Jifataan Aljeeriyaa jibba amantii kakasuun himatame ji’a 8’f tapharraa dhorkame

Yuusef Ataal bara 2018 kilaba Naayis seene

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yuusef Ataal bara 2018 kilaba Naayis seene

Lammiin Aljeeriyaa, jifataan kilaba Nice ta'e Yuusef Ataal, waraana Israa'el-Gaazaarratti jibba amantii miidiyaa hawaasaarratti kakaase jechuun manni murtii Faransaay ji'oota saddeetiif tapharraa dhorke.

Manni murtii yakkaa Nice Yuusef Ataal viidiyoo jibba Jiwishoota of keessaa qabu Inistaagiraamiisaarratti maxxansuu isaatiif Yuuroo 45,000 akka kaffalu itti mure.

Dargaggoon ganna 27 Ataal hanga kilabiin isaa''beeksisa dabalataa baasutti'' tapharraa uggurameera.

Yuusef Ataal tapha dorgommii Waancaa Afrikaarratti garee biyyalessaa Aljeeriyaa wajjin akka taphatuuf filatameera.

Ataal odeeffannoon isaa bal'inaan gaazexaawwan naannichatti maxxanfaman

Li Moondii fi Naayis Matiin jedhamaniif akka kaffalu itti murameera.

Yuusef Ataal erga viidiyoo jibba amantii kakaase jedhame kana maxxansee booda haquun, guyyaa ittaanu dhiifama gaafatee ture.

Ataal dhaddacha mana murtiittis wayita dhiyaate dhiifama kan gaafate yoo ta'u, ''viidiyoo sekendii 35 dheeratu sana hin ilaalle, Ani dhaamsa nageenyaa akka dabarsuun barbaade,'' jedhe.

Haata'u malee, falmii isaatti abbaan alangaa hin amanne.

''Viidiyoo sana qooduun dhaamsa sana deeggaruu jechuudha, akkasuma deeggaruufi,'' jedhan abbaan alangaa Megii Chutiyaa yeroo mana murtiitti dubbatan.

''Sekendii 35 sana keessatti waa'ee nagaa yeroon haasa'ame hin turre'' jedhan Megii Chutiyaa.

Ataal erga barreeffama sana maxxansee si'a sadii Aljeeriyaaf kan taphate yoo ta'u, Waancaa Afrikaa Ivory Coast Amajjii 13 eegalamurratti akka hiriirutu eegama.