Barataa Yuniversitii Finfinnee, Salaaleerraa ka'uun hanga badhaasa idiladdunyaa argachuutti ga'e - Biyyaa'ol Masfin

Biyyaa'ol Masfin jedhama. Godina Shawaa Kaabaatti dhalate, kan guddate garuu handaara Finfinneetti kan argamtu magaalaa Alamganaatti.

Maqaa Biyyaa'ol akka kaasnuuf sababa kan ta'e milkaa'ina tibbana inni argatedha. Isa dabalatee barattoonni Itoophiyaa sadi badhaasa Tekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoo (ICT) Huawei argataniiru.

Biyyaa'ol barnootasaa hanga kutaa kudhaniitti magaalaa Alamganaatti xumure, barnoota qophaa'inaa (kutaa 11 fi 12) ammoo magaalaa Bishooftuutti [mana barumsaa mootummaatti] barate.

Kutaa 12ffaatti qormaata seensa yuuniversitii qabxii gaarii fiduu kan hime Biyyaa'ol, dorgommiidhaan Yuunivarsitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee (AASTU) akka seene BBCtti hime.

''Yeroo sana Yuuniversitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Addis Ababaa (AASTU) dorgomsiisee fudhata ture.

Qormaata seensaa kennaa ture. Akka ammaa kana callisanii ramaddiidhaan seenuun hin turre. Qormaata darbeen yunivarsitii kanatti barachuuf carraa argadhe,'' jedha Biyyaa'ol.

Biyyaa'ol amma barataa waggaa afraffaa Muummee Software Engineering ti. Barnootasaatiin raawwii gaariirra jiraachuunsaa carraawwan damee barnootaa kanaan dhufan hunda keessatti dorgomaa ta'ee akka milkaa'uuf isa gargaareera.

Dorgommii dhaabbata teeknooloojii guddicha biyya Chaayinaa Huawei jedhamuun qophaa'e kana keessa akka seenuufis barnoonni inni hordofaa jiru akka bu'uura isaaf ta'e hime Biyyaa'ol.

Dorgommii xumuraa damee sadiin: (Innovation track, Network track and Computing track) jedhamuun gaggeeffame kanarratti damee Computing track jedhamuun barattoonni Itoophiyaa kan Maaleeshiyaa, Keeniyaa fi Morookoo waliin sadarkaa sadaffaa qooddachuun xumuraniiru.

Badhaasa kanaaf gara Chaayinaa, magaalaa Shenzen imaluun yeroo torbee tokko ta'uuf dorgomaa akka turan kan hime Biyyaa'ol, gareensaa damee Computing jedhamuun sadaffaa ba'uu ibseera.

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa milkaa'ina barattoota biyyattiif ergaa gammachuu wayita dabarsu, carraawwan dorgommiiwwan akkanaa dandeettii barattoota biyyattii sadarkaa addunyaatti mul'isan babal'isuuf jaarmiyaalee idiladdunyaa waliin akka hojjetu waadaa seeneera.

Carraa dorgommii akkamiin argatan?

Dorgommii Huawei ICT Competition 2023–2024 Global Final jedhamu kun Caamsaa 23-26 Shenzen keessatti kan gaggeeffame yoo ta'u, yunivarsitiiwwan biyyootaa fi naannolee 80 keessatti argaman 2,000 irraa barattoota kuma 170 ta'an hirmaachiseera.

Kanneen keessaa dorgommii marsaa xumuraaf kan ga'an biyyoota 49 irraa dorgomtoota 470 yoo ta'an isaanis garee 160tti qoodamuudhaani.

Dhaabbati Huawei yunivarsitii isaanii [AASTU] waliin hojjechuu akka quba qabu kan hime barataa Biyyaa'ol ''dhaabbatichi tiraakii adda addaan dorgommii akka qopheessee fi nutis akka galmoofne dorgomnu nutti himan,'' jechuun akkamiin akka dorgommiin kun jiraachuu dhagahe ibse.

''Jalqaba akkaawuntii onlaayinii banadhaa nuun jedhan. Achirratti barnoota akka nuuf kennanis nutti himan. Osooma barnoota hordofnuu dorgommiin kunis achumarratti dhufe.''

Dorgommiin kun sadarkaa yunivarsitiitti, akka biyyaatti, akka naannawaa (regional), akka Afrikaa fi akka addunyaatti gaggeeffamuu kan hime barataa Biyyaa'ol, ''kana hunda keessa darbinee sadarkaa badhaasaa ga'uun nuuf muuxannoo guddaadha,'' jechuun bu'aa dorgommii kanaa ibsa.

''Akka Afrikaatti naannawa (region) lamatu ture. Kaabaa fi Kibbatti qoodame. Isa darbuun gara Global Final ceene. Dhumarratti Chaayinaatti badhaasarratti hirmaanne.''

Akka barataa Biyyaa'ol jedhutti yunivarsitiiwwan biyyattii hedduurraa barattoonni hedduun dorgommii kanaaf galmaa'aniiru. Garuu xumuraaf kan ga'an barattoota sadi, lamaansaanii AASTU irraa, barataan tokko ammoo Yunivarsitii Arbaa Minci irraati.

''Dorgommiin kun garee gareedhaan gaggeeffama. Nuti sadi taanee tiraakii dorgommii tokkorratti dabarre. Afrikaarraas sadarkaffaadhaan gara dorgommii isa xumuraatti dabarre. Chaayinaattis sadarkaa sadaffaadhaan xumurre,'' jedhe Biyyaa'ol.

Garee dorgommii xumuraaf ga'an 160 keessaa gareen 19 biyyoota sagal irraa dorgommii Practice and Innovation jedhamuun badhaasa guddicha argataniiru.

Biyyoonni kunneen Aljeeriyaa, Chaayinaa, Naayijeeriyaa, Paakistaan, Poolaand, Filippiins, Taanzaaniyaa, Tarkii fi Yugaandaadha.

Badhaasa kanaan maal argatan?

Barataa Biyyaa'ol dabalatee namoonni dorgommii ICT Huawei kanarratti sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaan xumuran badhaasa meedaaliyaa, maallaqaa fi waraqaa ragaa ni argatu.

''Akka kiyyatti badhaasa kan ture adeemsi dorgommii keessa dabarredha. Dorgommii kana keessatti jalqabaa hanga dhumaatti namoota hedduudhaan walbarreerra. Muuxannoo guddaa arganneerra,'' jechuun bu'aa dorgommii kanaa ibsa Biyyaa'ol.

Kana malees kallattii ittiin wantoota ilaalu kan biyyaalessaa irraa gara addunyaalessaatti akka isaaf guddise hime Biyyaa'ol.

''Chaayinaan biyya addunyaarratti diinagdeenshee akkaan guddaa ta'edha. Huawei ammoo mataa teeknooloojii addunyaati. Kanarraa muuxannoo qooddachuun mataansaa badhaasa guddaadha.''

Barnoota Software Engineering jedhamu barataa kan jiru Biyyaa'ol, dorgommiin kun kallattiidhaan barnoota kiyya waliin walqabata. Kanaafuu adeemsa dorgommii kana keessatti barnoota kiyyas gabbifadheera,'' jedhe.

''Kanan irratti dorgomes tiraakii kompiyuutiingi jedhamurratti. Damee barnootaa keenya keessatti operating system, data base management, akkasumas appilikeeshinii kalaquurratti ni hojjenna. Dhaabbati Huawei's teeknooloojiiwwan kunneen irratti hojjeta. Dhaabbatichi kana akka shaakallee badhaafamnu carraa nuuf kenne.''

Kanaafuu dhaabbata Huawei keessa teeknooloojii jiru, kan barnootasaan walqabatu, qabatamaan arguun carraa guddaa badhaasa caalu akka ta'e dubbata barataa Biyyaa'ol.

''Gara fuulduraatti dhaabbata teknooloojii akkasii biyya keenya keessatti uumuu akka dandeenyu hamilee naaf ta'eera. Yeroo hunda namaaf qacaramanii hojjechuu qofa osoo hin taane jaarmiyaa ofii uumanii kaanis fayyaduun akka danda'amu dhaabbata kana daawwachuun baradheera.''

Kana malees dorgommii kanarratti hirmaachuunsaa ragaa barnootaasaa akka gabbisuu fi gabaa hojii keessattillee barbaadamummaa isaa akka dabalu ibse Naa'ol.

''Dabalataan carraan barnootaa (leenjii) dhaabbati Hawei ganna ganna qopheessu ni jira. Ji'a ja'a leenjisee achumatti qacaruu danda'a. Badhaasi kun kana keessatti akka dursa argannuuf nu gargaara.''

Dhaabbanni Huawei bara 2015 eegalee barattoonni gara fulduraatti damee Tekinoloojii Odeeffannoo (ICT) irratti hojjechuu barbaadan dorgommii taasisuun yaada akka wal jijjiiran akkasumas dandeettii damee kanarratti qaban akka guddifatan kaayyeffatee dorgommii kana bara baraan kan qopheessu akka ta’e himeera.

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaas barattoota Itoophiyaa damee teeknooloojiin ga'oomsuuf carraawwan akkanaa babal'isuu akka itti fufu ibseera.