Namtichi dhuguu bahe filaashii odeeffannoo jiraattota magaalaa tokkoo qabu gate

Filaashiin bade kun odeeffannoo dhuunfaa jiraattoota magaalaa namoota walakkaa miliyoona ta’an qaba ture

Madda suuraa, Getty Images

Namoota hedduuf, hojii booda dhuguun akka bashannanaatti ilaalama.

Hojjetaan tokko Jaappaan keessatti hiriyyoota isaa waliin ala bahe erga filaashii gate garuu bashannanuu isaaf of komachuu mala.

Maaliif? Filaashiin yookiin USB stick gate keessa odeeffannoon ummata miiliyoona walakkaatti dhihaatu keessa jira.

Namni maqaan isaa hin eeramne kun filaashicha borsaa isaa keessa kan keewwate halkan dhugaati alkoolii otoo hin dhugiin guyyaa dursee magaalaa Amagasakii jedhamtufi Kaaba-Dhiha Osakaatti keessatti.

Namtichi sa’aatiiwwan dheeraaf restorantii naannootti dhugaa erga turee booda karaa gubbatti bahee of wallaale jedhe miidiyaan biyyatti.

Adeemsa keessa wayita qalbiitti deebi’u borsaa fi filaashiin isaa baduu hubate.

Miidiyaan Jaappaan NHK jedhamu akka gabaasetti, namtichi umriin isaa ganna 40 keessa kan jiru yoo ta’u, dhaabbata maatii tajaajila taaksiirraa bilisaa kennuun beekamuuf hojjataa ture.

Namtichi filaashii gate odeeffannoo dhuunfaa jiraattota magaalichaa guutuu otoo hiriyyoota isaa wajjin waliin hin argiin Kibxata darbe filaashiirratti dabarsee ture.

Qondaaltoonni magaalichaa akka jedhanitti, filaashiin bade sun odeeffannoo akka; maqaa, guyyaa dhalootaa fi iddoo jireenyaa jiraattoota magaalichaa qaba.

Odeeffannoo eegamuu qaban kanneen akka kaffaltii taaksii dhuunfaa, lakkoofsa baankii fi maatii deeggarsa maallaqa argatanii fa’aa qaba.

Qondaaltoonni akka jedhanitti, akka carraa ta’ee garuu odeeffannoo filaashii sanarratti argamu paaswoordiin hidhamera.

Akka qondaaltonni kun jedhanitti namni hanga yoonaatti odeeffannoo kanatti gargaaramuuf yaale hinjiru.

Taatullee ta’ii qaaneessaa kana hordofee kantibaa magaalichaa fi hoggantoonni hafan biroos jiraattota dhiifama gaafataniiru.

‘’Amanamummaa hawaasaa bulchiinsa keenya keessatti waan miineef garmalee gaabbine,’’ jedhan qondaalli magaalaa Amagasakii tokko ibsa wayita kennan.