Aaadaa Oromoo: Dargaggoonni Goobeefi Shinooyyee aadaasaanii agarsiisuuf Finfinnee keessa socho'an maal himu?

Shamarran uffata aadaan faayaman

"Finfinneen seenaadhaan wantoota garaagaraa keessa dabarteerti. Inni guddaan garuu eenyummaafi aadaan uummatni Oromoo qabu magaalasaa keessatti sirriitti aagarsiifamuufi daawwatamuu qaba," jedha dargaggoo Biruk Girmaa

Feestivaalli aadaa Goobeefi Shinooyyee yeroo sadaffaaf har'a magaala Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti eegalameera.

Dargaggootni Goobeefi Shinooyyee guyyoota itti aananitti magaala Finfinneefi magaalota naannoo Oromiyaa garaagaraa keessa deemuun taphoota aadaa Goobee fi Shinooyyee agarsiisuuf qophaa'an eebba maanguddoo fudhataniiru.

Magaala Sabbataarraa kan dhufte shamarree Xajjituu Alamaayyoo "aadaan Qaammee keessattuu naannoo magaala Finfinneetti irraanfatameera. Namootni aadaa kana dagatan akka nurraa baratanfi maatinis nu arganii ijoollensaanii aadaa kana akka baratan akka taasisanif barsiisuuf deemna" jechuun BBCti himteerti.

Ce'umsa uumamaafi simannaa aadaa…

Barri moofaan xummuramee barri haaraan yemmuu dhufu uumamni naannoo biqilootnifi haalli qilleensaa amala haaraa horatu.

Bacaqiin gannaa qooree dachiin abaaboo ililliifi biqiltuu lalisaan uwwifamti.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Aadaa dagatamaa jiru dadammaqsuu: Festivaalii Aadaa Goobeefi Shinooyyee

Ce'umsi bara tokkoo isa biraatti taasifamu kun adeemsa uumamaan cinatti adeemsa aadaa mataasaa akka qabu kan himu hoji gaggeessaan dhaabbata Piromooshinii Boraatii Aarti dargaggoo Biruuk Girmaa, taateelee aadaa barri haaraan uummata Oromoo biratti ittiin simatamu keessaa Goobeefi Shinooyyeen isaan ijoo ta'uu hima.

Haa ta'u malee aadaan Goobeefi Shinooyyee dagatamaa jiraachuu kan himu dargaggoon kun "aadaa kana bakkatti deebisnee Itoophiyaan bara haaraa bifa kanaan simatti kan jedhu akka agarsiisnufi" jechuun sababa festivaalli kun itti qopha'e hima.

Dabalataan "akkaataan bara haaraa sadarkaa biyyaatti ittiin simannu bifa aadaafi eenyummaa keenyarraa maddeen osoo hintaanee dhiibbaawwan alaa dhufanfi hamma ta'e ammoo wantoota eenyummaa keessaa ibsaniini" jechuunis aadaawwan ganamaa kun dagatamaa jiraachuu hima.

"Aadaan kun feestivaala ta'ee bifa waaltawaa ta'een yemmuu kabajamu carraa UNESCOtti galmaa'u akka argatu akkasumas faayidaa sadarkaa biyyaatti argachuu qabnus akka argannu kan taasisudha" jechuunis dargaggoo Biruk Girmaa BBCti himeera.

"Goobeefi Shinooyyee akka waltajjii dargaggootaatti…"

Feestivaalli aadaa Goobeefi Shinooyyee qindoomina dhaabbata Piromooshinii Boraatii Aartiifi Biiroo Aadaaf Tuurizimii Oromiyaatin qophaa'e.

"Har'a eebba maanguddootaan erga eegalamee booda Finfinnee kutaalee magaalaa garaagaraarra naannoofnee aadaa kana agarsiisna. Uummataafis ergaa baga geessanii dabarsina" jedha hoji gaggeessaan dhaabbata Piromooshinii Boraatii Aarti dargaggoo Biruk.

Dhiirota uffata aadaan faayaman

Dargaggootni Goobeefi Shamarran Shinooyyee magaala Finfinnee keessatti guyyoota sadiif erga turee booda gara Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee akkasumas magaalota Bishooftuufi Adaamaatti imaluun taphoota aadaa kunneen agarsiisu.

Feestivaala kana waggaa waggaan itti fufuuf karoora akka qaban BBCti kan hime dargaggoo Biruk, festivalli kun "waltajjii guddaa kan dargaggootni aadaafi eenyummaa isaanii bu'uura godhatanii itti wal argan akka ta'u barbaadna" jedha.

Feestivaalichi dargaggoota Oromiyaa qofa osoo hintaanee kan dargaggootni Itoophiyaafi Afriikaa itti wal arguu danda'an akka ta'uf kaayyoo qabaachuu hima.

"Kanaanis sirni Gadaa keenya sadarkaa Afriikaatti fudhatama akka argatu akkasumas aadaafi eenyummaa keenya gurguruufi sadarkaa Afriikaatti wanta fayyadamaa nutaasisu irraa arganna" jedha.

Dabalataan feestivaalli aadaa Goobeefi Shinooyyee sabaaf sablammoota biyyattii gidduutti tokkummaafi jaalala biyyaa cimsuu keessattis gahee akka qabaatu dargaggoon kun hima.

Sirni cufiinsaa feestivaalichaa Fulbaana 10, 2014 magaala Finfinneetti taasifama