Hooggantoota siyaasaa dulloomaniin buluun dhiibbaa akkamii qaba?

Filannoon pireezidantummaa US kan bara 2024 wayita dhiyaachaa jirutti dhimmi aanga'oota siyaasaa dulloomanii ajandaa yaachisaa ta'eera.

Pireezidantiin US Joo Baayidan, akkasumas kan isaan dura aangoorra turan Doonaald Tiraamp, umrii soorama itti ba'an irra waggaa 10 caalaa dabarsanii osoo jiraniiti kan biyya bulchan.

Hooggantoonni kaanis jiru, fakkeenyaaf Paawuliin Niwumaan umriin waggaa 96, hanga yoonaa daanyaa federaalaa US.

Isayyuu ammallee itti fufuu fedhu, waahillan isaanii ammoo aangoo gadhiisuu qabu jedhu. Kanarratti walhimannaa keessa galaniiru.

Gama hooggantoota dulloomaniin buluutiin kan akka US falmii keessa gale hin jiru.

Filannoo bara 2024f kan morkatan Pireezidnat Joo Baayidan fi Doonaaldi Tiraamp walduraa duubaan umriin isaanii waggaa 80 fi 77.

Kan Joo Baayidan umrii gidduu lammiilee Ameerikaa dachaa ol ta'a, kan Tiraamp ammoo umrii namni Ameerikaa tokko soorama itti ba'ee maallaqasaa guutuu fudhatuudha.

Hawaasi hooggansa dulloomeen bulu bakka bu'ummaarratti rakkoo keessa gala, hunda caalaa ammoo rakkoon qophaa'ummaa sammuu ni mudata.

Ogeeyyiin saayinsii sammuu fi xiin-sammuu akkuma umrii namaa adda addaa ta'e dandeettiin sammuus garaagari.

Dhimmi kun namni tokko dulluma keessa aangoo qabachuu falmisiisaa taasiseera.

Dandeettiin nama garii umrii waliin dabala, kaan ammoo hir'ataa deema.

Dullumi akkamiin sammuu miidha?

Qabeen sammuu yeroo keessa hir'ataa deema. Kutaan sammuu gara fuulduraa umriin waliin hammisaa hir'achuun beekama, waggaa 10 keessatti dhibbeentaa shan hir'isa.

Dhimmoota akka rakkoo furuu, karoora qixeeffachuu fi gocha tasaa to'achuuf waan gargaaruuf kutaa qaamaa hooggansaaf akkaan murteessaa ta'eedha.

Dandeettiin raawwachiisummaa umriin namaa waggaa 30 keessa gaafa galu hir'achuu eegala, waggaa 70 wayita seenu saffisaan hir'ata.

Dandeettiin waa raawwachuu sammuu wayita hir'ataa deemu ammoo miirri wantoota tasa mudataniif deebii kennuu akkaan hir'ata. Akkasumas yaadota irra deddeebi'uu fi amala dhababataa hin taane qabaachuub bal'inaan mudata.

Rakkoon dafanii waa raawwachuu namoota umriinsaanii waggaa 65 ol ta'etti hammaata.

Yuuniversitii Kaalifoorniyaatti daarektarri damee dhimma sammuu fi siyaasaa (Neuropolitics) Maarki Fiishar, ''umriin 65 gulantaa sammuun namaa waa raawwachuu dadhabuu itti jalqabuudha,'' jedhe.

Umriin sammuun itti dadhabuu eegalu, waggaan 65, biyya umriin giddugaleessaa lammiileeshee 76 ta'e US keessatti qorannoo qoratamerratti kan hundaa'edha.

Haalli kun biyyoota addunyaa guddina diinagdee garaagaraa qaban keessatti garaagarummaa ni qabaata.

Fakkeenyaaf Kaameeruun biyya umriin giddugaleessaa waggaa 60 ta'e keessatti bulchaan biyyattii maanguddoo waggaa 90ti.

Addunyaarratti bulchitoota aangoorra jiran keessaa Pool Biyaa nama umriin guddaadha.

Fiishar akka jedhutti namni umrii waggaa 65 darbe hundi dandeettiin sammuun waa raawwachuu walqixa hin dadhabu.

Dandeettiin sammuun yaadanii waa raawwachuu namaa namatti adda adda jedha.

Dhibeewwan lamaa, sadi qabaachuun (Comorbities) sababoota adda addummaa uuman keessaa ijoodha.

Namni dhibee onnee, kantaruu dhiigaa fi dhiibbaa dhiigaa qabu sammuunsaa waa raawwachuurratti ni barfata.

Dullummi yeroo hunda dhukkuboota kunneen wal qabachuu baatus, garuu dhibeewwan kunneen akka nama qabaniif karaa saaqa.

''Dhibeen dhiigaa fi dullumi yoo walitti dabalame sammuu dadhabsiisa, keessattuu dandeettii waa raawwachuu,'' jedha Fiishar.

Iccitiiwwan sammuu keessaa tokko dhibee dandamachuu yoo ta'u, kunis namaa namatti garaagarummaa qabaachuu danda'a.

Yuuniversitii Kaalifoorniyaatti saayintistiin dhimma sammuu Maark Maapistoon, sammuun miidhamee bakka of buusuu kan dadhabu yoo dhibee seelota sammuu ajjeesu- Alzheimer jedhamuun hubameedha jedha.

Dullumi hundi oduu badaa ta'uu hin danda'u. Namni garii wayita dulluumu sammuunsaa cimaa deema.

Dandeettiin sammuun odeeffannoo alaa fudhachuuf qabu akkuma umriin dabaluun hir'ataa deemus, odeeffannoo argate toora qabsiisee raawwachiisuurratti garuu umrii waggaa 70 keessattillee fooyya'iinsi ni argama.

Maark Maapistoon akka jedhutti namni waggaa 60 keessa jiru jechoota hedduu beekuudhaan nama waggaa 20 keessa jiru ni caala.

Kanaaf dubbiirratti jechoota hedduu waljijjiiree fayyadamuun raawwii fooyya'aa agarsiisuu danda'a, namni umriin deeme.

Yuuniversitii Biraawonitti ispeeshaalistiin xiinsammuu siyaasaa Rooz Maakdermot, ''sammuun wayita dulloomaa deemu hubannoo jabaa qabaachaa deema,'' jedhe.

Dandeettii sammuu umuriin hin daangofne

Namoonni wayita dullooman dandeettiin sammuusaanii akkaan dabalu jiru. Isaan kunneen "super agers" jedhamu.

Namoonni akkas jedhaman kanneen umriinsaanii waggaa 80 fi isaa ol ta'edha, dandeettii sammuusaanii kan waggaa 20 fi 30 dura ture qabatanii turuun namoota addaa jedhaman.

Kutaan sammuu namoota akkasii, kan waa yaadachuu fi qalbeeffachuuf gargaaru- entorhinal cortex jedhamu niwuroonota akkaan hedduu fi fayya qabeeyyii ta'aniin kan badhaadheedha.

Kanaafuu hiriyoota isaanii caalaa dandeettii waa raawwachuu qabu.Saayintistoonni gariin aanga'oota siyaasaa dulluma keessa biyya bulchan kanneen akka Joo Baayidan as keessatti ramadu.

Dullumi akka waliigalaatti hojii sammuurratti dhiibbaa qaba, keessattuu aanga'oota siyaasaaf ammoo qormaata guddaadha.

Yuuniversitii Kaambiriijitti ogeessi dhimma hariiroo sammuu fi narvoota qaamaa kaanii Pirofeesar Barbaraa Sahaakiyaan, ''aanga'oonni siyaasaa bitaa mirga ilaalanii rakkoo furuuf akkasumas murtee sirrii dabarsuuf dandeettiin sammuu sadarkaa gaariirra jiraachuu qaba,'' jedhe.

Jijjiiramni umrii irratti mul'atu kun yeroo filannoos dhiibbaa mataasaa qaba, filattoonni akka qabxii tokkootti fudhatu waan ta'eef bu'aa filannoorratti dhiibbaa qaba.

Dullumi sammuu ilaalcha siyaasaas ni miidha jechuudha.

Qorannoon Fiishar fi waahillansaa waliin qoratan akka mul'isutti ilaalchi siyaasaa jijjiiramuu baatullee, namoonni sammuunsaanii dadhabe qajeeltoon siyaasaa fi imaammati filatan walsimuu dhabuun ni mul'ata.

Calallii dandeettii sammuu dureewwan siyaasaaf

Fiishar fi ogeeyyiin kaan dhiibbaa dullumi sammuurratti qabu akka ragaatti dhiheessuun, aanga'oota siyaasaaf calalliin dandeettii sammuu taasifamuufii qaba jedhu.

Kunis umriisaaniirratti hundaa'uun ta'uu qaba jedhan.

Haata'u malee yaadi kun ogummaa saayinsiin qofa ta'uun hafee, dantaa siyaasaan kan dhuunfatamee fi akkaan walxaxaa ta'eera.

Paartii Rippaabilikaan irraa kaadhimamaa pireezidantii kan ta'an Niikkii Haaleeyi, aanga'oonni siyaasaa umriinsaanii waggaa 75 caale hunduu calallii sammuu keessa darbuu akka qaban adda durummaan gaafatu.

Garuu adeemsi kun namoota siyaasaa dulloomaniin guddoo qeeqame, hojiitti hiikuufis rakkisaadha.

Yuuniversitii Teekinikaa Muunikitti ogeessa yaala sammuu kan turan Pirofeesar Haansi Fooristil, wayita aanga'aan siyaasaa bulchaa biyyaa ta'uuf jirutti qofa madaallii sammuu raawwachuun haala sammuun nama kanaa irra jiru hubachuun rakkisaadha jedhe.

Namooti siyaasaa dullooman akkamiin keessummeeffamu?

Aanga'oonni siyaasaa dulloomoon US lameen, Joo Baayidan fi Doonaald Tiraamp, filannoo pireezidantummaa biyyattiin bara 2024 geggeessiturratti akka hirmaatan ibsu.

Namoonni dhimma dullumaa fi aangoo siyaasaarratti yaada kennan, ilaalcha jibbiinsaa dulluma irratti mul'atu- ''toxic ageism'' irratti dubbachuuf filannoo US 2024 kaasu.

Haala kanan namoonni umriin jaaranii fi waajjira mootummaa keessa hojjetan xiyyeeffannaa akka argatan kan godhan jiru.

Jaallannus jibbinus gara fuulduraatti namuu umurii dheeraa hojiin dabarsuun waan hin oolle jedhu ogeeyyiin.

Kaan ammoo kanaan mormu. Filannoo yaada uummataa Asoosheetid Pirees gaggeessee fi qorannoo jaarmiyaa giddugala dhimmoota uummataa- Norc jedhamuun gaggeeffameen waa'een umrii Joo Baayidan dhimma namuu irratti dhimmamu ta'eera.

Qorannoon CBS fi xiinxalli daataa YouGov gaggeessan akka mul'isutti, namoonni hedduun aanga'oonni siyaasaa umriisaanii waggaa 75 olitti pireezidantii US ta'uurratti gaaffii qabu.

Kunimmoo adeemsa Joo Baayidan fi Doonaald Tiraampitti bishaan naquuf deema.

Murteen hawaasaa akkuma jirutti ta'ee, madaalliin raawwii sammuu falmii deemaa jirutti fala godha jedhanii fudhachuunis ni ulfaata.