'Akka qeerroo Madagaaskaar goona'- dargaggoota aangoo dheeraffachuu Pirezidantii Jibuutii morman

Madda suuraa, Getty Images
Paarlaamaan Jibuutii pirezidantiin biyyattii yeroo ja'affaaf filannoo akka dorgomaniif haala mijeessuuf jecha daangaa umrii heera mootummaa biyyattiirra jiru kaase.
Maanguddoon umrii waggaa 77 Ismaa'el Omaar Giilee biyya xiqqoo Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Aden gidduutti argamtu Jibuutii waggaa 26 bulchaniiru.
Heerri mootummaa Jibuutii namni umrii waggaa 75 dabarraan filannoo pirezidantummaarratti akka hin hirmaanne ni dhorka.
Bu'uura kanaan Pirezidant Ismaa'el Omaar Giilee filannoo bara dhufu biyyattii keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuu hin danda'an jechuudha.
Haata'u malee pirezidantichi marsaa dabalataaf dorgomuu akka danda'aniif fooyya'iinsi heera mootummaa qophaa'ee Dilbata kaleessaa paarlaamaa biyyattiif dhihaatee ture.
Paarlaamaan Jibuutiis fooyya'iinsa heera mootummaa kana sagalee guutuun raggaasisuu Afa-yaa'iin paarlaamichaa tajaajila oduu biyya Faransaay- AFPtti himaniiru.
Murtee paarlaamaa kana pirezidantichi fudhachuun raggaasisuu yookiin ammoo uummati sagalee irratti kennuun akka murteessu gochuun kan irraa eegamu ta'a.
Yoo mirkaneessan ammoo paarlaamaan biyyattii torban booda yeroo lammaffaaf sagalee irratti kenna.
Heera mootummaa biyyattii keessatti keewwati nama filannoo pirezidantummaaf dorgomu umriidhaan daangessu akka jiraatu kan taasisan pirezidantichi mataasaanii turan.
Jijjiiramni bara 2010 Pirezidant Ismaa'el Omaar Giilee taasisan kun yeroon aangoo isaanii akka daangeffamu kan godhuudha. Akkasumas yeroo turtii aangoo pirezidantummaa kan marsaa tokkoo waggaa ja'a irraa gara shaniitti xiqqeesseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daangaa umrii pirezidantii heera mootummaarraa kaasuun lammiilee biyyattii biyya keessaa fi ala jiran guddoo mufachiise.
Aanga'oonni siyaasaa biyyattiin ala jiranii fi quuqamtoonni mirga namoomaa pirezidantichi marsaa ja'affaaf dorgomuu akka danda'aniif heerri mootummaa fooya'uu mormuun, biyyattii keessatti gama nageenyaa fi dimokiraasiin jijjiiramni akka barbaachisu waamicha dhiheessan.
Lammiileen Jibuutii biyya keessaa fi ala jiran hedduun murtee kana erga dhagahanii booda miidiyaa hawaasummaarrattis mormii cimaa dhageessisaa jiru.
Barataan umrii waggaa 24 Hakiim ''Yeroon Jibuutiin dammaquun yeroo aangoo marsaa ja'affaa mormuu qabdu amma. Akka dargaggoonni Madagaaskaar godhan gochuu dandeenya,'' jechuun barreesse.
Rogeettiin Hawwaa jedhamtu ammoo ''karaa dimokiraatawaan mootummaa kana kuffisuun biyya keenya hurrii kana keessaa baasuu qabna. Nuffineerra,'' jechuun X irratti barreessite.
Dhimmoota Gaanfa Afrikaa xiinxaluun kan beekaman Sooniyaa La Guuriiliich ''miidiyaa hawaasummaarratti namoonni mufachuusaanii ibsaa jiru. Haata'u malee biyya yaada bilisaan ibsachuu fi walabummaa pireesii sarbitu, Jibuutii, keessatti lafarratti mormii dhageessisuun ni ulfaata,'' jedhan.
Afa-yaa'iin paarlaamaa Jibuutii heera mootummaa biyyattii fooyyessuun kan barbaachiseef ''Gaanfa Afrikaa tasgabbii hin qabne, kan biyyoota akka Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Ertiraa of keessaa qabdu keessa biyya xiqqoo jirtu, Jibuutii, keessatti tasgabbii mirkaneessuun dirqama ta'ee waan argameef,'' jechuun AFPtti himan.
''Akkan yaadutti lammiileen biyyattii dhibbeentaa 80 caalan fooyya'iinsa heera mootummaa kana ni deeggaru,'' jedhan.
Filannoo waggaa afur dura gaggeeffamerratti dorgomuun marsaa shanaffaaf kan injifatan Pirezidant Ismaa'el Omaar Giilee, sagalee uummataa kenname keessaa dhibbeentaa 97 argatan.
Paartiin pirezidantichaa paarlaamaa biyyattii keessaa teessoo hedduu waan qabuuf murteewwan hedduu dabarsuu keessatti qooda guddaa qaba.
Ismaa'el Omaar Giilee bara 1999, namoota biyyattii hundeessan keessaa tokko kan tua'anii fi waggaa 22f biyyattii kan bulchan Hasan Guleed Ooptiidoon, harkaa aangoo fudhatan.
Pirezidant Omaar Giilee, Pirezidantii Ugaandaa yeroon aangoosaanii waggaa 40tti siqaa jiru Yuweerii Museveenii fi waggaa 30f Ertiraa kan bulchan Pirezidant Isaayaas Afaworqiiti aanuun Baha Afrikaa keessatti aanga'aa yeroo dheeraaf aangoorra turan sadaffaadha.
Biyyi uummata miiliyoona tokkotti siqu qabaachuunshee himamu Jibuutiin Gaanfa Afrikaa fi naannawa Galaana Diimaatti bakka murteessaa ta'erratti argamuunshee humnasheetii ol guddattee akka mul'attu taasiseera.
Jibuutiin daldala gara keessaa fi gara alaa Itoophiyaaf bakka akkaan murteessituu yoo taatu, buufataaleen waraanaa Ameerikaa, Faransaay fi Chaayinaa keessatti argamu.
Humna galaanaa biyyoota hedduufis akka daandii imalaatti tajaajilti.












