Suuraalee miidhagoo kabaja Ayyaana Bara Haaraa Itoophiyaa

Haadaan yookiin abaaboon keelloo mallattoowwan birraan bari'uu nutti agarsiisan keessaati.

Keelloon gara caalu Fulbaana keessa kan daraaru haalli qilleensaa waqtii kanaa mijataa waan taheefi.

Guyyaa har'aa lammiileen Itoophiyaa Ayyaana Waggaa Bara Haaraa 2016 kabajataa jiru.

Akkaatuma kanaan suuraa Magaalaa Finfinnee, Adaamaafi Maqaleerraa walitti qabne isiniif dhiheessine.

Yeroo ayyaanaa mana keenya mana ayyaanaa kan fakkeessu keessaa caffee lafatti afnu.

Arrittii, ulumaayii fi biqiltuuwwan kaan qe'ee fi mana urgaa namatti toluun guutu.

Gatiin handaaqqoo, hoolaa, dhadhaafi killee ayyaana jala akka malee qaala'uun waan barame.

Ta'us, waggoota muraasa darbanitti garuu qaala'insa gatii biyyattii keessa jiruun akka malee dabaluu jiraattonni ni himu.

Tahus gabaa ayyaanaa suuraalee kunneenirraa arginuun wantoota kanaan alatti 'ayyaanni waan ayyaana' tahu hin fakkaatu.

Akka yeroo Masqalaa ta'uu baatullee aduu bara haaraallee namoonni xombora manaafi qe'ee isaanitti ibsatan jiru

Yeroo ayyaanaa ogeeyyiin sibiila tumanis akkuma tajaajila kaanii hojiin itti baay'ata. Hawaasnis qaluun dura haaduu qaruuf dabaree eeggata.

Ayyaana Gaarii isiniif haa ta'u!