Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dorgommii ICT sa'aatii saddeetiif tureerratti hirmaannee 3ffaa baane - Barataa Naa'ol Taaddasaa
Dorgommii Tekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoo (ICT) Huawei torban muraasa dura biyya Chaayinaa magaala Shenzhen keessatti adeemsifameen Itoophiyaan biyyoota biroo waliin dorgomuun sadarkaa sadaffaa qabachuun xummurteetti.
Barattoota sagal Itoophiyaa bakka bu’uun dorgomicharratti hirmaatan keessaa tokko immoo Godina Harargee Lixaa Aanaa Daaro Labuu magaalaa Micataa keessatti dhalatee kan guddate barataa Naa'ol Taaddasaati.
Barataa Naa’ol, Yunivarsiitii Saayinsiifi Tekinoloojii Finfinneetti muummee barnootaa Elektirikaal fi Kompiitar Injinaringiitti barataa waggaa shanaffaa yemmuu ta’u “dorgommii kana akka dorgomnu erga barre kaasnee injifachuuf shaakalaa fi kitaabota adda addaa dubbisaa turre,” jechuun BBC'tti hime.
Dhaabbanni Huawei ALA bara 2015 eegalee barattoonni gara fulduraatti damee Tekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoo (ICT) irratti bobba’uu barbaadan dorgommii fayyaalessa taasisuun yaada akka wal jijjiiran akkasumas dandeettii damicharratti qaban akka guddisan kaayyeefatee dorgommii kana bara baraan kan qopheessu akka ta’e hima.
Dorgommii marsaa torbaffaa Caamsaa 16 - 20, 2015 adeemsifameerratti hirmaachuuf yunivarsiitiiwwan biyyoota 74 keessatti argaman 2000 keessaa barattootni kuma 120 qormaata Tekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoo fudhachuu isaanii dhaabbatichi hima.
Haata’u malee, gara Chaayinaatti qaamaan imaluun badhaasaaf dorgomuu kan danda’an gareelee 146 kan biyyoota garagaraa 36 irraa walitti dhufan ture.
Itoophiyaanis barattoota sagal erguun dameelee lamaan dorgomteerti.
Imala dorgommii…
Barattoota Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii Tekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoo Huawei kan bara 2022-2023 irratti hirmaatan keessaa tokko kan ta’e barataa Naa’ol Taaddasaa, dorgommichi kan barnoota irraa argatefi ofitti amantummaa isaa dabaleef akka ta’e hima.
“Fedhiin dabalataan Tekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoon (ICT) barnoota ani barachaa jiruun hidhata kan qabudha” kan jedhu barataa Naa’ol, kanaan dura damee kanarratti leenjiiwwan garagaraa fudhachaa akka ture hima.
“Dhaabbatni Huawei yunivarsiitii keenya keessatti barattoota ICTf fedhii qaban galmeessuun gama intarneetaan (online) barnoota ni kenna ture. Anis galmaa’ee leenjiiwwan lama fudhadhee waraqaa ragaa argadheen ture,” jedha.
Leenjiiwwan lamaan ‘Datacom fi security’ kan jedhaman yemmuu ta’u, Datacom adda durummaan daddabarsa odeeffannoo kompiitaroota yookiin meeshaalee biroo gidduutti taasifamu irratti kan xiyyeeffatu yemmuu ta’u ‘Security’ immoo maloota nageenyi odeeffannoo itti eegamu irratti kan xiyyeeffatedha.
Dhaabbatni Huawei barattootni dorgommii Tekinoloojii Qunnamtii Odeeffannoorratti akka hirmaataniif waamicha yemmuu dhiyeessus yunivarsiitii Saayinsiif Tekinoloojii Finfinnee fi guutuu biyyaarraa barattootni heddu hirmaachuu isaanii barataa Naa’ol hima.
“Yunivarsiitiiwwan Huawein irratti hojjetu keessaa barattoota baay’eetu galmaa’e. Qormaata jalqabaa erga fudhannee booda barattootni muraasni dorgommii sadarkaa biyyaaf darban. Achi keessaa tokko anadha” jedha.
Qormaatni jalqabaa gama intarneetaan kennamu kun dameelee sadi kan qabu yoo ta’u innis damee Neetwork traak jedhamuurratti dorgomuusaa hima.
Sadarkaa biyyaatti erga dorgomee boodas barattootni 15 sadarkaa Afriikaaf darbuu isaaniifi dorgommii sadarkaa ardiitti taasifameef immoo barttoota sadi sadi ta’uun gareedhaan doromuu isaanii hima.
“Isa akka Afriikaatti dorgomnerratti qormaata yaadrimeefi qormaata laaboraatoorii sa’aatii afur fudhatutu ture” jedha.
“Neetworkii haaraa diriirsinee kompitarootni waajjira mummee jiran akkamiin kan dameeleerra jiran walin akka qunnaman akkasumas dameeleen waajjira mummee walin akkamiin haasa’uu akka qaban fi kkf irratti hojjechaa turre” jedha.
Haaluma kanaan barattoota Itoophiyaa bakka bu’uun sadarkaa Afriikaatti dorgoman 15 keessaa sagal dorgommii idil addunyaaf darbuu isaanii kan himu barataa Naa’ol, “sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf gara Chaayinaa imalle” jedha.
Turtii biyya Chaayinaa
Barattootni saglan Itoophiyaan dorgommiif gara Chaayinaatti ergite gareelee saditti kan qoodaman yemmuu ta’u tokkoon tokkoon gareelee kunneenis barattoota sadi sadi kan qaban turan.
Gareen lama dorgommii gochaa (practical track) yemmuu dorgoman gareen inni tokko immoo damee kalaqaa (innovation track) irratti dorgome.
Gareen barattootaa damee kalaqaan dorgome yaada kalaqaa ‘Kilaasifaayera qubeewwan Gi’iizii’ jedhuun akka dorgome odeeffannoon toora Feesbuukii Ministeera Barnootaa Itoophiyaarraa arganne mul’isa.
Gama biraatiin damee dorgommii gareen Naa’olfaa irratti hirmaate irrattimmoo biyyoota garagaraa irraa kan dhufan gareeleen 55 kan hirmaataniiru.
“Qormaata sa’aa saddeet fudhate qoramne. Achi keessatti sadaffaa baane” jedha barataa Naa’ol Taaddasaa.
Qormaatni sa’aa saddeet fudhate kun kompiitaroota gidduutti walitti hidhamiisa (network) uumuu fi nageenya neetworkii eegsisuu irratti kan xiyyeefate akka tures hima.
“Waa nuf hojjechuu dhiisuu mala jennee yaadda’aa turre. Kana malees dorgommichi dadhabbiin kan guutame ture.
Sa’aa afuriif erga qoramnee booda gidduutti daqiiqaa 30f boqonnaa nuf kennanii turan. Nuti boqonnaa sanallee hin fayyadamne. Ittuma fufnee sa’aa saddeetif qoramne” jedha barataa Naa’ol.
“Yeroo laaqanaa yemmuu jedhanitti qorumsicha fixuu qabna jechuun achumatti itti fufne” jechuunis haala dorgommii ture BBCti hime.
'Dorgommichi boriikoof na fayyadeera'
Imalaafi dorgommii biyya Chaayinaan waa heddu barachuu kan himu barataa Naa’ol Taaddasaa, “dorgommiin kun borii koof na fayyadeera. Hojii dhuunfaanis ta’e dhaabbilee keessatti hojjedhuuf kan na gargaarudha,” jedha.
“Biyyootni akka Chaayinaa tekinoloojiin baay’ee kan guddatanidha. Anis ammayyuu yaaludhaan isaan bira gahuu akka danda’u bareen jira,” jechuunis hima.
Kana malees “haala addunyaarra jiran akkan baru na taasiseera” kan jedhu barataan kun, “Biyya keenyas gara sadarkaa isaan irra jiranitti fiduuf dhama’uu akkan qabu irraa baradheera,” jechuun imala dorgommii biyya keessafi biyya alaatti taasise himeera.