‘Dawaan ulfaatina hir’isu dhibee onnee fi istirookiis ni ittisa’-Ogeeyyii

Madda suuraa, Getty Images
Qorichi ulfaatina qaamaa hir'isu carraa dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu(Stroke) ykn dhukkuba onnee akka hir'isu yaalii haaraan mirkaneesse.
Warri dawaa ‘Wegovy’ jedhamu tolchan akka jedhanitti, dawaan kun namoota furdina garmalee qaban dhukkuba onneef akka hin saaxilamne harka shaniin hir'isa.
Qorichi kun Ameerikaa keessatti jaallatamaa yoo ta'u, baatii Waxabajjii 2023 keessa Tajaajilli Fayyaa Biyyooleessaa Ingilaand dawaa ulfaatina qaamaa hir'isuuf kana raggaasise.
Argannoon kun ammallee qorannoo dabalataa barbaada.
Qorichi kun namootaaf ajajamuu dura irra-deebiin qaamolee dawaa to'ataniin mirkanaa’u qaba.
Garuu dhaabbati qoricha kana oomishu Novo Nordisk jedhamu qorichi kun faayidaa yaalaa ifatti mul’atu qaba, akkasumas namoonni ulfaatina qaamaa isaanii akka hir'isaniif gargaara.’’
Pirezidantii ittaanaan Dhaabbatichaa Maartiin Hoolist Laang, yaaliin kun yaaliin murteessaa ta’edha jedhan.
"Namoonni garmalee furdatan carraan dhukkuba onnee fi ujummoolee dhiigaatiin qabamuu olaanadha, garuu hanga har'aatti qorichi ulfaatina qaamaa to'achuuf kennamuu fi ulfaatina qaamaa to'achuu danda'u, carraa dhukkuba onnee, dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu ykn dhibee onnee fi ujummoolee dhiigaatiin du’uu hir'isuun mirkanaa'e hin jiru."
Dawaan kun akkaataa furdinni qaamaa '' itti ilaalamuu fi yaalamuu'' jijjiiru danda’a jedhe Hoolist Laang.
‘Firiin qorannoo argame mufachiisa miti’
Dawaan ‘Wegovy’ jedhamu qoricha ulfaatina qaamaa hir'isuuf torbanitti al tokko fudhatama.
Dawaan kun namoota miirri beelaa nama qoricha kana fudhatametti akka dhagahamu gochuun, nyaata xiqqaa nyaatanii ulfaatina qaamaasaanii akka hir’isan taasisa.
Tajaajillli Fayyaa Biyyooleessaa Ingilaand qoricha kanaaf beekamtii kan laate erga qorannoon namoota dawaa kana gargaaraman ulfaatinni qaamaasaanii %10 ol hir’achuu agarsiisee booda.

Madda suuraa, Getty Images
Yaaliin gaggeeffame akka agarsiisutti garuu namoonni qoricha kan fudhatan yeroo baayyee erga wal'aansa dhaabanii booda ulfaatina qaamaa kan duritti deebi'u.
Qorannoon haaraan gaheeyyi umuriin isaanii waggaa 45 fi isaa ol ta’an 17,600 ol kan ilaale yoo ta’u, waggoota shaniif qoratame.
Bal’inni qorannoo haaraa xumura waggaa kanaatti bahuuf jira.
Yunivarsiitii Kaambiriijiitti Profesara kan ta’an Isteefan O'Rahilii, firiin yeroo dheeraaf eegamaa ture ''mufachiisa miti'' jedhan.
"Guduunfaan argannoo qorannoowwan kanaa ifoome furdinni garmalee akka rakkoo fayyaa- dhiibbaa dhiigaa fa’aatti ilaalamu qaba, qorichi bu'a qabeeyyii ta’an rakkoo fayyaa hamaa mudachuu danda’an hir’isuu danda’u."
Novo Nordisk qorannoo isaa haaraa xumura bara kanaatti qaamolee to’attoota dawaa Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaatti geessuuf karoorfachuu ibse.












