Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp biyya Nato'f buusii buusuu didde Raashiyaan haa haleeltu jechuu Baayidan balaaleffatan
Pireezidantiin US Joo Baayidan morkataa isaanii filannoo bara kanaa ta'u kan jedhaman Doonaald Tiraamp biyyoota miseensa Nato ilaalchisee yaada kennan ''kan waayee hin baafne, saalfachiisaafi kan Ameerikaa hin ibsine'' jechuun balaaleffatan.
Tiraamp biyyootni Nato kootaa buusii maallaqaa ittisaaf oolu buusuu hin dandeenye ''Raashiyaan akka weerartu nan jajjabeessa' jechuu isaaniif Baayidaniin qeeqaman.
Baayidan kana kan jedhan biyyoota michuu US ta'aniif maallaqa deeggarsaa doolaara biiliyoona 95 ta'u atattamaan raggaasuun akka barbaachisu wayita ibsaniidha.
Wiixinee michootaaf maallaqa arjoomu kun Seeneetiin fudhatama argatee ragga'us Bakka Bu'oota Uummataa biratti qormaatni isa eeggata jedhamee eegama.
Maallaqa biiliyoona 95 kana keessaa biiliyoona 60 kan ta'u Yukireeniif kennama.
''Seenaa keessatti pireezidantiin kan biraan abbaa irree Raashiyaaf gadi jedhe hin jiru'' jedhan Baayidan.
''Waan kana hamman danda'e ifa godhee haa dubbadhu... kan waayee hin baafne, saalfachiisaa, hamaa, Ameerikaa kan hin ibsine'' jechuun yaada Tiraamp balaaleffatan.
Kibba Kaarolaayinaatti hiriira deeggarsaarratti kan dubbatan, bakka bu'aan warra Rippaablikaanii, Tiraamp buusii miseensota Nato'n ''seera hin qabu'' jechuun qeeqan.
Tiraamp hogganaa biyya guddoo kana biraa tokko waliin waayee Raashiyaan haleellaa irratti banuu maltu dubbachuu hiriira kanarratti yaadataniiru.
Qondaalli kun miseensa Nato buusii barbaachisu hin buufne US balaarraa ni ittistii jedhee isaan gaafachuu Tiraamp dubbatan.
''Animmoo buusii hin buufnee? seera cabsitaniittu'' jechuun Tiraamp deeggartootatti himan. ''Lakki ani isin hin ittisu, inumaa isinirrattin jajjabeessa. Buusii buusuu qabdu.''
Baayidan haalli Tiraamp tokkummaa waraanaa kana itti hubatan dogoggora ta'uu ibsan.
''Hamman ani pireezidantii ta'ee jirutti Putiin miseensa Nato yoo haleele, Yunaayitiid Isteets lafa Nato dhumdhuma tokkofillee ni falmiti'' jedhan Baayidan.
Ergaa warra Rippaablikaaniif dhaamaniin ''Yukireen waliin moo Putiin waliin dhaabattu? Ameerikaa moo Tiraamp waliin dhaabattu?'' jedhan pireezidant Baayidan.
Akka gabaasa Faayinaanshaal Taayimsitti Naton Roobii dhufu gabaasa baasuun miseensotasaa 31 keessaa 18 bajata waliigalaasaanii keessaa dhibbeentaa lama bajata humna waraanaaf ramaduun milkaahuu beeksisa.
USn alatti biyyi miseensa Nato maallaqa dhibbeentaa lamaa ol humna waraanaaf ramadaa jirtu Poolaandi qofa.
Bara 2016 keessa biyyoota Nato shan qofatu galma kaahame bira gahe. Kun ammoo Tiraamp kan US miseensummaarrayyuu bahuu dandessi jedhanii dhaadataniin qeeqameera.
Garaagartummaan Baayidanifi Tiraamp dhimma waraana Yukireeniifi hariiroo US fi Nato irratti qaban filannoo pireezidantummaa as adeemaa jirurratti dubbii ijoo ta'uun hin oolu.