Dargaggoo umurii 23tti digirii sadaffaa (PhD)'f ga'e Ashannaafii Milkeessaan walbaraa

Barataafi hojjetaa Yunivarsitii Saayinsiifi Teknooloojii Adaamaa kan ta'e Ashannaafii Milkeessaa ALI bara 2011 umuriisaa waggaa 23'tti barnoota digirii sadaffaa (PhD) eegalee amma xumurarra jiraachuu BBC'tti hime.

Ashannaafiin jireenya qorumsaan guutame dandamatee, barnootasaa osoo adda hin kutin sadarkaa kanarra ga'uu hime.

Ashannaafiin Itoophiyaa keessaa nama umurii xiqqaan digirii sadaffaa yookiin PhD'f ga'eedha.

Akka inni jedhutti, Itoophiyaa keessa qofa osoo hin taane Afrikaa keessattiyyuu namni umurii waggaa 23'n digirii sadaffaa eegale hin jiru.

''Warra galmee wantoota dinqisiisoo Afrikaa waliin sakatta'aa turre. Akka Itoophiyaatti namni biraa hin jiru. Akka Afrikaatti dubartii biyya Mozaambik yunivarsitii Afrikaa Kibbaatti barattu waggaa 22'n eegalte. Akka Afrikaattuu dhiirri waggaa 23n eegale hin jiru,'' jedha.

Akka addunyaatti namni umurii xiqqaa waggaa 13 fi guyyaa 283tti PhD isaa argachuun galmee wantoota dinqisiisoo Addunyaarratti galmaa'ee jiru lammii Jarmanii Johann Heinrich Friedrich Karl Witte.

Ashannaafiin waggaa ja'atti barnoota eegalee waggaa 18tti yunivarsitii seene, osoo addaan hin kutiin hanga waggaa 23'tti waggaa ja'a keessatti digirii sadaffaarra ga'e.

Galmeen wantoota diqisiisoo Afrikaa- Africa Guinness Book of Records Ashannaafiif beekamtii fi badhaasa kennuuf akka jiru barataan PhD kun BBC'tti himeera.

Ashannaafiin addunyaa barnootaa keessatti milkaa'ina galmeesse keessaa beekamtiifi badhaasa kan ittiin argatuuf kaadhimame qabxiiwwan bu'uuraa afur tarreeffamaniiru.

  • Barnoota digirii jalqabaa (BSC), digirii lammaffaa (MSC) fi digirii sadaffaa (PhD) keessatti A+ hedduu argachuu,
  • Umurii waggaa 23tti digirii sadaffaa (PhD) eegaluun dargaggootaaf fakkeenya ta'uu,
  • Kutaa tokkoffaa hanga sadarkaa PhD osoo adda hin kutin barachuufi
  • Osoo Covid-19 Afrikaa hin seenin (Chaayinaa keessaa osoo hin ba'in) qorannoo talaallii dhibee kanaaf galtee ta'e hojjechuun dhaabbata beekamaa- ScienceDirect jedhamuun maxxansiisuu isaatiin.

Ashannaafiin barnoota qofa osoo hin taane, maatiis ijoollummaan horateera. Amma abbaa ijoollee lamaati.

Hawaasa keessattis kan waldhabe walitti araarsuun beekama. Umurii isaa xiqqaa kanatti akka jaarsaatti kabajama.

Ashannaafii Milkeessaa eenyu?

Ashannaafii Milkeessaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Booraa magaalaa Botee jedhamatu keessatti dhalatee guddate.

Bakka Ashannaafiin itti dhalate kunis kan barnootaaf mijatee hin taane, manni barumsaa kan meeshaa barnootaafi barsiisota ga'aa hin qabu ture.

Bakki inni itti dhalate oomishaafi daldala kuduraafi mudaraan guddoon beekama. Dargaggoonni hedduunis hojii akkasii hojjechuun beekamu.

Daa'ima waggaa ja'aa ta'ee barnoota eegalus, yaanni isaa ganamaa kubbaa miilaa taphachuu akka ture, haalli daldala naannoosaas akka ofitti isa harkisaa ture dubbate.

''Yeroo hundaa waa hubachuun yaala. Barnoota kiyyas hamman dhufee sadarkaa PhD irra ga'utti hubachuufan dubbisaa ture. Sadarkaaf akkan dubbisee hin beekne, hiriyoonni kiyya carraa barnootaan Ameerikaafi Awurooppaa jiran ragaadha,'' jechuun ilaalchi inni barnootaaf qabu maal akka ta'e ibsa.

Kutaa 1-10 Mana Barumsaa Booraatti, kutaa 11 fi 12 ammoo magaalaa Bishooftuutti barate.

Maatiinsaa harka qaleeyyii ta'uu kan himu Ashannaafiin, addunyaa barnootaa keessa kan isa turse kutannoo abbaasaa ta'uu hima.

''Bara keenya kutaan 11 fi 12 naannawa keenya kana hin turre. Qe'eerraa fagaachuun dirqama. Filannoo laman qaban ture. Innis barnoota itti fufuu yookiin barnoota dhiisee daldaluu,'' jedhe.

Garuu abbaansaa mana tokko birrii kuma 25tti gurguruun Bishooftuutti isa ergee barnootasaa akka itti fufsiise galata waliin dubbata.

Barnoota saayinsii uumamaa hordofuun kutaa 12 erga xumuree booda qabxii 400 ol argachuun Yunivarsitii Dabrataabor seene.

Bakka ho'aa Rift Vaalii keessatti argamutti dhalachuusaatiin, qorra Dabrataaboritti wallaalee guddoo akka qorame hime.

Ashannaafiin waggaa jalqabaa Yuunivarsitii Dabrataaboritti, dabarsetti koorsii 14 fudhatee, 13 A+, tokko ammoo A fiduun xumure.

''Qormaati jireenyaa milkaa'ina naaf fide''

Ashannaafiin haala mijataa qofa osoo hin taane qormaatas akka carraatti fudhatee itti fayyadama. Kun qajeeltoo isaa ta'us hima.

Dargaggootaafillee kanuma dhaama. Namni tokko waan hundi waan isaaf mijateef qofa milkaa'inatti hin ba'u jedha.

Inumaa ''milkaa'inni ati bakka guddaa kennituuf yoo qoramee, qoraafamee darbeedha,'' jedhee amana.

Ashannaafiin rakkoo hadhooftuu arguu kan eegale wayita maatiisaarraa adda ba'ee barnoota qophaa'inaa baratu ta'us, qormaati yuuniversitiitti isa mudate garuu hunda akka caalu hime.

''Dabrataaboritti qorri guddoo na miidhe. Dandamachuun dadhabe. Dubbisuu dhiisuuttan dhufe, barnoota dhaabuun ga'e. Na dhukkubee, ilkaan lama buqqifadheera,'' jechuun rakkoo isa mudate hime.

Ashannaafiin barnootasaa waggaa tokkoffaa dhukkubsataa xumuree [qabxii guddaa, 4n], akkuma obbaaseen dhiisee biyyatti gale.

''Obboleessa kiyya hangafaa waliinan mari'adhe. Akka carraa eessumni kiyya Jimma jiru tokko ifaajee yeroo dheeraa booda Yuunivarsitii Jimmaa naaf arge,'' jedhe.

Haala kanaan waggaa lammaffaarraa kaasee Yuunivarsitii Jimmaatti barnootasaa [Applied Biology] xumuruu kan himu Ashannaafiin, A+ 28 argachuun qabxii guddaa 3.93 fidee eebbifamuu ibse.

Uumama daawwatee irraa waa hubachuu akka jaallatuufi dandeettiinsaas kana ta'uu kan dubbatu Ashannaafiin, barnoota fedhii kana naaf guuta jedhee yaadu lama sammuudhaa qaba ture: Fiiziksii fi Baayooloojii.

Kanneen keessaa tokkoon [Baayooloojii] milkaa'ee ba'us, hojiitti seenuuf guddoo qorame.

''Ana waliin kan walqabatuu fi kanan hojjechuu fedhu qorannoodha. Akka carraa ta'ee baran eebbifame Yuunivarsitiin Jimmaa nama hambisuuf bakka hin qabu ture,'' jedha.

Ashannaafiin qabxii guddaa ittiin eebbifame kana qabatee mana galee hin teenye, fedhii fi jaalala qorannoo gaggeessuuf qabuun oofamee gara giddu-gala qorannoo biyyattii deeme.

Garuu muuxannoo waan hin qabneef achi seenee hojjechuuf hin carroomne.

''Carraan an qabu gara barsiisummaa deemuudha. Mana barumsaa Vision Acadamy jedhamuttin waraqaa barnootaa kiyya galche.''

Haata'u malee mana barumsaattillee qacaramuuf muuxannoo waggaa lamaa gaafatame, garuu waraqaan barnootaa isaa akkaan isa fayyaduu hime.

Daarektarri mana barumsichaa erga qabxiisaa ilaalee booda, isa qacaruuf fedhii akka qabuufi garuummoo iddoonsaa mana barumsaa sanaa ol akka ta'e itti himuu dubbate Ashannaafiin.

''Barsiisaan kun qabxii kiyyaan deemee yuunivarsitiitti akkan dorgomu karaa na qajeelche. Anis yuunivarsitii natti dhihoo jiru-Yuunivarsitii Saayinsii fi Teknooloojii Adaamaa deemeen 'yookiin qorannoo na hojjechiisaa yookiin carraa barnootaa naaf kennaa' jedheen gaafadhe,'' jedhe.

Ashannaafiin ofitti amanamummaadhaan kana raawwatus hoogganaan muummee barnootaa isaa gaaffiisaa hin simanne.

''Darbeen gara muummee qorannoo deeme. Diiniin muummee qorannoo qabxii koo ilaalee raajeffate. Yuuniversitiin akkamiin si gadhiise naan jedhe. Hojii na qacaruuf muuxannoo akkasumas sadarkaa barnootaas MSc waan gaafatuuf namichi akkan barnoota itti fufu na gorse,'' jechuun akkamiin barnootasaa akka itti fufe ibse.

''Hojii wayii sin hojjechiisa. Kaffaltiis Semisteera jalqabaa siifan kaffala, barnoota itti fufi naan jedhe.''

Ashannaafiin digirii jalqabaas rakkinaan wal'aansoo qabaa, cimina abbaasaatiin xumure, MSc akka baratuufis abbaasaatu utube.

''Yeroon MSc baradhu semisteera jalqabaa hundayyuu A+ fideen xumure. Yuunivarsitiin qabxii kiyya erga ilaalee booda barnoota hafe kaffaltii malee na xumursiise,'' jedhe.

Waraqaa qorannoo [research] dabalatee hunda A+ fidee digirii lammaffaa (MSc) kan xumure Ashannaafiin, yuunivarsitichatti qacaramee, barnoota digirii sadaffaa itti fufuufis carraan kennameef.

Abbaa qorannoowwan hedduu...

Ashannaafiin erga carraa argatee yuunivarsitii seenee, akkuma hawwiisaa uumama daawwatee (observe godhee) qorannoowwan hedduu gumaache.

Kalaqni sammuu kan dhufu uumama ilaalanii hubachuurraati [observation] kan jedhu Ashannaafiin, digirii jalqabaarraa eegalee qorannoowwan hojjeteef mala kana (observation) akka fayyadame hima.

Digirii jalqabaa wayita baratu qorannoo dhiigarratti hojjeteen Yuunivarsitii Jimmaarraa waraqaa beekamtii argateera.

Ashannaafiin qorannoowwan hundayyuu sababa malee akka hin hojjennee fi qorannoowwan isaa hundaaf taateewwan sababa ta'an jiraachuu hima.

Digirii lammaffaa (MSc) yeroo baratu maaliif akka dhukkuba lukkuurratti qorannoo hojjete ibsa.

''Abbaan koo lukkuu horsiisee jireenyasaa fooyyessuuf birrii liqeeffatee Bishooftuudhaa lukkuu 200 ta'an bite. Hunduu duraa dhuman. Kanarraa ka'een qorannoo eegale, lukkuun dhuman, maaliif dhuman?''

Ashannaafiin qorannoosaa kana qabatee dhaabbata dhimma beelladootaa ilaalu- National Veterinary Isntitute jedhamu deemee ture, garuu yeroof namni isa keessummeesse akka hin turre hime.

Barnoota MSc isaa yeroo waggaa tokkoo gadii keessatti xumure, warqaaa qorannoosaas barataa hunda dursee qabxii guddaa A+ argatee xumure.

Kanaanis waraqaa beekamtii argateera.

Ashannaafiin akkuma MSc xumureen barnoota digirii sadaffaa (PhD) itti fufe.

Qorannoo amma mirkanaa'eefii irratti hojjechaa jiru dabalatee yaada qorannoo ja'a dhiheessus, rakkoowwan garaagaraan hin milkoofneef.

''Waraqaan qorannoo koo ja'affaarratti naaf fudhatame. Osoon isa jalqaba dhiheesse hojjadheera ta'ee silaa yoona xumureera,'' jedhe.

Yeroo ammaa dhibee horii irraa gara namaatti darbu- Cue Fever kan jedhamurratti qorannoosaa hojjetaa jira.

Ashannaafiin dhibee haaraa dhufe kana hawaasa hubachiisuuf qorannoo akka eegale hima.

Rakkoolee hawaasa keessa jiran irraa ka'uun mata dureewwan akka namni maaliif dullooma?, dhibdee daranyoo sombaa (TB), HIV/AIDS, dhukkuba busaa fi Covid-19 irratti qorannoo gaggeessuuf erga yaada dhiheessee bubbuleera.

Garuu hudhaawwan isa mudatan dandamachuun mata dureewwan kunneen keessaa muraasa isaanii xumuree maxxansiiseera.

Ashannaafiin haala qabatamaa keessa jiraatu keessatti rakkoo argurraa yaada qorannoof ta'u hedduu dhiheessuu qofa osoo hin taane, umriisaa ijoollummaatti biyyaafis ta'e addunyaaf qorannoowwan bu'aa buusan gumaacheera.

Qorannoon inni wayita weerarri koronaavaayirasii Chaayinaa keessatti eegale dhibee kanarratti hojjete, bara 2020 marsariitii amanamaa ta'ee fi qorannoowwan addunyaaf gumaacha qaban maxxansu- ScienceDirect jedhamurratti maxxanfameera.

Qorannoon mata duree Unfolding SARS-CoV-2 viral genome to understand its gene expression regulation jedhamuun maxxanfame kun, talaallii Covid hojjechuu keessatti akka galteetti fayyadeera.

Ashannaafiin barnoota MSc isaa yeroo waggaa lama hin guunne keessatti xumure, yoggasuma PhD isaa itti fufe.

Gosoota barnootaa qorannoo PhDtti isa ceesisan qabxii A+ argachuun dafee xumuree, yaada qorannoowwanii dhiheessuuf carraa akka argate waraqaan barnootaa isaa ni agarsiisa.

''Yaad-rimeewwan qorannoo madaallii hundaanuu ulaagaa guutan hedduun dhiheesse. Hundayyuu sababa baajataa fi meeshaalee qorannoof barbaachisaniif na jalaa kuffisan,'' jechuun qorannoo gaggeessuu keessatti qormaati hedduun isa mudachuu ibse.

Osoo qorannoon Covid irratti hojjete akka qorannoo PhDtti darbeeraaf ta'ee silaa umuriisaa waggaa 25tti digirii sadaffaa xumuruu akka danda'u hime.

Dhaamsa dargaggootaaf...

Itoophiyaan biyya ummannishee irra-jireessi dargaggoota ta'aniidha. Humni biyyattii ijaaruu danda'u kun garuu carraa hojii barbaacha wayita yeroosaa gubu mul'ata.

Ashannaafiinis dargaggoota kunneen keessaa tokko. Dargaggoonni rakkoon itti heddummaatus sammuu uumaan isaan badhaasetti fayydamuurratti harka kennuu akka hin qabne dhaame.

''Waan hedduu akka hin qabne beekamaadha. Garuu waan tokko kan waan hedduu caaluu fi waan hedduu sana argamsiisuu danda'u- Sammuu qabna.''

Ashannaafiin rakkoon keessa darbe kan dargaggoota biyyattii yoo caaluu baatellee sanaa gadi miti jedha.

''Rakkinni qoraasuma naaf ta'e, na qare. Fakkeenyaaf an wayitan kutaa 11 maatiirraa adda ba'ee eegalu, osoon biddeen tolchuu harki kiyya na gubateera. Barnoota dhaabaa, itti deebi'aan sadarkaa kanarra ga'e,'' jedha.

Namni yeroo hunda rakkoo yookiin ammoo yeroo hunda qannoo keessa hin jiraatu kan jedhu Ashannaafiin, jireenyi milkii qabu kan argamus gidduu kanaati jedha.

''Rakkoo fi qannoo keessummeessinu walitti ida'uun fuuldura keenya ibsuu qabna,'' jechuun ampuulii ibsaa fakkeenya fudhatee haala kana ibse.

''Anniisaan elektirikii ifasaa karaa ampuulii arginu kun chaarjii negative fi positive irraa kan dhufedha. Positive qofa osoo ta'ee ifa hin kennu,'' jechuun dargaggoonni rakkoo isaan mudatus akka carraatti akka fayyadaman gorse.