Tiraamp viidiyoo harkiifi miilli Baayidan hidhamee mul'isu qooduun qeeqamaa jiru

Pirezidantiin duraanii US Donaald Tiraamp viidiyoo harkiifi miilli Pirezidantii Ameerikaa hidhamee mul’isu qooduu isaaniin garee duulaa Baayidaniin qeeqamaa jiru.

Gareen duula filannoo Baayidan filannoo baatii Sadaasa dhufu adeemsifamuu dura Tiraampiin ''hookkara siyaasaa irra-deddeeniin kakaasuun'' himataniiru.

Dubbii himaan garee duula filannoo Tiraamp Dimookiraatonni Tiraamp irratti ‘’hookkara jibbisiisaaf’’ waamicha taasisaa turan jedhan.

Tiraamp viidiyoo kana miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social jedhamuurratti gaafa Jimaataa maxxansan.

Barreeffamni jalatti barraa’e Niw Yoorkitti guyyaa Kamisaa akka waraabame ibsa.

Gaafas Tiraamp du'a gahii qondaala poolisii Niiw York dhukaasa itti banameen ajjeefameerrattii argamaniiru.

Viidiyoon kuni konkolaattonni fe’isaa lama daandirra jiraachuu mul’isa. Aaabaan US irratti uwwifameera, alaabaan biraa poolisii deeggara jedhamees irra jira.

Konkolaataan lammaffaa barreeffama ''Trump 2024'' jedhu irratti barraa’eera. Duuba isaarratti suurri Pirezidant Baayidan harkiifi miilli isaanii hidhamee mul’isu jira.

Eegasii gareen dorgomtoota lamaanii wal qeeqaa, wal himataa jiru.

‘’Tiraamp guyyuu hookkara siyaasaaf kakaasu, namoonni dammaquu qabu - dimookiraasii keenya yeroo tiksan poolisoota ajjeefaman mee gaafadhaa,’’ jedhan Mikaa’el Taaylar.

Dubbiin isaanii kuni yeroo Tiraamp sagaleen isaanii hatamuu ibsanii deeggartoonni isaanii Kongirasii Ameerikaa humnaan seenuuf jedhan humnoota nageenyaa du’an ibsuufi.

Dubbii himaan duula filannoo Tiraamp Isteevan Chewung deebii kennaniin; ‘’Suuraan suni duuba konkolaataa daandii gubbaa deemaa turerra kan maxxanedha,’’ jechuun ibsan.

Dimokiraatonniifi dabeessonni Tiraamp fi maatii isaanii irratti hokkarri jibbisiisaa akka ka’u waamicha gochuu qofa osoo hin taane, sirna haqaa akka meeshaatti itti dhimma bahaa jiru,’’ jedhan.

Bakka bu’aan dorgomtoota paartii Rippablikaanii pirezidantii Ameerikaa ta’uf kan dorgoman Tiraamp, himannaan yakkaa afur irratti banameera.

Himannaawwan afran irrattuu Tiraamp ani qulqulluudha jedhaniiru. Himannaa galma siyaasaa qabutu narratti baname jedhu.

Dhimmi harkiifi miilli Baayidan hidhamee mul’atu dhimma teellanaa gareewwan lamaan walitti buusaa jirudha.

Waayit Haawusitti deebi’uu kan barbaadan Tiraamp jalqaba baatii kanaa Ohaayootti dubbii taasisaniin yoon filamuu baadhe ‘’dhiigatu dhangala'a’’ jechuu isaaniin qeeqamaniiru.

Dhimma kana gareen Baayidan qeeqeera. Tiraamp garuu dubbiin kiyya akka biraatti hubatame jedhanii deebisan.