Baayidan miseensa maatii qabaachuu haalaa turan yeroo jalqabaaf amanan

Pirezidaant Joo Baayidan yeroo jalqabaaf intala ilmasaanii torbaffaa ifatti beeksisan.

Intala ganna afurii kan taate Neviin mucaa ilma Pirezidant Baayidan, Haanter jedhamuti.

Haantar dhiheenya kana deeggarsa daa'immanii irratti falmii mana murtiitti qabu xumure.

''Aniifi Jiil, Neviin dabalatee, ijoollee ijollee keenyaa hundaaf waan gaarii ta’e qofa hawwinaaf,'' jechuun Pirezidant Joo Baayidan Jimaata dubbatan.

Pirezidantichi kanaan dura Neviin intala ilma isaanii ta'uu beeksisu diduusaaniif warri Rippabilikaanotaa fi Dimookiraatota isaan qeeqa turan.

Ibsa barruu 'People' jedhamuuf kennaniin, yeroo jalqabaaf daa'ima kanaaf beekamtii kennan.

Pirezidant Baayidan ''kun dhimma siyaasaa osoo hin taane, dhimma maatiiti'' jedhan.

Baayidan ilmi isaanii haadha Neeviyi kan taate Lundan Roobartis waliin ''hariiroo intala isaaniif guddisuuf fayyadu, gara fuulduraatti hanga danda'ametti iccitii ishee eeguuf'' hojjechaa akka jiran dubbatan.

Haantar Baayidan, abbaa Nevii ta’uun kan mirkanaa'e erga Aadde Roobartis deeggarsa daa'immanii gaafattee booda qorannoo qaccee ykn DNA gaggeeffameen ture.

Haantar Aadde Roobartis waliin hariiroo qabaachuu yaadannoo isaa bara 2021 keessatti barreesse, yeroo sanatti dhugaatii alkoolii fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatee akka ture dubbate.

"Waa’ee walitti dhufeenya keenya yeroo sanaa waanti yaadadhu tokkollee hin qabu," jechuun barreesse.

"Hariiroon nama kamiyyuu waliin qabu xiqqaa ture. Rakkoo keessan ture, garuu waanta tureef itti gaafatamummaa fudhadheera" jedhe.

Pirezidant Baayidan Nevii kaasuu dhabuu isaaniitiin namoonni muraasni hawaasa keessatti akkaata Baayidan itti ilaalaman wajjiin wal hin gitu kanneen jedhaniis turan.

Mana Maree keessatti Rippabilikaanota kan bakka bu'an Aadde Elisii Istefaanik, Baayidaniin amala ''hadoodaa, garaa laafuma kan hin qabne, ofittoo fi abshaalummaa kan hin qabne'' jechuun qeeqxe.

''Joo Baayiden waggoota darban waan sirrii hojjechuu qabu ture, ijoollee ijoollee isaanii hundaaf beekamtii kennuu akka qaban namni Ameerikaa hundi ni beeka,'' jechuun Daily Mail'tti himani.

Haantar Baayiden ijoollee dabalataa biroo afur qaba.