Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kalaqa: Mul'ata dargaggoo Ahimad dukkana qe'ee baadiyyaa ibsuu irratti xiyyeeffate
Ahimad Mohaammad Adam Dirree Dhawaatti dhalatee guddate. Umurii ijoollummaa isarraa kaasee waa uumuun ykn tolchuun gammachuu akka isaaf kenna dubbata.
Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa wayita jirurraa kaasee raadiyoo suphuu fi konkolaataa xixiqqoo ijoolleen ittiin taphatan dinaamoodhaan hojjetu hojjechaa akka eegale yaadata.
Yeroo ammaa kana ammoo magaalaa Finfinnee kan jiraatu yoo ta'u, Yunivarsiitii Riift Vaalii waliin qo'annoofi qorannoo irratti hojjechaa jira.
Yunivarsiitii Dirree Dhawaatti Elektirikaal Injiinaring baraachuu kan dubbatu Ahimad, sababa gara garaatiin barnoota muummee kanaan osoo hin xumuriin hafus garuu Saayinsii Kompiitaraan xumuruu hima.
Ahimad bara 2018 irraa kaasee hojii qo'annoo fi qorannoo irratti Yunivarsiitii Rift Vaalii waliin hojjechaa jiruunn, hanga ammaatti pirojektoota lama Yunivarsiiticha waliin ta'uun hojjechuu dubbata.
Pirojektiin jalqabaa, konkolaataa humna ittiin socho'u qaamuma isaarraa argatu qalaquun hojiin agarsiisuu ture.
Kan lameessoo ammoo jenereetara umna elektirikaa maddisiisuu ykn 'Micro Power Station' qe'ee baadiyyaa elektirika hin arganneef yaadamee pirojektii hojjetameha.
Jenereetara humna ibsaa maddisiisu adda ta'e...
Akka Ahimad jedhutti, 'Micro Power Station' isaa kana wanti adda godhu akka jenereetara kaanii beenzilaafi zayita boba'aa kan fayyadamu miti. Ho'a ifa aduu, maaginetaafi baayoo gaaziitii naannawaadhumatti argamu gara humna elektirikaatti jijjiiruun akka humna ibsaa maddisiisu dubbata abbaan kalaqaa Ahimad.
Kana jechuun, maddi annisaa jenereetara inni kalaqee makaa (hybrid): Humna ifa aduu, baayoo gaaziifi harkisa maaginetii waan ta'eef kan salphaatti argamuufi naannoo hin faalledha.
Wantota walitti makamanii humna ibsa kennan yeroo ibsu Ahimad, "sadarkaan kaa'amee jira; hanga %70 ho'a ifa aduu, hanga %5 maagineta, hanga %20-25 ammoo baayoo gaazii fayyadama. Maashinni kun wantota kanneen sadan walitti dabaleeti elektiriika maddisiisa," jedha.
Wantonni kunneen naannawaa baadiyaa qote-bulaan jiraatutti ballinaan kan argaman waan ta'eef, salphaatti akka ifa argatan gochuuf pirojektii yaadamee milkaa'uuf jiru akka ta'e hima Ahimad.
Kanaaf, hojii kalaqaa isaa kana wanti adda godhu kan naannoo hin faalle ta'uu isaatiifi galteen inni fayyadamu kan naannawaamatti argamu ta'uu isaati.
Kana malees, kalaqa biyya keessaa waan ta'eef ogeessota dabalatee baasii salphaadhaan dhiyaata akka inni jedutti.
Pirojektii isaa jalqabaa kan konkolaataa humna ofirraa maddisiisuun hojjeturraa barumsa akka argate kan dubbatu Ahimad, hubannoon hawaasaafi fedhiin amma jiru akka inni yaade akka hin ta'iin hubachuu hima.
Konkolaataa sana rakkoo faalama naannoo sababa konkolaataa zayita boba'aa fayyadamuu ilaalcha keessa galchuun kalaqus, hubannoofi fedhiin hawaasaa dhiibbaa egeree faalama qilleensaa caalaa wanta har'a argatu filata jedha.
Kanaaf jecha hawaasaafi namoota mul'ata isaa kana deeggaran amansiisuun akka isa deeggaran gochuun rakkisaa ta'uu kaasuun ibsa.
Biyyoonni addunyaa baayyeen gatii boba'aafi faalama qilleensaa inni qaqqabsiisurraa kan ka'e konkolaataa zayita boba'aan hojjetan dhaabsisuuf hojechaa jiru, kan jedhu Ahimad, kaan hanga bara 2025tti, kaan ammoo hanga bara 2030tti magaalaa isaanii keessaa baasuuf hojjechaa jiraachuu akka fakkeenyaatti dubbata.
Kun garuu biyya keenyatti yaada ammatti fudhatamu miti jedha.
Kanaaf, pirojektii konkolaataasaa kana keessatti namootaafi abbootii qabeenyaa amansiisee akka isa deeggaran taasisuu, akkasumas meeshaaleen galtee sadarkaa isaanii eeggatan biyya keessatti qopheessuurratti rakkoo isa mudate ibsa.
'Qe'een baadiyyaa harki caalu ibsaa hin qabu waan ta'eef...'
Pirojektii isaa lammaffaatiinis rakkoo hawwaasaafi naannoo maal ta'uu danda'a jedhee yaaduurraa akka ka'e kan himu Ahimad, "Qe'een baadiyyaa harki caalu ibsaa hin qabu. Qonnaan bultoonniifi horsiise-bultoonni keenya ammallee dukkana keessa jiru," jedha.
Elektirika dhabuun baadiyyaatti rakkoo amma jiru waan ta'eef, rakkoo kana furuudhaaf jenereetara kana hojjetee gara pirojektii konkolaataa isaatti deebiyuuf akka jiru dubbata Ahimad.
Yunivarsiitiin Rift Vaalii rakkoo hawaasa isaa keessa xiqqa hanga guddaatti jiru irratti dhaabbata dhimmamee hojjetu akka ta'e kan dubbatu Ahimad, yaadawwan pirojektootasaa qabatee wayita Yunivarsiiticha bira dhufetti miira gaariin akka simatame yaadata.
"Pirezidantiin Yunivarsiitichaa yaada koo dhaggeeffatee Muummee Makkaanikaal Injiinaring waliin wal na qunnamsiisee haala naaf mijeeyse," jedha.
Ahimad pirojektiin Micro Power Station kun wagga tokkoofi baatii saddet akka isatti fudhate hima.
Tekinooloojiin jireenya dhala namaa salphisuudhaaf uumaanitti dhimma bahuudhaaf, akkasumas fedhiiwwan adda addaa guuttachuudhaaf hunda dura humna/annisaatu barbaachisadha jedha. Kana jechuun ammoo hanqina wantota bu'uuraa hedduu guutuudhaaf wanti jalqaba taasifamuu qabu inarjii (annisaa) irratti hojjetamuu ta'uu isaa amana.
Micro Power Station amma hojjetee agarsiise kun humna Horse Power (HP) 11 maddisiisuu danda'a. Kan jechuun hanga kiiloo waattii 8.2 maddisiisa jechuudha. Ampoolii ammoo waatii 10 hanga 800 ibsuu danda'a. Tilmaamaan ampoolota giddu-galeessaan hanga 120 ibsuu danda'a jechuudha.
"Itti aansee yaadni kiyya Kiiloo Waattii 200 hanga 500 kan mandara tokko ibsu hojjechuudha."
Ahimad Jeneerata jalqaba yaaliidhaaf (prototype) hojjete aanga'oota mootummaa naannoo Oromiyaafi bulchiinsa magaalaa Finfinnee, akkasumas hojjetoota Yunivarsiitii Rift Vaaliitti kan agarsiise yoo ta'u, yaada gaariifi jajjabeessu akka kennaniif hima.
Jenereetara kana ibsee, akkamitti akka hojjetuufi wantota adda isa taasisu warra daawwataniif ibsee isaanis hedduu itti amananiiru jedha.
Warri daawwatanis kalaqa abdachiisaa akka ta'e mirkaneessuu kan himu Ahimad, "meeshaa qulqulluu ta'een irratti hojjetamee jennaan dhibba keessaa dhibba rakkoo hawaasaa pirojektii furuu danda'udha," jedha.
'Yunivarsiitii Rift Vaaliitti Kampaasii Qaalittii haala mijeesseef'
Yunivarsiitii Rift Vaaliitti Diiniin Kampaasii Qaalittii Gamtaa Ashibbir A L I bara 2012 gara walakkeessaarraa kaasanii mooraa Yunivarsiitichaa keessatti akka hojii kalqaa isaa kana hojjetuuf haala akka mijeessaniif dubbatu.
Dhiyeenya jenereetara hojjete moodeela (prototype) isaa humna akkamiifi hangama akka maddisiisu hojjetee qabatamaan agarsiiseera jedha Obbo Gamtaan.
Amma hojiin isaa kun waan itti amanameef gara fuula duraatti qe'ee baadiyyaa qote-bulaa rakkoon ibsaa jiruufi manneen barnootaa fagoo ibsaa hin qabneen haal dhiyeessuun danda'amurratti kallattiin kaa'ameera jedha.
Ministeera Saayinsiifi Innooveeshinitti xalayaan barreeffameef booda ogeessonni dhufanii akka ilaalan kan dubbatu, Diinii Yunivarsiitii Rift Vaaliitti Diiniin Kampaasii Qaalittii kun, dhiyeenya kana ammoo Biiroo Saayinsiifi Tekinooloojii Oromiyaarraa aanga'oonni sadii, akkasumas kutaa bulchiinsa magaalaa Aqaaqii Qaallittiirraa ammoo keessummaa erganii daawwachuun gara fuula duraattis isin cinaa dhaabbanna jedhaniiru jechuun BBC'f ibsan.
Meeshaaleen jenereetara kana ittiin hojjete hunduu biyya keessa kan jiran akka ta'u kaasuun, meeshaa tokkicha kan mekaanikaal inarjii gara elektirikaal inarjiitti jijjiiru qofatu alaa gale jedha.
Qaamolee jenereetaraa kanaa ofumaan akka hojjetu kan dubbatu Ahimad, walumaagalatti baasii birria 400,000 ta'e irratti baasuu hima.
Ahimad mirgi abbummaa kalaqaa isaa (Patent right) isaa akka galmaa'eeruuf dubbata.
Amma karoora itti aanu inni qabatee jiru humna jenereetaraa gudisee hojjechuun akka mandara baadiyyaa tokkoof ifa kennuu danda'utti hojjechuudha.
Kanaaf ammoo jedha Ahimad, abbootiin qabeenyaa, qaamoleen rakkoon hawaasaa isaan iaallatu isa cinaa dhaabbatanii mullata isaa kana akka fiixaan baasuuf akka isa tumsan gaafateera.
Karoora itti aanu...
Amma karaa sirrii qabadheen deemaa jira kan jedhu Ahimad, buufata annisaa (power station) kiiloo waattii 200-500 kan mandara tokko ibsuu danda'u qabatamaan hojjechuu akka ta'e dubbata. Kana ammoo yeroo ji'a sagalii hanga wagga tokkootti milkeessuuf karoorfachuu hima.
Pirojektiin akkasii kun kan nama tokkoo ykn kan jaarmiyaa tokkoo osoo hin taane kan hawaasaati kan jedhu Ahimad, gargaarsa Yunivarsiitiin Rift Vaaliin taasisaa jiru cinatti hirmaannaan qaamolee biraa barbaachisaadha jedha.