Maanguddoon waggaa 76 irra deddeebiin qormaata kutaa 8ffaa qoraman maal jedhu?

Maanguddoon kun Haayiluu Lammaa jedhamu. ‘‘Boonaa, shaallalaa, quufaa Oromoo biyya Arsiitti dhalate” jechuun of waamu. Qonnaafi geerarsaaf jaalala addaa akka qabanis himu.

Maanguddoon ganna 76 kun dheengaddaa fi kaleessa magaalaa Finfinneetti qorumsa kutaa 8ffaa yeroo sadaffaaf irra deebiin qoraman.

Milkii barnootaa waggoota darbaniif irraa fagaatee ture bara kana akka argatan abdii qabachuu BBCtti himan.

Kanaan dura irra deddeebiin qoramanis qabxii darbiinsaa (50) fiduu waan hin dandeenyeef gara kutaa itti aanutti hin darbin hafaniiru.

Qormaata hatuu gonkumaa akka hin jaalanne kan himan Obbo Haayiluun, beekumsuma isaaniitiin qoramanii darbuu akka filatanis himaniiru.

'Luba hinta’u, ani qonnan jaaladha'

Obbo Haayiluu Lammaa, Godina Arsii Aanaa Roobeetti dhalatanii guddatan.

Yeroo ijoollummaa isaaniitti maatiin isaanii mana barnootaa amantaa seenanii akka barnoota qayyabatan isaan taasisuu himu.

Haa ta’u malee fedhiifii yaadni Obbo Haayiluu barnootarra osoo hintaanee iddoo biraa ture.

“Ijoollummaa kiyyatti maatiin barumsa na seensisan, ani garuu dhokadheen gara qe'ee akaakayyuu kiyyattin gale.''

''Qeesiii (luba) hinta’u ani qonnan jaaladha, dubartii gaariin jaaladha, qonna gaariin jaaladha jedhee osuman shaallaluu, olumaa gadi osoon laaluu dhumarratti haadha warraa natti fuudhuuf ka’an, haadha warraas nan fuudhe,” jedhan.

Sana boodas bara mootummaa Dargii dirqamaan waraanatti makamuu kan himan maanguddoon kun, achii deebi’anis hojii qonnaa hojjechaa turuu himan.

Haadha warraa isaanii waliin ijoollee torba horachuu kan himan Obbo Haayiluun, ALI bara 1990 gara magaalaa Finfinnee dhufan.

Finfinneettis hojii humnaa hojjechuun ofgargaaruu eegalan.

Haa ta’u malee yeroo keessa fedhiifii xiiqiin barnootaaf qaban guddachaa dhufe; umrii maanguddummaa isaaniittis Mana Barumsaa Atsee Naa’od seenuun barnootasaanii kutaa tokkoffaatii eegalan.

Yeroo ammaa intalaafii akaakilee isaanii waliin Magaalaa Finfinnee keessa jiraatu.

“Intala nan qaba, akaakilee nan qaba. Hojjetanii galgala galanii na nyaachisanii na obaasan” jedhu.

“Gaaf tokko tokko nan qo’adha, gaaf biraa hojiirran oola. Hojiidhaa yeroon galus yeroo tokko tokko nan qo’adha” jechuunis akkaataa barnootasaanii itti hordofan himu.

Ilaalcha maatii

Umurii maanguddummaatti fedhiin barnootaa kan itti hammaate Obbo Haayiluun barnoota isaaniirratti maatiinsaanii ilaalcha garagaraa akka qaban dubbatu.

“Warri manaa barnoota kiyya kana ni jibbu. ‘Dulluma keessa maal godhuuf barata? Ammaa achi galmee kam mura? Ammaa achi mindaa kam argata?’ jedhu. Ani garuu mindaa osoo hintaanee beekumsa argannaan gahaadhan jedhaan” jedhu.

“Ijoolleen waliin jiru na hin gargaaran. ‘Maa barata’ jedhanii natti ittanu” jedhu.

Haa ta’u malee haati warraasaanii ammallee Godina Arsii jiran barnootasaaniitti akka ciman akka isaan jajjabeessanfii gargaaran himu.

“Baradhu, bakkaan erga geessee bakkaan gahi’ naan jetti. Yeroo isheen akkas naan jettu nan gammada. Mucaankoo inni hangafaas ‘yaa Abbaabbiyyee kiyya jabaadhu’ naan jedha” jedhan.

'Hanga humni kiyya naaf jirtutti hindhiisu'

Sababni dulluma keessa itti barataniif waa lama ta’uu Obbo Haayiluu Lammaa himu.

“Gaafan du’ellee ‘nama dulluma keessa barate’ jedhanii maqaankoo akka waamamun barbaada. Kana malees ijoolleen xixiqqaafii warri gurguddaas ‘nuyillee akka jaarsi kun baratetti isaa olitti yaa barannu akka jedhaniifi” jedhu.

“Ijoolleen xixiqqoon tamboo xuuxuu, araqee dhuguufii dhaadhii dhuguun ganda keessa deemanii kashlabboomuurra ani ‘ijoollee hinbarattanii, kunooti ani jaarsi kunuu barachaan jiran’ jedhaan. Akkasittin ijoolleetti onnee itti make” jedhan.

Gama biraatiin qormaata kutaa 8ffaa bara kanaarraa abdii gaarii akka qaban kan himan maanguddoon kun, “Keessa keessaa dhabus qormaaticharraa gammachuun qaba. Nan darba jedheen yaada” jedhu.

Kana malees “Hanga humni kiyya naaf jirtutti, hangan kazaraa fudhutti barumsa hindhiisu” jedhaniiru.