Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Falmii filannoo Baayidaniifi Tiraampirratti dhiibbaa dullumni fidu ajandaa ta'a
Seenaa Ameerikaa keessatti kadhimamtoota pireezidantii lamaan umriin guddaa akka Baayidaniifi Tiraamp hin mul'anne. Ammoo dhimma ijoo duula filannoo keessatti umriin ajandaa lamaanuu bira darbuu hin dandeenye ta'eera.
Kamisa dhufu pireezidantiin amma aangoorra jiru Joo Baayidaniifi pireezidantiin duraanii Doonaald Tiraamp duula filannoo keessatti falmiiwwan taasisan lamaan keessaa isa jalqabaa ni gaggeessu.
Walatajjiin kun uummatni filatu lameen keessaa eenyu qaamaanis, qalbiinis fooyya'aa akka ta'e akka adda baasu gargaara.
Manguddoon ganna 81 Baayidaniifi morkataan isaa ganna 78 Tiraamp daqiiqaawwan 90f kaameraawwan ammayyaa fi ifaa humna guddaa jalatti dhimmoota akka diinagdeefi waraana biyya alagaatti godhamurraa kaasee dhimma godaansaa fi hegeree dimookrasiirratti wal falmu.
Falmii kana keessatti arrabni walxaxuun ykn waan jedhan jalaa baduun gaaffii dullumni itti cimeera jedhu kaasa. Kunimmoo filannoo bu'aansaa walitti siiqaa ta'a jedhamaa jiru jijjiiruu danda'a.
Lamaan keessaa garuu Pireezidantii umrii guddaa Ameerikaa kan ta’an Joo Baayidan gahumsa isaanii agarsiisuuf dhiibbaa caalutu irra jira jedhama. Mirrii fi gahumsi hojii Pireezidantichi waajira isa adii keessatti qabu gaaffii uumaa jira.
Filannoo pireezidantummaa bara 2012 irratti duula filannoo Baraak Obaamaa qindeessaa kan ture Jiim Mesiinaa Baayidan ganna 81 ta’uun dhoksaa hin qabu, Tiraampis naannoodhuma sana jedhee dhimmi inni ijoon umrii osoo hin taane imaammataafi gahuumsadha jedha.
Falmiin Kamisa dhufu gaggeefamu garuu garaagartummaa lameen gidduu jiru agarsiisa jedha namni kun.
Yaada uummataa sassaabamee jiruun namoota sagalee kennu jedhaman keessaa irra hedduun umrii Baayidan irraa yaaddoo qabu. Ammoo Tiraamp filannica injifatee jennaan reekardii pireezidantii umrii guddaa Ameerikaa Baayidan ni cabsa.
Yaadni uummataa Niiw Yoork Taayimsi ji'a Bitootessa darbee akka agarsiisutti namoota filannoof galmaahan keessaa dhebbeentaa 70 kan ta'an Baayidan ''Pireezidantii gahumsa qabu ta'uuf dulloomaadha'' jedhanii amanu.
Namoota umriinsaanii 65 ol ta'e dabalatee kanneen yaada kennan dulluma irraa kan ka'e gahumsa Baayidan yoo filatame waajira keessatti agarsiisurraa yaaddoo qabaachuu ibsaniiru.
Namoota filatu jedhaman keessaa dhibbeentaan 42 Tiraampis akkasuma ta'a jedhanii amanu.
''Dhimmichi lamaanuu ilaallata, Baayidani garuu gaheera'' jedhe Yunivarsiitii Verjiiniyaatti daayireektarri gidduugala siyaasaa Laarii Sabatoo.
Jalqaba bara kanaatti Baayidan hojii pireezidantii hojjechuuf gahumsa qaba jedhamee hakiimota Waayit Haawusi irraa mirkaneessituu argateera. Haata'u malee erga waajira kana qabatee kaasee gaaffiin umrii irra deddeebiin irratti ka'a. Rakkoon dulluma keessa dhufu dhiyeenya kana sirriitti irraa mul'ataa turan. Sagaleen isaa laafaa dhufe, waa dagachuunis isa mudateera.
Ammoo hamma qeeqxotni isa eegan caalatti bu'aa bayii irraa eegamu bahaachaa turee jedha Sabaatoo.
Misoonsotumti dhaaba isaa ifaafi dhuunfaan waayee umrii pireezidantichaa yaaddoo qaban ibsaniiru, ammoo isa deeggaruurraa booda hin jenne.
Gareen duula filannoo Baayidan falmii Kamisaaf qophii cimaa gochuu ibsee, pireezidantichi ammallee bulchuu itti fufuuf gahumsa qabu ni agarsiisa jedhe.
Tiraamp falmii kana dursee yaada kenneen ''xiqqeessee isa hin ilaalu'' jedhe. Baayidan hamma namni hedduun eeguun ol qophayee dhiyaachuu danda'aa jedhe.
Ammoo ragaa malee himata guddaa tokko dhiyeesse. Baayidan qoricha gahumsa isaaf dabalu fayyadama'' jedhe. Gareen filannoo Baayidan himannaa kana ''soba ija babaase'' ittiin jedheera.
Hakiimni dhuunfaa Tiraamp ibsa ji'oota dura baaseen ''bu'aan qormaata hubannoo isaa addadha'' jedhe.
''Yeroo ani waa jedhu, hubannaan isaa rakkoo qaba'' naan jedhu jechuun deeggartootatti kan dubbate Tiraamp, Baayidan ammoo keenyanitti bu'a. Waltajjiirraa kufa. Darbiirraa kufa'' jedhe.