Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kalaqa Elbeetel Taayyuu: Teknoloojii kaansarii harmaa wal'aanuuf gargaaru
Kaansariin harmaa gosa kaansarii akka Itoophiyaatti sadarkaa tokkoffaatti du’aatii haadhootiif sababa ta’udha.
Barsiistuu fi qorattuun Baawoomeedikaal injinaringii, Yunivarsiitii Jimmaa, Elbeetel Taayyuu ammoo teeknoolojii yaala kaansarii harmaaf oolu kalaqxe.
Kalaqa ishee kanaanis qorattoota sadii badhaasa Toores Goodaal bara 2022 mo’atan keessaa tokko ta'uu BBC’tti himte.
Wallaansi kaansarii harmaa karaa qorannaa baayoopsii (biopsy test) jedhamutiin bakka qaama kaansariidhaan hubame irraa saamuda fudhachuun eegala.
Saamudichi erga maayikrooskoppiidhaan ilaalameen booda, caasaa seelii kaansarii qabaachuun mala maayikrooskoppii (visual inspection) jedhamuun adda baafama.
Malli qorannoo kunis dhaabbilee wallaansaa muraasa qofa keessatti akka kennamu dubbatti Elbeetel.
“Hundaa’ol malli kun dandeettii hakimoota buleeyyii muuxannoo qaban irratti kan hundaa’udha. Haala bal’ina dhibee kaansarii harmaatiin wal bira qabamee yoo ilaalamu ammoo, baay’inni hakimoota wallansa kana kennanii daran muraasa waan ta’aniif wal hin gahan.
''Inni biraan, kaansariidhumtii harmaayyuu gosa gara garaa waan qabuuf sadarkaan isaa hojjetamuu qaba'' jetti.
Teeknoolojiin Elbeetel kalaqxe maali, akkamiin hojjete?
Hanqinawwan gama qorannoo kaansarii harmaatiin jiru furuuf, sirna dandeettii nam-tolchee (AI) tti dhimma bahama.
Ammattis gosoota kaansarii harmaa saddet irratti xiyyeeffachuun, onlaayinii fi giddu gala wallaansaa biyya keessa jiru irraa suurota dijitaalaa maayikrooskoppii walitti qabuun, sirna daandeettii nam-tolcheetiin odeeffannoo funaanaman barsiisuu dubbatti Elbeetel.
Akka isheen jettitti, siistamni kuni suura dijitaalaa tokko yommuu argatu ofuma isaatiin gosa kaansarii harmaa kam akka ta’e adda baasuun qoqqooda.
"Kalaqni kun yeroo hakimoonni qorannaa kaansarii harmaa taasisan akka murtoosaanii gabbisuuttii ta’ee gargaaruu danda’a.” “Amaloonni gosoota kaansarii harmaa garagaraa altokko tokko amaloota walfakkaataan waan qabaniif haalli walxaxaa ta’e yeroo uumamutti, murtoo waloo hakimoonni fudhatantu barbaachisa.
Kun ammoo yeroon qorannaa dhukkubichaa akka dheeratu taasisuun dhukkubsataan akka hin yaalamneef danqaa ta'a," jechuun mala barameen gosa kaansarii harmaa adda baasuun rakkisaa ta’uu himti qorattuun kun. Kalaqa kana keessattis gorsaa ishee Dr. Gizee’addis dabalatee gareen hayyoota baawoomeedikaal injinariingii fi paatooljistootaa afur ta’an akka argaman BBC’tti kan himte Elbeetel, gara fuulduraatti omisha kana gabaatti dhiyeessitee rakkoo dubartoota sababa kaansarii harmaatin rakkatanii furuu barbaaddi.
Qorannaan mala barameen kaansarii harmaatiif taasifamu, adeemsa dheeraa fudhachuu irraa kan ka'e rakkoo kana hiikuuf yeroo digirii lammaffaa barachaa turtetti teeknoolojii qorannoo kaansarii harmaa fooyyessuu irratti xiyyeeffachuun qorannoo geggeessuu akka eegalte dubbatti.
Kalaqni kun duraan waraqaa eebbaa digirii lammaffaa isheetiif bara 2020 hojjetamuu kan dubbattu Elbeetel, yeroo sana hanga sadarkaa yaalirra gahee ture.
Dorgommii Grand Challenge Ethiopia irrattis bara 2021 tti sadarakaa ol-guddisuu jedhuun dorgomuudhan deeggarsa maallaqaa miliyoona tokkoo argachuu kan dubbattu qorattuun kun, amma deeggarsa maallaqaa argatte fayyadamuun kalaqa ishee sadarkaa agarsiisa duraan geessee jirti.
Waldhaansa kaansarii harmaaf qofa osoo hin taane kaansarii gadameessafis akka ta'utti hojjachuudhaf yaalaa akka jirtu dubbatti.
Kalaqichi bu’aa bahii akkamii keessa darbe?
“Akka hangafatti, odeeffannoo walitti qabuun baay’ee rakkisaa ture. Siistama dandeettii namtolchee (AI) gabbisuuf siistama keenya barsiisuun waan nurra tureef, ragaa baay'ee galchuu qabna; odeeffannoo sana ammoo onlaayiniis ta’ee biyya kessaa walitti qabuun rakkisa ture,” jechuun haala rakkisaa keessa dabarte dubbatti Elbeetel.
“Qorannoo rakkoo hawaasaa hiikanii fi dinagdee biyyaa utuban deeggaruun ergaa keenya guddaadha, kalaqni akkanaas deeggaramuu qaba," jedhan pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa.
Itti dabaluunnis, “Akkuma biyyaattuu hojiin kalaqaa xiyyeeffannoo barbaachisa ta’e argateera hin jennu, garuu ammoo yaadawwan hedduu barattoonni, barsiisonnii fi hayyooni keenya baasan deeggaruu irratti hamma humna keenyaa gochaa jirra,” jedhaniiru Dr. Jamaal.
Beekamtiifi badhaasni kalaqichi argate maalidha?
Inistiituutiin qorannoo Armaawor Haansan waggaa waggaadhaan namoota qorannoo fayyaa irratti geggeessan dorgomisuun dhumarratti namoota sadii filachuun badhaasa.
Elbeetel akka jettutti dorgommii kalaqaa dhaabbatichi baase irratti hirmaachun badhaasa kisitaal jedhamu, qarshii kuma digdama, meedaaliyaa warqee akkasumas waraqaa ragaa fudhachuu dandeesse.
Badhaasni maqaa daarektara duraanii dhaabbatichaa, lammii Noorweey, Tooree Goodaaliin kan moggaafame kun Embaasii Noorweeyiin qindaa’a.
Qorannooleen badhaafaman kunneenis dhukkuba sukkaaraa, kaansarii harmaa fi hamma qorichummaa biqiloota biyya keessaa irratti kan taasifamedha.
Beekamtii fi badhaasa inistiituutiin qorannoo Armaawor Haansan Waxabajjii 9, 2022 kenne irrattis, hayyoota yunivarsiitii Jimmaa lamaan dorgomicha mo’usaaniitti yunivarsiittichi baay’ee boonuu dubatan Dr. Jamaal.