jedhamte sana bara haara bara kanaa daraaraa fakkaachuun bara 2018 simatteetti jirti.

Bakkeewwan biyyattii ayyaanni kun sirna ho'aan keessatti kabajamu keessaa tokko magaalaa Finfinneeti.

Yeroo ayyaanaa gatiin hindaaqqoos ta'e kan shaqaxoota biraa akka dabalu eegama.

Wantoota tibba kabaja ayyaanootaatti miira kabajaa uuman keessaa tokko marga (caffee) hafamuudha.

Hundumtuu haaluma dandeettiisaatti margaafi daraaraa keelloo bitachuun manasaa bareechuun gammachuun bara haaraa simata.

Arrittii, ulumaayii fi biqiltuuwwan kaan qe'ee fi mana urgaa namatti toluun guutu.

Gatiin handaaqqoo, hoolaa, dhadhaafi killee ayyaana jala akka malee qaala'uun waan barame.

Gabaa hoolaatti gatii daldalaan yookaan qonnaan bulaan dhahu qofaan hin bitan.

Gatii cabsi, diboo hin qabdu, foon hin qabdu, gogaa qofaadha jechaa gatii wal falmuun waanuma barame.

Ganni roobaa darbee birraan barii'usaatii wantoota mallattoo ta'an keessaa tokko daraaraa keellooti.

Guyyaa kabaja Bara haaraatii fi Masqalaatti jiraattoonni hafaa manasaanii keessaa daraaraa keelloo makatu.

Ayyaanni Bara Haaraa 2018 kan nagaa, gammachuufi guddinaa isiniif haa ta'u. Ayyaana Gaarii!