'Shinooyyee weeddisaan guddadhe, aadaa kana beeksisuufan sirbe' - Weellistuu Meetii Haayilee

Meetii

Finfinnee mana barumsaa Aaskoo sadarkaa lammaffaatti barsiistuu kan taate Wellistuu Meetii Hayilee, sirbaa fi barsiisummaan ogummaa lamaan walfaana hojjetti.

Tibbana ammoo sirba haaraa 'shinooyyee' jedhu aadaa dubartoonni Qaammee keessa sirban uummata biraan geesseetti.

Shinooyyeen weedduu dubartoonni yeroo barri haaraan dhufu Qaammee keessa weeddisani.

Weedduu dubartootaa kana Ijoollummaarraa hanga kutaa 11 baradhutti weeddisaa waanin guddadheef aadaa kana beeksisuufan sirba kana hojjedhe jetti Meetiin.

"Shinooyyeen sirba shamarraniiti. Shamarran hin heerumne jechuudha. Bakka adda addaatti maqaa adda addaa qabaachuu dandaha.

"Shinooyyeen ani hojjedhe kuni aadaa uummataa kan naannoo Shawaa kibba lixaatti sirbamudha" jetti.

Wedduun dubartoonni gurmuudhaan weeddisan kuni ergaawwan gammachuu dhufaatii bara haaraa, jaalalaa fi abdii kan keessatti calaqqisu akka ta'es himti.

Shamarran weedduu kanaaf dursanii qophii kan godhatan yoo ta'u, Ashooshillaa hidhachuun, Qunnii buqqifachuun, Rifeensa bareechachuun warra ijoodha.

Dubartoonni mana namaarra deemanii Weedduu shinooyyee weeddisan abbootii warra mana sanaa nijaju, nileellisu akkasumas ni eebbisu.

Warri manaa ammoo dubartoota kana waanuma qaban kennuufi jetti Meetiin.

Shamarran Shinooyyee sirban

Madda suuraa, Meetii Hayilee

"Dur akka aadaatti dhadhaa dibu malee birriin hin kennamu ture. Amma warri manaa waanuma qaban kennu. Baayy'inaan amma birriitu kennamaafi," jetti.

Sirbi Qaammee Meetii 'Shinooyyee' jedhu kuni qaammee simannaa bara haaraatiif akka gadhiifamee fi sirbicha keessatti bakka aadaan kuni akka gaariitti jiru deemuun qabiyyeesaa sirriitti agarsiisuuf yaaleera jetti.

Barsiisummaa Fi Sirba

Meetiin hanga ammaa sirboota qeenxee shan uummataan geesse keessaa sirba 'Galoo maaloo maaloo' jedhuun beekamtii akka horatte himti.

Sirboota kunneen yoo hojjettu hojii barsiisummaa ishee wajjin walcinaa deemsisuun akka ta'es himti.

"Ijoollummaa kiyyarraa kaasee fedhii sirbaan qaba. Garuu maatiin gara barumsaa fedhu waan ta'eef sirba kanin eegale ergan yunivarsiitii irraa eebbifamee hojii jalqabeeyi. Sirboota shanan kana hojii barsiisummaa kiyyas hojjechaatuman hojjedhe" jetti.

Mana barumsaatti yeroo barsiisuuf daree deemtu barattoonni sirba isheetiin akka ishee akkeessanis himti.

"Yeroon kutaa seenuuf gara darbiitti olbahu ijoolleen 'Galoo maaloo maaloo' jedhu dhokatanii. Eenyu akka ta'e ani hin argu. Yeroo hedduu akkas godhu. Ani barattoota kiyya baay'een jaaladha isaanis akkasuma. Jaalalumaaf akka na akkeessan nan hubadha" jetti.