Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayintistii lammii Itoophiyaa suuraalee miiliyoona haqsiiste Dr Ababaa Birhaanee
Dr. Abaabaa Birhaanee ijjoolluu qabdee daree ishee keessaa barattuu cimtuu turte.
Isheenis barattoota baatii Waxabajjiitti waraqaa ragaa fudhachuuf hiriiran keessaa tokko turte.
Amma saayintistoota kompiitaraa maqaa guddaa qaban keessaa Ababaaa Birhaanee tokko.
Ganni yeroo dhufu abbaan gateettii irratti baatanii waraqaa ragaa erga fudhataniin booda, karameellaa Dastaa bitaaf akka turan himti.
‘’…Karameellaa naa bitee mana daadhii na geessee, hiriyyootasaatti na agrsiifata. Yaadannoo kana baayyeen jaaladha. Iddoon amman gaheef abbaan koo gumaacha guddaa qaba. Rifeensa koo illee shurrubba naaf dhahaa ture…’’
Abbaanshee du’aan erga boqotanii waggaan sagal darbeera. Yeroo lubbuun jiran barnootaaf jaalala akka qabaattu ishee jajjabeessaniiru.
Ayarlaand, magaalaa Dabliin keessa jiraatti. Ababaadhaan tibbana mataa ijoo dubbii akka taatu kan godheen qorannooshee ‘MIT’n suuraalee miiliyoona 80 akka haqu ittiin taasifteef miidiyaalee idil-addunyaa irratti bal’inaan gabaafamaa turedha.
Haatishee, ‘’dubartiin gara golaatti…’’ jedhuuni ture. Maatii barachuu dubartii hangas mara hin jajjabeessine keessatti isheen garuu barnoota akkaan jaalachuu himti.
Addatti barsiisota ishee galateeffachuu barbaaddi, keessattuu barsiisaa kutaa sagalitti Fiiziksii ishee barsiisan. Torbee tokkoof yeroo barnoota dirqamaan addaan kuttee yeroo turte, gara mana barumsaatti kan ishee deebisan isaan turan.
Isa boodas irraa deddeebiin barnoota addaan kuttee turte, boodarra Yuunivarsiitii Baahirdaaritti barnoota Fiiziksii digrii jalqabaa barattee, boodarra Ayarlaanditti carraa barnoota bilisaa argatte.
Saayintistoota kompiitaraa dhalataa Itoophiyaa tahaniif addunyaan keenya maqaa waamtu keessaa Ababaan tokko. Timniit Gabruu, Radi’eet Abbaba fi Ababaa Birhaaneetu maqaan dhahama.
Ababaan hayyuu Kogniitiiv Saayins jedhamuti. Dameen beekumsaa kuni afaan, xiin-sammuu, falaasama, saayinsii kompiitaraa, Antirooppolojii fi hubannoo nam-tolche(AI) walitti furgaasuun qo’ata.
‘’… jireenya koo baayyee barnoota irrattin dabarsa. Yeroo ammaa waantan jaaladhun hojjechaa jira. Haqa buusuu, waan gaarii fakkatu tokko rakkoosaa saaxiluun jaalalaan akkaan hojjedhu na godha…’’
Hojiinshee sammuu namaa, naannoo, hawaasa, aadaafi seenaan hubachuun erga sakatta’anii booda qeequu fa’I dabalata.
Damee hojii hubannoo nam-tolchee(AI) keessaa tokko (machine learning) dha. Innis teeknolojii maashiniin tokko odeeffannoo ofitti fudhachuun saffisaafi dogoggora malee akka hojjetu kan godhudha.
Ababaan odeeffannoo(data) maashina kanaaf dhiyaatu qo’atti. Gama naamusaan ni qeeqxi. Qorannoo PHD ishees akka fakkeenyaatti ilaaluu ni dandeenya.
Suuraalee miiliyoona 80 akkamiin haqsiiste
Qorannoo ishee PHD ishee kana Kooleejii Yuunivarsiitii Dabliinitti yeroo dhiyeessite gaazexeessitoonni 80 ol gabaasaniiru.
Xiyyeeffannoo qorannichaa suuraalee barnoota maashinii(machine learning)dhaaf akka odeeffannootti kennaman qaawwa yk hir’ina qaban agarsiisuudha.
Suuraaleen kunneen miiliyoona 80tti kan siqan yoo tahu, ibsa suuraalee kunneen waliin dhufanis, Ababaan qorannoo ishee keessatti ilaalteetti.
‘’…odeeffannoon eessaa dhufaa? Suuraalee kunneeniin namoonni akkamiin ibsaman, gareeleen hawaasaa garagaraa akkamiin ilaalaman, kan jedhu sakatta’uu, qorachuufi adda baasuu ture hojiin koo…’’ jetti.
Bu’aa qorannichaa akkasiin ibsiti: ‘’Ibsawwan saalaan qoodan, sanyummaa irraa mul’atuufi kabaja namaa tuqan kana malees namoota bifa gurraacha qaban akka hin taanetti ibse fa’i qabateera.
Qorannoo koo booda MIT’n tuuta odeeffannosaa kusaa isaa keessaaa balleesseera. Hojiirra akka hin oollettis haqeera. MIT’n suuraalee kunneen haquun milkaa’ina guddaa natti fakkata…’’
Akka hayyuuwwan dhimma kana qoratan jedhanitti, teeknolojiin yaada loogii saalaa, sanyiifi kaan irraa ka’uun hojiirra oolu haqni akka hin jiraanne gochuu danda’a.
Akka Ababaan jettutti Facebook, Google, Amazon, Netflix fi appiiwwan kaan kan isaan odeeffannoo fudhatan karaa barnoota maashinii(machine learning) dhaani.
‘’Dhaabonni teeknolojii tuuta odeeffannoo(data set)isaanii kuusaa isaanii keessatti dhokfataniiru. Kuni immoo yaaddeessaa dha. Iftoominni odeeffannoo jiraachuu qaba. Qeeqaaf banaa tahuu dhabuun balaa qaba,’’ jetti.
Waggoota 15 darban keessatti ‘machine learning’ damee teeknolojii guddaa taheera. Akka Abaaboon jettutti dhaabonni marsariitii irraa odeeffannoo sassaabuun samuudawwan leenjisa.
Haala kanaan kuufamani odeeffannoo baay’achuun dameen kuni akka malee akka guddatu godheera.
Haala kanaan taateewwan gara fuulduraa tahuuf jiran otoo hin hafiin tilaamaama jechuun himti Ababaan.
Garuu teeknolojiin kuni hamma fe’e yoo leenji’eyyuu amala nama hundaa baruu hin danda’u.
Namoonni damee teeknolojii kana akka malee amanuu kana ni qeeqxi. ‘’Shakkuu waan teeknolojii fi hubannoon nam-tolchee hundi sirrii tahuu dhiisuu malu,’’ jetti.
Kanaaf ofee (selfie) kaanee maxxansuu haa dhiisnuuree
Ababaan Itoophiyaa keessatti kan ishee yaaddessu hubannoo eeggannoo odeeffaannoo dhuunfaa irratti jirudha. ‘’…Fakkeenyan sii kenna yeroo bu’aan qabxii maatrikii yeroo bahe barataan qabxiiisaa baruuf lakkoofsa waraqaa eenyuummaafi odeeffannoo dhuunfaa biraa calliseema marsariitii irratti galchaa ture.
Odeeffannoon kana dhaaboti teeknolojii gurguddoo ni funaannatu. Kana booada namoota qooduufi miidhuuf itti fayyadamu.
Marsariitii odeeffannoon takkaa gadhiifamnaan akka hin badneefi bololi’aa akka turu beekuu qabnu..’’
Kaan immoo suuraa keenya akka feete isa gadhiisnu kanadha jetti. Suuraan gadhiisnu qembee odeeffannoo dhaabota teeknolojii kunneen keessa galuun (machine learning) dhaaf itti fayyadamu.
‘’Jaalannes jibbines odeeffannoo seenaa namootaa, sharafa maallaqaa, sabootaafi kaanis ilaaluudhaan liqii kenninuufimoo dhiisnu waan jedhutu murteeffamaa jira. Itoophiyaanis garuma sanaa adeemaa jirti,’’ jetti Ababaan.
Unuufi Feesbuukii
Feesbuukiidhaan teeknolojii ‘namuusa hin qabne,’’ jechuun waamti. Dhaabichi oduun sobaa hanga tamsa’e, Itoophiyaan hangam goolamte dhimmi jedhu akka isa hin yaaddeessine himti.
Dhaabichi dhimma siyaasaafi fayyaa irratti oduu sobaa tamsa’uuf ykn odeeffannoo walitti bu’insa fidu daangeessuufi haquuf maallaqa gahaafi humna namaa akka hin bobbaasne qeeqxi.
Kanarraa akkamiin of haa eeganu?
Ababaan gama kanaan gorsa sadii qabdi.
Sochiin dijitaala irratti taasifnu martii ashaaraa dhiisee akka darbu hubachuu qabna. Odeeffannoo keenya miidiyaa hawaasaa irratti akka feene facaasuu hin qabnu. Teeknolojiin seerawwaan hunda beeka jennee duchaatti amanuu dhiisuu qabna.
Teeknolojiin akka biyyoota lixaa rakkoo keenya tahaa hin jiru taha. Suuta tahus garuma achitti tirachaa jirra jetti.
Akka hawaasaatti yoo ilaalle teeknolojiin suuta deemuunsaa waan gaarii dha jennee ilaalla warri qeeqnu jetti.
Itoophiyaan akkuma biyyoota kaanii hubannoon nam-tochee (AI) waan ishee yaaddessuuf miidhaa qaqqaabuu malu hir’isuuf gamanumaa qajeelfamaa baafachuu qabdi jetti.
Facebook, Google, Twitter fi kaan illee hamma baadiyyaatti galanii tajaajila kennuu barbaadu, karooras qabu.
Dhaabonni kunneen hawaasni kana fakkaachuu qaba, namoonni hariiroo uumuu kan qaban karaa akkasiinii jechuuniifi dhibbaa hawaasaafi siyaasaa gochuu akka barbaadan irra deddeebiin qeeqamu.
Ababaanis dhimma kana akkasiin ibsiti, ‘’Kuni gita bittaa ala kallattiidha. Kanaanis dhimma tokko akkaataa isaan barbaadaniifi adeemsisaniin beeksisaa, akkasumas yaada namaa keessa bulchaadha jiru.
Teeknolojii mataa keenyaa diriirsuuf maallaqa hin qabnu. Kanaaf, isaan gara keenya dhufaa waan jiraniif Itoophiyaa keessatti imaammata isaaniin itti to’annu baasuudha qabna’’
Hubannoon nam-tolchee(AI) addunyaa keenya ni yaaddessaa?
Ni yaaddssas, hin yaaddessus jetti. Gama tokkoon loogiifi bulchiinsi badaa laffarra jiru kara teeknolojiin itti fufuun ni yaaddessaanii.
Gama kaaniin hayyuuwwan kanneen akka Timniit dhaabota gurguddoo dura dhaabbatan jiraachuun abdii kennaaf.
Akka Ababaan jettutti, ‘’…bara 1950 keessa yoo ilaalte koompiitarri otoo hin kalaqamiin shallaga herreegaa kan hojjetan dubartoota gurracha turan.
Ogummaan kun yeroo guddataa dhufu garuu dhiiroti gara hoggansaatti dhufuu jalqaban. Kunis dubartoota gurrachaaf qormaata guddaa tahe.
Amma garuu dubartootni lammiin Itoophiyaa tahan otoo hin hafiin dhiibbaa gochaa jiru.’’
Hayyuuwwan addunyaan qaba jettu keessaa tokko Dr Ababaa dha Bara darbe hubannoo nam-tocheedhaan namoota dhiibbaa olaanaa taasisan jedhamuun filamtee turte.
Kalaqa suuraa kompiitaraan badhaasa ‘Venture’ jedhamus fudhatteetti. Ammas gama hubannoo nam-tocheen (AI) dhaan ogeeyyii Afrikaa dhiibbaa uuman keessaa tokkodha.
Badhaasota argatte keessaa warreen ijoo eerre malee beekamtii garagaraa argatteetti.
Isheen garuu iddoo guddaa kan kennituuf battala qorannoo PHD ishee dhiyeessitee xumurte sana dha.
‘’ abjuu baayyee qaba. Battala PHD koo diffeend godhee yeroo bahe sana hin dagadhu, sababiinsaas hojii wagga shanii booda dha gatii taheef,’’ jetti.
Guyyaa sanas ergaan baga gammaddee Tiwiitara irraattii isheef yaa'aa oole.