Suuraalee miidhagoo kabaja Ayyaana Bara Haaraa Itoophiyaa

Haadaan yookiin abaaboon keelloo mallattoowwan birraan bari'uu nutti agarsiisan keessaati.

Keelloon gara caalu Fulbaana keessa kan daraaru haalli qilleensaa waqtii kanaa mijataa waan taheefi.

Guyyaa har'aa lammiileen Itoophiyaa Ayyaana Waggaa Bara Haaraa 2016 kabajataa jiru.

Akkaatuma kanaan suuraa Magaalaa Finfinnee, Adaamaafi Maqaleerraa walitti qabne isiniif dhiheessine.

Abaaboo keelloo
Ibsa waa'ee suuraa, Gosti abaaboo keelloo Itoophiyaa keessatti qofa biqilan jiru.

Yeroo ayyaanaa mana keenya mana ayyaanaa kan fakkeessu keessaa caffee lafatti afnu.

Arrittii, ulumaayii fi biqiltuuwwan kaan qe'ee fi mana urgaa namatti toluun guutu.

Dubartii hidhaa caffee qabattee jirtu
Ibsa waa'ee suuraa, Caffeen qarqara lagaa yookiin lafa jalli bishaan baay'atutti bal'inaan biqila

Gatiin handaaqqoo, hoolaa, dhadhaafi killee ayyaana jala akka malee qaala'uun waan barame.

Ta'us, waggoota muraasa darbanitti garuu qaala'insa gatii biyyattii keessa jiruun akka malee dabaluu jiraattonni ni himu.

Tahus gabaa ayyaanaa suuraalee kunneenirraa arginuun wantoota kanaan alatti 'ayyaanni waan ayyaana' tahu hin fakkaatu.

Maqalee lola waggaa lamaa irraa boqottee Ayyaana Bara Haaraa kabajaa jirtu
Ibsa waa'ee suuraa, Maqalee lola waggaa lamaa irraa boqottee Ayyaana Bara Haaraa kabajaa jirtu

Akka yeroo Masqalaa ta'uu baatullee aduu bara haaraallee namoonni xombora manaafi qe'ee isaanitti ibsatan jiru

Nama Adaamaatti xombora gaalarratti fe'ee gabaatti baase
Ibsa waa'ee suuraa, Nama Adaamaatti xombora gaalarratti fe'ee gabaatti baase

Yeroo ayyaanaa ogeeyyiin sibiila tumanis akkuma tajaajila kaanii hojiin itti baay'ata. Hawaasnis qaluun dura haaduu qaruuf dabaree eeggata.

Harka haaduu qaraa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Haaduun doome qaranii qalma ayyaanaaf qopheessuun waan barame

Ayyaana Gaarii isiniif haa ta'u!