Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nama mirga abbummaa kalaqaa 57 maqaa isaatiin galmaa’an qabu-Dr Daanyaachew
Daanyaachaw Birruu Goondaritti Raadiyoo boombii(yexinziizaa raadiyoo) hojjechuurraa ka'uun biyya Hoolaanditti waggoota 30 dhaabbata Fiiliips dijitaalessuu keessatti gahee bahaniiru.
Dr. Daanyaachaw ''qormaata kutaa saddeettaaf yoon darbe barnoota ittan fufa yoo ta'uu baate garuu daldalattin gala'' jedhanii murteen murteessan amma sadarkaa PhD gahuu isaaniif bu'uura ta'uu dubbatu.
Bara Ihaappaa dargaggeessi qabsootti makamu dargaggeessi bara sanaa Dr. Daanyaachew baranoota sadarkaa lammataa hordofuuf qe'ee maatii isaaniirraa xiqqo fagaattee magaalaa argamtuttti hirichaa isaanii waliin mana kirreeffatanii barnoota itti fufan.
''Hangafoonni keenya waraqaa Ihaappaa fidanii yeroo dubbisan nan yaadadha. Ani garuu garasitti fedha hin horanne. Galuufis yaalii hin goone.''
''Harmeen koo Bosonatti gala jettee waan sodaattuuf barnoota akkan addaan kutu na gaafatti ture. Yeros ijoolleen barnoota sadarkaa lammaffaa xumuran sadarkaa ani barbaadu gahanii isaan hin agarre ture. Namni of fuulduratti ilaalu hin turre. Kanaafuu maatii koon gargaara jedheen barnoota adda kute.
Bara sana Finfinnee deemanii miya bitanii deebi'uun waan guddaa ture. Abbaan keenyas konkolaataa guddaa qaba ture. Galii gaarii qaba ture. Booda keessa nan nuffe.''
Ta'uus yeroon ittii gara kutaa saddeetiitti deebi'anii barnoota itti fufan garuu jireenya isaanii jijjiire.
''Kutaa saddeettaffaa osoo hin baratiin qoramuun ni danda'ama ture. Qabxii gaarii yoon fide barnootni hiree kooti jechuudha, yoon qabxii gaarii dhabe ammoo daldalan itti fufa jedhe. Manni barnootichaa Addis Zaman ture. Xiqqo qo'adhee yoon qoramu 90 olin fide. ''
Hamusiiti kan jiraachaa turan ogeessi kun qabxiin isaanii daareektara mana barnootaa isaaniin yerooqabxiin isaanii akka himamu godhamu ni gammadan. ''Maatii kootiinis barnoota kootiiniin itti fufa jedhee itti hime. Osoon qoratamuu baadhee jireenyi koo guutummaatti kallattii biraa qabata ture.''
Amma Dr. Daanyaachew jaarmiyaa Kuwaantiif tekinoolojii jedhamu keessatti qindeessaa garee qorannoofi qo'annooti. Waggaa 30'f Fiiliips keessa hojjetaniiru.
Filiipsi raadiyoo dabalatee meeshaalee hedduu dijitaalessuun kan beekamu yeroo ta'u, ooggeessi Itoophiyaa kun ammoo maqaa isaaniin kalaqawwan beekamtii argatan 57 qabu. Ogeessa hubannoo nam-tolcheetis.
'Raadiyoo boombii'
Dr. Daanyaachew maatiin isaanii dureessa waan turaniif magaalaa Baahirdaarii mana bitaniifiit dabalataan ammoo hojjechaa akka baratan mana baaburaa bananiif.
Haala gaariin barachaa turre. Hojjechaa maallaqa arganna. Maatii keenyaafillee irraa hafaa aturre'' jedhu
Teeknoolojii waliin kan walbaran daa'imummaatti ture. Keessumaa raadiyoon akkamiin akka hojjetu baruu barbaadu ture.
''Abbaan keenya tiraanziistara durii waan ta'eef raadiyoo qaba ture. Kana dambaliin irratti argamu, sagaleen kan irratti dabalamu fi hir'ifamu qaba ture. Kana arginee dhoqqee bukeessinee raadiyoo hojjennee keessa isaa boombii ishee balaliitu keessa keenya ture. Waa keessa keenyee yeroo naannessinu iyyi boombii keessaa ni dhagaaham. Achii raadiyoo hojjenne jenna ture.''
Sagaleen Raadiyoo keessa akkamitti akkamiin uumama kan jedhu isaan ajaa'iba ture.
''Keessa isaa ilaaluuf raadiyoo abbaa koo nan hiikee. Raadiyoon kun Fiiliips ture. Dijitaalawaa ta'uu isaan dura waan ta'eef sibiilota isaa qaqqabee sagalee barbaadaa akkan ture nan yaadadha.''
Ispiikara isaa akkamiin akka hojjetu baruu barbaadanii iddoo sagaleen dhagaahamu yoo banan keessi isaa duwwaa ta'uu argan. ''Booda raadiyoo san hojiin ala godheen abbaan koo natti ori'e'' jedhu.
Abbaan koo raadiyoo ni jaalata. Hanga du'uttis oduu sa'aa lamaa raadiyoon hordofa ture.''
Dr Daanyaachew fedha isaanii kanaafi tattaaffii godhaniin dhaabbata Filiipsi keessa waggoota 30'f hojjechuu danda'aniiru.
Seenaa isaanii kanas walgahii fi yeroo boqonnaa shaayee waahillan hojii isaaniif qoodaa bahan.
Bara isaan barnoota sadarkaa lammaffaa hordofan sana warri Jaappaan konkolaataa konkolaachisaa malee deemu kalaquuf yaalu turan.
Isaanis karum raadiyoo kalaqa teeknoolojii addunyaan irra jirtu hordofu. boodas gara Yunivarsiitii Finfinnee seenanii Elektiriikaal Injinariingii qo'atan.
Bara barnoota isaanii adda kutanii turan ilmi wasiila isaanii konkolaata ahiikee walitti deebisaa arganii dinqiifachaa turuun isaanii muummee barnootaa kana akka galaniif sababa ta'eera.
Bara sana Filiips biyyoota guddachaa jiraniif carraa barnoota bilisaa kenna ture.
Dr. Daanyaachewis carraa argatanii gara biyya Holaand imalan. Yeroo barnoota xumuraniis carraa hojii kenneefi achumatti qacaraman.
''Itoophiyaatii bahanii teeknoolojii biyya isaaniin hojjechuun namtti tola. Yeroo san Itoophiyaa keessa waan haaraa kalaqanii hojjechuuf karaanis meeshaaniis hin jiru. Filiips waan haaraa kalaquun abbummaa kalaqaa argachuuf ni mijata.''Barnoota digirii lammaffaa isaaniif qorannoon qoratan kan isaan fayyadu waan ta'eef ''hojii sii kenninuu naan jedhan anis baayyeen gammade'' jedhu.
...Hogganaan damee 'Itoophiyaa keessa Yunivarsiitiin jira jedhee hin yaadu ture. Akkamitti namni akka kee bahe?' naan jechuu isaa hin dagadhu'' kan jedhan ogeessi kun Afrikaa, Itoophiyaa keessa namni namni baratu kan jiru itti hin fakkaatu jedhu.
Abjuu ijoollummaa isaaniifi muuxannoo hojii argachuuf barkurnee sadiif Fiiliips keessa kan turan Dr Daanyaachew, kalaqawwan 57 hojjetaniif mirkaneeffannaa kalaqaa argataniiru.
Bara 1980'oota keessa Filiipsi meeshaa qulqullina qabu jedhamee beeksisfni gaariinis hojjetamaafi ture.
''Filipsiifin hojjedha yeroon jedhu boonatu natti dhagaahama'' jedhu Dr Daanyaachew.
Ogeessi kun amma maatii isaanii waliin Ameerikaa Boostan kan jiratan yeroo ta'u meeshaalee Filpsitti dhimma bahu.
Dhaabbatichi meeshaalee xixiqqoo akka ampuulii irraa qabee hanga meeshaalee waldhaansa fayyaa akka maashina MRI oomisha.
Dr Daanyaachew yeroo baayyeef kan hojjetan garee telekondaaktaroota kompiitaraafi konkolaattota keessa galan waliini.
Amma dameen kun gurguramee jaarmiyaa of danda'e ta'eera.
Abbaa qabeenyummaa kalaqaa
Mirga abbaa kalaqaa 57 maqaa isaaniin galmaa’an qabu. Filiipsi yeroo turan qorannoo hedduu gaggeessaniiru. Bara gara jalqabaa warri hojjetanii fi gara booda kanaa kan hojjetan teeknolojii yeroo Sanaa fakkaatu.
Dur sagantaa kompiiteraa tokko hojjechuun bu’aa isaa baruuf aduu turban tokkoo fudhata. Amma garuu sekondii keessatti beekuun danda’ama. Qorannoon digirii isaanii lammaffaa waa’ee chiippii raadiyoo dijitaalaa ture.
Raadiyoon dur anaaloogii ture. Anaaloogii jechuun yeroo raadiyoon AM ykn FM darbu sagaleen sarara anaaloogii keessa darbuun jijjiiramuun yeroo tamsa’u jechuudha.
Dr Daanyaachoon sirna Raadiyoo gara dijitaalaatti jijjiiru hojjechuun miri kalaqaa kennameeraaf. Hojiin kun baay’ee milkaa’aa akka tahe himu.
Sana booda ammo televizhinii gara dijitaalaatti jijjiiruu irratti xiyyeeffachuun barnoota digirii sadaffaa isaanii kana irratti hojjetan. ''Kana kaniin hojjechaa ture bara televizhinii dijitaalaa jedhamu hin jirre keessadha. Yericha durseen jechuudha.''
Televizhiniin gara dijitaalaatti jijjiramee ammoo sirna dijitaalaa biroodkastii jedhamu irratti hojjechuun mirga kalqaa kana irrattis argatan.
''Sadarkaan Ameerikaa fi Awurooppaa adda addadha. Kana bakka tokkotti sirna hojjechuu danda’un hojjedhe,'' jedhan. Mirgi kalaqaa gara biraan argatan ammoo ampoolii interneetii waliin wal qabsiisuun fayyadamuun akka danda’amu gochuuni.
Ampooliin shiboo kan hin qabne tahee Bluetooth dhaan ykn Wifi fayyadamuun interneetii waliin wal qunnamsisuun adeemsa fayyadamanidha.
Dr Daanyaachoon fuulduratti waan tahuuf jedhu yaadanii dursanii hojjechuun akka isaan gammachiisu dubbatu. Mirga kalaqaa kanneen ittiin argatanis bara isaan hojjira oolan dursuun ture.
Addunyaa Dijitaalaa
Filiips gara adunyaa dijitaalaatti akka cehu warra shoora ol aanaa taphatan keessaa Dr Daanyaachoon isaan tokko. Oomishaaleen anaaloogii dijitaala gaafa tahan qama cehumsichaa tahuu danda’aniiru.
Amma anpooliin ammayyaa’eera. Interneetii waliin wal qunnamuu danda’eera. Namni yoo hin jiraanne ni bada. Yoo namni dhufu ammo ni ifa. Halluun isa ani jijjiirama.
Bilbilaan ibsuu fi dhaamsuun danda’ama. Biiroo keessa namootni meeqa jiru jedhee sochii qilleensaan tilmaama.
Turtii waggoota 30 filips keessaa xumuruun gara Itoophiyaatti deebi’uuf kan murteessan boqonnaa yeroo dheeraa fudhachuuf akka tahe himaniiru, Dr Daanyaachoon.
Amma guutummaan gara biyyatti hin galle, garuu abjuun isaanii biyyatti AI irratti hojjechuu akka tahe dubbatu. ''Abjuun koo walitti hidhaminsa interneetii jajjabeessudha. Interneetiin yoo haalaan hin diriirre hojjechuun hin danda’amu. Gara biyyoota olla akka Keeniyaa dhaabbilee gurguddoon kan deemaniif tajaajilli interneetii fooyya’aa waan jiruuf.'' ''Mucaankoo homaa osoo hin tuqiin konkolaataankoo buufata xiyyaaraa na geese.'' ''Teeknoloojiin ammayyaa’ee asoosama yeroo fakkaatu irra geenyeerra. Fuuldurattis ni argina,'' jedhan. ''Yeroo hundaayyuu kalaqni nama ajaa’ibsiisu kan har’aati’’ jedhu. Yeroo waliin akka jijjiiramu ibsuun.
Teeknloojiin wal xaxaa tahuu fi yeroo gabaabaatti jijjiramuun isaa akka isaan raajeffachiisu dubbatu.
Dr Daanyaachoon teeknoloojiin fayyaa namaa yeroo eegu, jireenya namaa salphisuu arguun akka isaan gammachiisu himuun dargaggota kalaqa keessa jiran gargaaruun akka isaan gammachisus dubbatu.
Gama biraan teeknolojiin nama balleessuuf yeroo oolus akka taajjaban himu. Dr Daanyaachoon kutaa saddet yeroo jiran barnoota irraa gara daldalaatti goruu isaanii ibsanii har’a ammo namoota guddina teeknoloojii keessa shoora ol aanaa bahatan tahuu danda’aniiru.