Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bara 2026: Dhaha ykn kaalaandarii biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti
Addunyaarratti akkaataan lakkoofsa baraa 90 ol akka jiran qorannoowwan ni mul’isu.
Lakkoofsi baraa ykn dhahi Gregorian Calendar jedhamu kan biyyoonni addunyaa hedduun itti fayyadamaniidha.
Kaalaandaroonni biyyoota addunyaa hunduu bu’uura irraa eegalanii lakkoofsa mataasaanii qabu.
Dhalli namaa bara Niyooliitik ykn bara dhagaa haaraa irraa eegalee bara lakkaa’aa dhufeera.
Kaalaandariin ganamaa fuula addeessaafi aduutiin murtaa’a ture. Ergasii garuu akkaataan itti bara lakkaa’an addunyaarratti fooyya’aa, haaraan argamaa dhufe.
Kaalaandariin Giriigooriyaanii mana amantaa kaatoolikiin wal haa qabatuyyuu malee, hojiifi dhimmoota garaagaraa akka addunyaatti jiraniif haala mijeessuuf jecha kanneen amantii kiristaanaa hordofanis kan hin hordofnees kaalaandarii kana ni fayyadamu.
Dhaha ykn kaalaandariiwwan biyyoota addunyaa garaagaraa fi bu'uura isaanii akkanaan qindeessineerra
Dhaha ykn kaalaandarii Itoophiyaa
Itoophiyaan biyyoota addunyaa muraasa dhaha yookiin kalaandarii mataasaanii qaban keessaa tokko. Akka madda turizimiittis ilaalama.
Kaalaandariin Itoophiyaa sadarkaa biyyaalessaatti kan faayidaarra oolaa jiruudha.
Kaalaandariin Itoophiyaa kun waggaatti ji’oota 12 tokkoon tokkoonsaanii guyyoota soddoma qabanii fi guyyaa shan ykn ja’a dabalataan kan qabuudha.
Guyyaan dabalataa kun jechuunis Qaam'een akka ji’a 13ffaatti ilaalama.
Itoophiyaan waggaatti ji'oota 13 qabaachuushee qofa miti, lakkoofsi ishees kan warra lixaa waggaa torbaa fi ji'oota saddeetiin boodatti hafa.
Adda addummaan kun kan uumame Itoophiyaan dhaloota Iyyesuus Kiristoos karaa adda ta'een waan hubattuuf.
Ji’i dhumaa Qaammee jedhamuun beekamtu waggaa afuritti yeroo tokko ja’a taati, yeroo kaan shanuma.
Kan isheen ja’a taatu wayita akkaataa kaalaandarii Giriigooriyaaniitiin waggaan tokko guyyoota 366 ta’uudha, kun waggaa afuritti tokko mul’ata.
Manni amantii kaatoolikii hubannooshee duraan ture dhaloota Iyyesuus Kiristoos waggaa 500 booda sirreessitus, Manni Amantii ortodoksii Itoophiyaa garuu akkuma duraatti itti fufte.
Akka dhaha Giriigooriyaaniitti 2023 yoo ta'u Itoophiyaan ammoo 2016 keessa jirti.
Bara 1900 irraa hanga 2099 barri haaraan Itoophiyaa Fulbaana 1 jijjiiramu kaalaandarii Giriigooriyaaniin Fulbaana 11 irra bu’a, garuu bara lakkoofsi Giriigooriyaan waggaatti guyyaa 366 ta’u baroota jiran keessatti Fulbaana 12 irra bu’a.
Dhaha ykn kaalaandarii Giriigooriyaan
Kaalaandariin Giriigooriyaan kaalaandaroota kamuu caalaa biyyoota addunyaa hedduu keessatti hojiirra oola.
Kaalaandariin kun bara 1582 kaalaandarii duraan ture - Juliyaan Kaalaandar jedhamurraa fooyya’ee fi bakka bu’ee Poop Giriigoorii 8ffaadhaan addunyaaf gumaachame.
Dogoggora dheerina waggaa keessatti mudatu harka 0.002'n soroorsuun waggaan tokko giddugaleessaan guyyoota 365.2425 akka ta’etti mijeesse.
Kaalaandarri haaraan Juuliyaan Kaalaandarri irraa fooyya’e kun guyyaan gar malee dheeratee yookiin gabaabbatee yookiin ammoo guyyaa fi halkan walqixa dheeratee akka madaala yeroo waggaa keessaa hin burjaajessineef furmaata ta’eera.
Lakkoofsi kun ayyaanni Faasikaa tibba aduun qixxee mudhii lafaa ooltuu fi dheerinni guyyaa fi halkanii walqixa ta’u akka kabajamuuf haala mijeesseera.
Dhaha ykn kaalaandarii Juuliyaan
Kaalandariin jalqabaa addeessaa fi aduu malee lakkaa’amuu eegale Juuliyaan Kaalaandar jedhama.
Kaalaandariin kun kan Giriigooriyaan adda addummaa guddaa hin qabu.
Lakkoofsa warra Roomaa irratti kan hundaa’u yoo ta’u Dhaloota Kiristoos booda bara 46 Juuliyas Seezaar nama jedhamuun eegale.
Akkaataa kaalaandarii kanaan waggaan tokko ji’oota 12 fi guyyoota 365 qabaata, waggaa afuritti yeroo tokko ji’a Guraandhalaa irratti guyyaan tokko ni dabalama.
Dhaha ykn kaalaandarii Hijirii
Lakkoofsi Hijirii kan addeessarratti hundaa’u ammoo ji’oota 12 keessatti guyyoota 354 ykn 355 kan qabuudha. Kaalaandariin kun ka’umsi isaa hojiraadha. Hijiraan imala Nabiyyuu Mohammad (SAW) Makkaa irraa gara Madiinaatti taasisan yoo ta’u, innis bara 622 irraa eegala.
Lakkoofsi hijiraa Adoolesaa 19, 2023 irraa eegalee bara 1445 ta’ee jira, tilmaamaan Adoolessa 7, 2024 jijjirama.
Muslimoonni addunyaarra jiran ayyaanotaa fi sirnoota amantii garaagaraaf kaalaandarii kana fayyadamu.
Kaalaandariin biyyaalessaa Indiyaa ammoo wagga 78 kaalaandarii Giriigooriyaan duuba jira. Amajjii irraa hanga Bitootessaatti garuu waggaa 79 boodatti hafa.
Dhaha Iraan (Iranian Muslim Calendar)
Kaalaandariin Hijirii aduurratti hundaa’uun lakkaa’amu (Iranian Muslim Calendar) jedhamu ammoo bara durii irraa eegalee Iraan keessatti hojiirra oolaa ture. Yeroo ammaa Afgaanistaan keessattis kaalaandarii kana fayyadamu.
Akkaataa herrega istaandardii yeroo Iraanitti barri haaraan kaalaandarii kanaa Bitootessa keessa yeroo ifi guyyaa dukkana halkanii caalee mul’atu eegala.
Jijjiirraan baraa kun miira haaraa, jireenya haaraa fi milkii haaraa jedhamee amanama. Kanaafuu jijjiirraan baraa kaalaandarii kanaa jireenya hafuuraa keessattis hiika guddaa qaba.
Kaalaandariin kun biyya duraan Peershiyaa jedhamaa turte Iraan ammaa keessatti waggoota 2,000f hojiirra oolaa jira. Jaarraawwan lamaan darban keessatti sababa siyaasaa, amantii fi haalota yeroo eeganii dhufan waliin deemuuf jecha akkaataan lakkoofsa bara kanaa jijjiiramaa tureera.
Kaalaandariin Iraan keessatti hojiirra oolaa jiru kun lakkoofsa Giriigooriyaaniin gaafa Bitootessa 21 jijjiirama.
Dhaha ykn kaalaandarii Hibruu
Kaalaandariin Hibruu yookiin Kaalaandarii Juwish jedhamuunis kan beekamu kun bu’uurri isaa addeessaa fi aduu yoo ta’u, biyya Israa’el keessatti akkasumas biyyoota amantii Juwish hordofan keessatti hojiirra oola.
Kaalaandariin kun jalqaba dhaloota Kiristoos booda bara 10 eegaluutu himama. Akkaataa dhaha kanaan barri kun 5783.
Duraan wayita kaalaandarri kun eegalu bu’uurri isaa addeessa ture, kanaaf adda addummaa lameen gidduu jiru guutuuf jecha waggoota 3 hanga 4n ji’a tokko dabala.
Yeroo booda malli sun hafuun mala herregaan lakkaa’uutiin kaalaandarri kun qajeeluu eegale.
Yeroo ammaa hordoftoonni amantii Juwish kaalaandarii kanaan taliigamu.
Ayyaanonni, sagantaan kadhannaa fi dhimmoonni amanitin walqabatan hunduu akkaataa lakkoofsa baraa kanaan raawwatu.
Dhaha ykn kaalaandarii Chaayinaa
Kaalaandariin Rippaabilika Chaayinaa ammoo Minguo jedhama. Kaalaandariin siivilii kun bara 1912 bara hundeeffama Rippaabilika Chaayinaarraa eegala.
Kaalaandariin Chaayinaa kun addeessaa fi aduu irratti hundaa’e lakkaa’ama.
Akkaataa kaalaandarii kanaan ji’i haaraan wayita marsaan haaraa addeessaa mul’atu eegala. Jalqabbiin bara haaraas teessuma ji’aan murtaa’a.
Arfaasaa fi ganna gidduu yeroo baatiin gidduu geessu barri jijjiirama.
Chaayinaan sadarkaa biyyaalessaatti kaalaandarii Giriigoriyaan fayyadamti, lammiileen biyyattii garuu ayyaanota kan kabajan Kaalaandarii Chaayinaa kanatti fayyadamuudhaani.
Dhaha ykn kaalaandarii Jappaan
Kaalaandarii Jappaan sirna akka biyyaatti beekamuu fi kan hin beekamnes qaba.
Yeroo ammaa Jappaan kaalaandarii Giriigooriyaan waliin, kaalaandarii hundeensaa guyyaa gonfoo mootii yeroo ammaa biyyattii ta’e kabajji.
Reiwa kaalaandarii yeroo ammaa Jappaan dhimma itti ba’aa jirtudha.
Kaalaandariin kun Caamsaa 1, 2019 guyyaa ilmi mootii Akihiitoo hangafti Naruhiitoo mootii 126ffaa Jappaan ta’uun gonfoo fudhate eegalame.
Bara 1973 irraa eegalee kaalaandarri warra Jappaan bara aduu kaalaandarii Giriigooriyaan fayyadamaa jira.
Biyyattiin lakkoofsa baraa (kaalaandarii ishee) gonfoo mootoleen jijjiiruun beekamtis, sirna lakkoofsa baraa akkasii Chaayinaarraa baratte.
Sirna kana jalatti mootiin dhufaa darbaa gonfoo isaa jalatti bara haaraa uummatee darba.
Biyyattiin haala kanaa bara lakkaa’uu Dhaloota Kiristoos booda bara 701 irraa eegalte.
Garuu bara 1873 dura yeroo bulchiinsa gonfoo mootiin osoo hin taane taateewwan bu’uureffachuun kaalaandarii haaraa uumaa turte.
Dhaha Kooriyaa Kaabaa
Biyyi addunyaan moggaatti baastee jirtu Kooriyaan Kaabaa ammoo lakkoofsa baraa barsiisa amantii Junche jedhamu bu’uura godhate- 'Juche calendar' jedhamutti fayyadamti.
Lakkoofsi baraa kun guyyaa dhaloota hundeessaa biyyattii Kim Il Sung irraa eegala.
Guyyaan dhalootasaa, kaalaandarii Giriigooriyaaniin 1912, akkaataa kaalaandarii Juchen ‘’juche 1’’ jedhamee moggaafameera.
Dhaha Neeppaal
Kaalaandariin Nepal Sambat jedhamu addeessaa fi aduu bu’uureffachuun kan lakkaa’amu ta’ee Neeppaal keessatti hawaasa Newaarii jedhamantu itti fayyadamu.
Lakkoofsi baraa kun Dhaloota Kiristoos booda bara 879 Onkoloolessa 20 eegale.