Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp waan sobeef dolaara miliyeena 354 akka kaffalu itti murtaa'e
Pirezidaantin duraanii Ameerikaa Donald Tiraamp qabeenya qabu ilaalchisee mana baankii waan sobeef manni murtii adabbii dolaara miliyeena 354 ol Isteeta Niw Yoorkiif akka kaffalu itti mure.
Niw Yoorki keessatti Tiraamp waggaa sadiif baankirraa liqii akka hin fudhanneefi akka gaggeessaa kaampaanitti akka hin tajaajille abbaan murtii Artar Engoron itti muraniiru.
Niw Yoorkitti abbaa qabeenyaa riil isteetii beekamaa kan ta'e Tiraamp kampaaniwwan muraasni akka hin cufamneef sobee ture jedhame.
Murtee kana olan iyyadha malee maallaqa jedhame kana hin kaffalu jedheera Tiraamp.
Abbaan murtii Artar waliin dhahuu Tiraamp kana ilaalchisee yaada kennaniin adabbiin cimaan yoo itti kenname malee hojii waliin dhahuu kana Tiraamp akka hin dhaabne ibsan.
Keessumaa yakka gibira waliin dhahuu Dhaabbanni Tiraamp bara 2022 tti raawwate akka fakeenyatti kaasun murtee kana dabarsan abbaan murtii. Yeroo sana Tiraamp gaggeessitoota dhaabbata isaatif karaa hin malleen [gibira akka waliin dhahaniif] maallaqa guddaa waggootaf kennaafii akka ture.
Adabbii dolaara miliyeena 354tin alattis dhala adabbii kanaa akka kaffaluuf manni murtii itti murteessera. Kana jechuun, walii galatti Tiraamp gara dolaara miliyeena 450 adabama.
Gama biraan ammoo ijoollen dhiiraa Tiraamo lama: Donaald Juniyerifi Erik tokkoon tokkoon isaanii dolaara milyeena 4 akka kaffalan itti murameera. Akkasumas waggaa lamaaf Niwu Yoork keessatti biizinasii akka hin hojjanneef yoo ittifaman namni biraa isaan waliin himatame Alan Wiselbarg, hojjataa olaanaa herreegaa Trump Organization kan ture, dolaara miliyeena 1 akka kaffali jedhame.
Tiraamp, dhaabbannisaafi shariikonni isaa waggaa sadiif Niwu Yoork keessatti liqii gaafachuu akka hin dandeenyes dhorkamaniiru.
Ijoollen Tiraamp lachanuu murtee manni murtii abbaasanifi isaanirratti murteesse kana mormuun siyaasaf jedhamee malee yakka hojjannee miti jedhan.
Haadha alangee walii galaa Niwu Yoork kan ta'an Latishiyaa Jeemsi Tiraampfi warra isa wajjin himataman hunda ragaa faayinaansii sobaa dhiyeessun dhala xiqqaa ta'een maallaqa guddaa baankirraa liqeeffataniiru jechuun adabbiin irratti murtaa'e akka ol ka'u gaafatan.
Latishiyaan akka jedhanitti Tiraampifi dhaabbanni isaa adabbii dolaata miliyeena 370 kaffaluu qabu jedhan.
Gibira waliin dhahuufi milaammilchuun wal-qabatee himatawwan kanaan dura irratti dhiyaataa turanis ta'ee kan ammaa kana Tiraamp hin ammanne.