Biyya nageenyashee eegsisuuf garee Waagnar irratti hirkattu Maaliitiif amma maaltu fala?

Ijoollee Maalii baqarra jiran

Biyyi Afriikaa Maaliin wayita hidhattoota foxxoquuf lolaniifi milishoota Islaamaa waraantuutti, humna mindeeffamtoota garee Waagnaritti fayyadamte. Garuu amma dursaan garichaa du’eera. Naga eegsiiftoonni UN’s bahaa kan jiran yoo ta’u, biyyattii rakkoon mudachuuf jira.

Gabaasaan BBC Feraas Kilaanii gammoojjii Kaaba hamaa biyyattiitti imaluun, waggaa darbe kana keessa gaazexessaa miidiyaa idil-addunyaa achi dhaqee ummata danqamee achi jiruun walargeedha. Gaazexeessaan kun akkasiin gabaaseera.

Namoota ibida biratti walitti qabaman

Kaampii dhaabbannee ibidda qabsiisuun irbaata bilcheefachuu kan eegalle baayyee halkan turreeti. Achumaanis samii banaa jala rafuudhaaf uffata keenya diriirsine. Akkuma tasaatti callisni ho’a gammoojjii halkanii sagalee mootaraatiin guutame.

Naannawa keenyattis loltoonni naannoo keenyaa wayita qawweefi meeshaa waraanaasaanii nyaachiifatan dhageenye. Nutis garee foxxoquuf lolan, Tuareg kan nama mootaraan dhufe sun akka socha’u itti himan waliin turre.

Akkuma namtichi deemeen, kanneen waliin turre battalaan achii deemuu akka qabnu nutti hime. Namtichi garee hidhattoota al-Qaa’idaatiif basaasaa waan tureef achi turuun balaa cimaa qaba ture.

Nutis of eeggannoodhaan jiinsiiwwan keenya uffata aadaafi uffata mataa warra Tauregitti geeddaranne. Yoo lammiileen biyya biraa akka kaampicha keessa jiru hubate ammoo milishoota fiduun nu ukkaamsuu danda’u.

Nutis saffiisa danda’ameen meeshaa keenya xaxachuun ibsaa konkolaataa ykn baatirii tokko malee atattamaan akka hin hordofamneef kaanee oofuu eegalle.

Kaabni Maalii kunis to’annoo mootummaatiin ala. Foxxoquuf kan lolan Tuareg fi milishoota Islaamaa al-Qaa’idaa waliin hidhata qabaniin bulfama.

Isaanis akka wal hin uqneef waliigaltee qabu. Ta’us muddamni halkan sana hubannees rakkoo cimaa guutuu biyyattii seera-maleessuummaan hangam cimaa akka ta’e mul’isa.

Mootummaan biyyattii nageenya eegsiisuuf nagaa eegsiiftoota UN caalaa garee Waagnar Raashiyaa irratti hirkata. Amma garuu dursaan mindeeffamtoota kanneenii Yevegenii Piriigoozhiin balaa xiyyaaraatiin ajjeefameera.

Kanaanis oppareeshinii Maalii keessaa gaaffii keessa kan galche yoo ta’u, Maaliin sodaa cimaa keessa akka galtu taasiseera.

Garee IS jalaa baqachuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gara bahaatti ammoo gareen Islaamiik Isteet (IS) of ijaaruun eddoowwan to’annoosaanii bal’ifachuuf yaalaa jiru.

Nutis namoota sababii waraana IS’n danqamanii jiran arguu barbaannee turre. Kanaaf, gara gammoojjii keessaa gara magaala Kidaal kan baha Maaliitti argamtuutti fageenya kiilomeetira 1,000 ta’u oofne.

Wayita achi qaqabnuttis, bakka namoonni kumaatamni manasaaniirraa baqatan itti argamanitti dunkaana dhaabbanne.

"GareeIslaamik Isteet akka asi dhufnuuf nu dirqisiise’’ jetti Faatimaan wayita nutti himteetti. Faaxumaan kan umuriin ishee waggaa 60mota keessatti argamtuuf kun mana ishee ta’era. Intalaafi ijoollee intalashee lama waliin jiraatu.

Abbaan manaasheefi abbaan manaa intalashee wayita hidhattoonni IS hollaasaanii bakka dur jiraatanirratti haleellaa bananiitti ajjeeffaman.

‘‘Dhiiroota keenya hunda ajjeessanii, nyaataafi loon keenya hundaa guban,’’ jette. Warri kaanis attamiin miidhaan, hoolonniifi gaallisaanii dhumuun harka duwwaatti akka hafan seenaawwan walfakkaataa nutti himan.

Daa’imman nuti agarre baayyeen isaanii uffataafi kophee ofirraa hin qaban.

Faaxumaan mucaa intalashee hammachuun intala ishee waliin

Faaxumaafi kanneen maatiishee keesatti lubbuun hafanis kiilomeetira dhibba hedduu miilaan imaluun Kidaal bakka amma jiraatan, Menaakaa kan baha Maaliitti argamu qaqqaban.

Ofuma keenyaan akka agareetti gammoojjii keessa imaluun baayyee cimaadha. Daandiin diriire omtu hin jiru, kan jiruuf lafa rakkisaa konkolaataan duraan irra darbeedha.

Gammoojjii cirracha diriiraa yeroo tokko tokko mukeeniifi biqiltuu gaggabaaduun akka tuqaa ta’e mullatutu diriiree argama.

Namoota Kidaaliif kun cimaa miti, sababiin isaas yoo xinnaate lubbuun hafaniiru. ‘‘Bishaaniifi dahoo waan arganneef turre,’’ jetti Faaxumaan.

Namoonni buufata kana keessa jiran dhaabbata miti-mootummaa naannichaa irraa gargaarsa muraasa argatu garuu gahaa miti.

Akkasumas, dhiiroota muraasa kaampicha keessa jiran keessaa tokko kan ta’e Musaa Ag Taahiir dubbisneera. Loltoonni gare IS manasaa miidhaniiru.

‘‘Wayita IS magaalicha keessa seenanitti of dhokseen erga isaan bahanii maatiikoo waliin baqachuu danda’e,’’ jedhe.

Gordubee manasaatti boolla qotee attamiin akka of awwaluun of dhoksee jalaa miliquu danda’e hima. Ijoolleesaa afur waliin baqate.

Maalii bulchiinsa Manaakaa

Gara Waagnaritti garagaluu

Kidaal bakka duraan Faaxumaafi Muusaan irraa dhufan caalaa nagaa qabaatulleen, haalli caalaa badu danda’a jechuun yaaddoo cimaatu jira.

Bara 2012 keessa, wayita loltoonni riphe loltootaa Kaaba to’achuun, bulchiinsa walabaa labsaniitti waraanni fonqolcha gaggeesse.

Mootummaan haaraan yeroos loltoonni Faransaay dhaqanii akka waliin hidhattoota Islaamaa waraananiif gaafate. Bara 2013 keessa akkuma isaan qaqabaniin UN ammoo humna idil-addunyaa Minusmaa jedhamu nagaa eegsiisuuf eerge.

Dureewwan waraana biyyattii ammas bara 2020 aangoo qabatan. Erga sanaa kaasee gareen juntaa, Faransaay, kan dur isaan koloneeffatteerraa qoolliffachuun loltootashees gara biyyaatti debiisan.

Bara 2021tti ammoo mooummaan Waagnar akka Maalii seenuun nagaa eegsiisuuf isaan gargaaraniif affeere. Kanaaf, mindeeffamtoota Raashiyaa qofatu qaama alaa nagaa eegsiisuun gargaaraa jira.

Mootummaan biyyattiis nagaa eegsiiftoonni UN 12,000 biyyaa akka bahaniif gaafate. Yeroo ammaa kanas bahuurratti argamu.

Nutis buufata UN kan Kidaal keessaafi Sadaasa keessa cufamuuf jiru dowwanneerra.

Nageenyaaf jecha naanawa seensaarratti koroojoowwan cirrachaan guutaman tulamanii mul’atu.

Isa duubatti ammoo namoonni koffiyyaa cuquliisa kaawwataniif konkolaataawwan adii mallattoo UN jedhu qaban agarre.

Feraas seensa dallaa UN irra dhaabbatee namoota keessa jiran waliin dubbataa

Eegduun karraa raadiyootiin nama ta’eetti dubbannan dhiiroonni sadiidhufan. Akka suura kaasuu dhaabnu nitti himan. Akkasumas, sababii gadhiisanii bahuuf qophiirratti argamaniif af-gaaffii nu waliin gochuu akka hin dandeenye nutti himan.

Gareewwan naannichaa ammoo yoo humnootii UN kunneen bahaniitti milishoonni IS, loltoonni al- Qaa’idaa waliin hidhata qabaniifi warri foxxoquuf lolan naannicha to’achuuf wal waraaanuu danda’u jechuun yaaddoo guddaa qabu.

Maalii keessatti loltoota Waaganar 1,000 ta’an akka jiran amanama. Kunis baayyina human UN kan isaan bakka bu'anirra harka kudhaniin gadiidha. Kanaaf, garewwan Jihaadistii dura dhaabbachuuf gahaa akka hin taane sodatama.

Jalqaba bara kanaarratti UN humnootiin Waagnar loltoota Maalii waliin sarbama mirga namaa raawwachuu ibsee ture.

Akkasumas, loltoonni Maalii kanneen Waagnariin hogganaman namoota nagaa hidhannoo hin qabne gara 500 ta'an hollaa keessatti ajjeessuu ibsee ture. Haata'u malee, mootummaan biyyattii himannaa kana haaleera.

Ammas erga humnootiin nagaa kabachiiftoota UN biyyattii keessaa bahaniin booda gara wal waraansaatti akka hin galamneef sodaatamaa jira.

Bilaal Ag Shaariif, hogganaa Tuarel naannichaa

"Yoo kaampiiwwan kunneen humnoota nagaa kabachiiftoota UNn waraana Maaliitiif kennamu ta'e, waan itti aansee dhalatuuf isaanitu itti gaafatama,'' , jedhan hogganaan Tuareg naannichaaBilaal Ag Shaariif.

''Mootummaan Maaliitis waan isaaf hin mallee barbaadaa waan jiruuf itti gaafatamaa ta'a. Nutis kana hin fudhannu,'' jedhan. Itti dabaluunis, gareen isaa naannicha to'achuu akka hin dhaabne himan.

Deeggarsa nageenya eegsiisuutiin alattis, buufataaleen UN 12 biyyattii guutuutti argaman lammiilee 10,000 ta'aniif carraa hojii umanii ture. Isaanis namoota turjumaan hojjatan, konkolaachiftoota, namoota deeggarsa raabsaniifi tajaajiloota barbaachisoo ta'an dhiheessan mindeessu.

''Haalli kunis namoota kanneen hojii malee, abdii maleefi maatiisaanii akka sorataniif madda galii tokko malee hambiisa,'' jedhan dureen naannichaa kun. Akkasumas, milishoonni garee Islaamaa carraa kanatti fayyadamuu akka malan sodaa qaban himu.

"Kunis gareewwan leellistootaa akka namoota mindeessaniif carraawwan haaraa banaaf,'' jedhan.

Maaliitti daa'imman lafarra taa'anii dubbisaa turan

Kaampii baqattootaa keessatti daa'imman sarara qabatanii lafarra taa'uun barataa osoo jiranii agarre.

Barsiiftuun wayita ijoolleen boqonnaa Quraanaa jechaan himaniitti muka shimalaatiin mataa keessa rukutti.

Maatiin isaanii ISn ajjeeffamaniiru. Wayita guddatanitti haala salphaadhaan gareewwan milishootaatiin filatamuu akka danda'aniifi irratti akka xiyyeeffatamu tilmaamuun ni danda'ama.

Fedhii Raashiyaa

Kaka'umsii garee Waagnar amma naannicha keessatti qabaatu gaaffiin kan irratti ka'e yoo ta'u, mootummaan US ammoo biyyoota Afriikaa biraa keessatti daldala warqeefi daa'imaniirratti hirmaachuun himataa jira.

Irra caalaa fedhiinsaanii guddaan qabeenyaa umamaa irraa bu'aa argachuudha jedhe.

Osoo xiyyaarri hoogganaa garee Waaganar Yevgenii Piriigozhiin baatee ture kufee hin caccabiin guyyoota muraasa dura akka Afriikaa keessa ture himamee ture.

Waraabbiin viidiyoo sun eessatti akka waraabbame BBC mirkanneeffachuu hin dandeenye. Garuu ammoo viidiyicha irratti Piriigozhiin gareen isaa Afriikaa 'caalaa bilisa' gochaa akka jiraniifi Waagnar albuudarraa bu'aa argataa, akkasumas milishoota Isilaamaafi yakkamtoota gara biraatiin lolaa akka jiran dubbatanii turan.

Kidaaliin alatti ammoo, dhaabbata omisha warqee Maalii hedduu keessaa tokko dowwannee ture. Kan hojjatamaa tures maashinaroota gurguddaa muraasaan waan xiqqaa qofa ture.

Garuu ammoo, eddoowwan akkasii dhibbaan lakka'amaniifi biyyattii guutuutti argamaniin, Maaliin waggaatti warqee toonii 60 ol omishuu dandeessi. Kanaan biyyattiin biyyoota Afriikaa albuudoota qaalii biyya alaatti ergan shan jalqabaa keessaa tokko taate.

Gareen saba Tuareg gamasaanitiin, loltoonni Waagnar industirii warqee naannichaa kana fakkaatan to'achuu maluu jechuun yaaddoo qaban himu. Yoo kana kan raawwatan ta'e ammoo badii olaanaan mudachuu mala jechuun akeekkachiisu dureen naannichaa.

Dhiheenya Kidaalitti warqee oomishaa

Rakkoo naannichaa

Mootummoonni Gamtoomanii (UN) bara darbe keessa yaaddoon gareewwan Jihaadistootaa Maalii, Niijar fi Burkinaa Faassoo keessatti cimaa dhufuu akeekkachise.

Biyyoota sadan, keessattuu fonqolchi waraanaan gaggeeffamuun mootummaan sivilii aangoorraa dhiibameera. Kunis Burkinaa Faassoo keessatti bara 2022 fi Niijar keessatti ammoo bara kana Adooleessa raawwatame.

Egeereen Waagnar bakka ifa hin taaneetti ammoo, Maaliin hangam nageenyashee tiksuuf isaan irratti hirkachuu akka dandeessu ammatti ifa miti. Haalli biyyattii keessaa caalaa badaa kan adeemu yoo ta'e, naanichaatti tasgabbii dhabiinsi caalaa badaa adeemuu danda'a.