Dargaggoo dizaayina pirojektoota gurguddoo Itoophiyaa duuba jiruun walbaraa

Madda suuraa, Haile Tadese
"Hawwiifi tattaafannaa koo fi waanin haga har'aa milkeesse walbira yommuun ilaalu, waanin tureyyuu natti fakkaata," jechuun ofitti amanamummaan kan dubbatu dargaggoo Hayilee Taaddasaati.
Jalqaba baatii Eeblaatti misooma Itoophiyaa keessatti haarayaa beeksifaman keessaa, bakki bashannanaa Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaatti argamu Rizoortiin Halaalaa Keellaa namuu irratti kan haasawaa turedha.
Piroojektiin 'Maaddii Biyyaaf' jedhamuun beekamu jalatti argamuufi Naannoo haarayaa hundeeffame kanatti argamu MM biyyattii Abiy Ahimadiin eebbifamuun banameera.
Sagantaa eebbaa kanarratti akka ibsametti, riizoortiin kun: "waliigaltee Piriitooriyaan booda, MM Abiy Ahimad fi bakka buutonni Paartii TPLF yeroo jalqabaaf fuulleetti walitti dhufanii bakka itti walarganidha."
Hayilee Taaddasa Fayyisaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabaratitti kan argamtu Kaachisiitti dhalatee guddate. Barnoota isaas achumatti baratee obbaase.
Yunivarsiitii Wallaggaatti ramadamee damee Arkiteecharaan waggoota shaniif erga baratee duuba, qabxii olaanaan eebbifame.
Eebbaan boodas waggoota lamaaf Yunivarsiitiiwwan Hawaasaa fi Dabira Birhaanitti barsiisaa tahuun tajaajileera.
Achiis barnootasaa Diigrii lammeessoo (Masters) Yunivarsiitii Finfinneetti gosa barnootaa Arkiteekcharaal Injinariingiin xumure.
Erga achii bahes kaampaanii dhuunfaa isaa Lula Engineering jedhamu hundeessuun hojjechaa akka jiru turtii BBC wajjin taasiseen dubbateera.
Piroojektiin Halaalaa Keellaa maali?

Madda suuraa, FBC
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Misoomni bakka bashannanaa kun qaama piroojektii guddaa 'Koysha International Tourist Destination Development' jedhamuufi godinaalee Naannichaa hedduu keessatti argamudha.
"Piroojektiin kun qabeenya uumamaafi nam-tolchee, seenaa fi aadaa hawaasa naannoo sanaa kan qabatedha," jedha arkiteekt Hayilee.
Misooma sagantaa 'Maaddii Biyyaatiin' naannichatti ijaaramaa jiran keessaa inni guddaan Paarkii Biyyaalessaa Cabaraa Curcuraa tahuu dubbata dargaggoon kun.
Kana malees misoomni nam-tolchee seenaa bara dheeraa qabuufi ijaarsi dhagaa goggogaa 'Halaallaa Keellaa' jedhamus as keessatti akka argamu dubbata.
"Keellaan ykn ijaarsi dhagaa goggogaa jaarraa 16ffaa keessa uummata Daawurootin ijaarame... tilmaamaan km1200 kan dheeratudha.
Kan ittiin waamamuus maqaa mootii isaanii isa dhumaa Halaalaa jedhamuun waamama. Kaatii Halaalaa Keellaa jedhuun."
Kana malees Hidhaan Gilgal Gibee 3ffaa, akkasumas Hidhaan Annisaa Elektirikii Maddisiisu Kooyishaanis qaamuma piroojektii guddicha kanaati.
Misoomni shanaffaa as keessatti hammatamu hawaasa Caaraa jedhaman jiddugaleessa kan godhatedha.
"Ummanni Caaraa durii qabanii beekumsa biyyoorraa sibila baasuu qabu, haga har'aattis hojjetaa jiru. Hawaasni kun aadaafi teknolojii mataasaa kan qabudha."
Misooma kanneenis kilaastara shaniitti hiruun akka dizaayinasaa tolchan hima arkiteektin kun.
Dabaluunis misoomni kunneen gulantaa waggoota hanga 25 gahu keessatti kan hojjetamanii xumuraman tahus jedhameera.
"Piroojektii yeroo gabaabaa waggaa sadii keessatti Riizoortiiwwan Halaalaa Keellaa fi Cabaraa keessatti argamu."
"Ani nama baadiyyaatti dhalatee guddatedha," kan jedhu Hayileen, qabeenyi uumamaa naannichaa akka isa maalalchiisu dubbata.
"Namoonni maal jedhu 'Tulluuwwan Afrikaa walitti qabamanii Daawurooo dhufan'," jechuun uumamaan naannoo badhaatedha jedha.
"Gama biraan aadaa, duudhaa, fi seerri uummanni Daawuroo qaban, akkasumas nageenyi naannoo sana jiru kan eegamedha. Simannaan keessummaaf taasisanis addadha."
Akka dargaggoon kun jedhutti hordoffiin dhiyeenyaa pirokjetoota kanaaf karaa Waajjira MM taasifamuufi nageenyi naannoo sana jiru, misoomni kun yeroon xumuramuuf guddoo gumaachan.

Madda suuraa, Haile Tadese
Gaheen dargaggoo kanaa maal?
Arkiteekt Hayilee Taaddasa gama kaampaanii waggootaan dura hundeesseen qaamolee misooma guddaa kanaafi kaanirratti hirmaatan keessaati.
Kaampaaniin isaa Lula Engineering fi kaampaaniin biraa Stadia Engineering jedhamu waliin tahuun saxaxa yookaan dizaayina pirojektoota kanniin midhaassaniiru, kana malees hordoffii taasisaniiru.
"'Concept design' piroojektoota kilaastaraan hiramanii jiran kana tolchuu bira dabree, to'annoo fi hordoffii dizaayina kanaas akka hojjennuuf kontiraata galle," jedha dargaggoon kun.
Akka dhuunfaattis dargaggoon kun dursaa garee arkiteekcharaal tahuun piroojektiiwwan kanarrattis hirmaachuu dubbate.
"Umriin koo waggaa 31. Wantoota har'a bira gahe jedhee yaaduufi hawwiifi tattaafannaa koo [walbira qabee] ilaalu, xiqqoo waanin tureyyuu natti fakkaata," jechuun ofitti amanamummaan piroojektii kana hojjechuu dubbata.
"Inni guddaan cimanii hojjechuudha," kan jedhu dargaggoon kun, "ijoollummaarraa qabee barumsa arkiteekchariif jaalalaafi fedhii addaan qaba," jedha.
Dargaggoon kun barumsaafi hojiirratti cimee hojjechuun alatti, damee kanaan hanga danda'een muuxannoo bakka biraa jiran qooddachuuf akka tattaafatus ni hima.
"Pirojektii kana otoo hin argatin dura, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa deemeera. Paarkiiwwan biyya keenyaa akkamitti misoomuu qabu kan jedhuun Maasaayi Maaraa fi Sarangeetii daawwadheera."
Kana malees Arkiteekt Hayilee Taaddasa pirojektii akka biyyaatti qabamee hojjetamaa jiru Misooma Turizimii Gorgoraa, kan Naannoo Amaaraatti argamu dizaayina isaa hojjechuu isaas BBCtti himeera.
Arkiteekt Hayilee dizaayina pirojektii kanaa bakka MM Abiy Ahimad argaman, Kooyishaatti dhiyeessuus hime.

Madda suuraa, Haile Tadese
'Waan rarra'ee hafe'
Arkiteektiin kun oggaa waayee kaayoo fuuladuraafi hojiilee amma hojjetu gaafatamu, dhimma itti fufiinsaa ykn waarawaa tahe - 'sustainability' irra deddeebiin kaasa.
"Addunyaan faalama qilleensaan walqabatee haalli jiru, boru miidhaa fida jedhamee yaadama," jedha.
"Yaada sustainability'n inni kana dura badellee akka duubatti deebi'u; inni har'a ijaaramu ammoo akka fooyya'ee ijaaramu ni barbaadama.
Abbootiin keenya Oromoo misooma kamuu ennaa hojjetan, uumama faana akka walsimatu taasisanii hojjetu. Waan uumama miidhu hin jajjabeesani."
Akka ogeessa arkiteekcharii kanaatti ijaarsi amma ijaaraman, waan kana jiddugaleessa kan godhatan miti.
"Pirojektoonni qo'annaa malee karoorfamu, ijaaramu. Jalqabaa fi dhumni isaanii hin beekamu.
"Addunyaa fuuldura deemtuttis hojjechaa hinjirru; hanga abbootiin keenya nu dhaalchisaniinis hojjechaa hinjirru. Akka biyyaatti waan gidduutti [rarra'ee] hafe wahii qabna.
"Ani akka Hayilee Taaddasatti, akkuma abbootiin keenya Odaa Shan jedhanii nutti dabarsan kana; nutillee gamoowwan waarawaa tahan [dhaloota dhufuuf] dabarsuu qabna jedhee hawwiis abdiis qaba."












