Zuleeykaa Aadam: 'Qaroo dhabuun hojii na dhabsiise'

Zuleeykaa Aadam jedhamti, qaroo dhabeettidha. Zuleeykaan Yuunvarsiitii Haramayaarraa waggaa afur dura digirii jalqabaatiin eebbifamtee, garuu hojii argachuu hin dandeenye.

'Qaroo dhabuun hojii na dhabsiise' kan jettu Zuleeykaan, ''Otoon qaroo dhabuu baadhee dallaaltu ykn qulqulleessitu ta'ee akkuma nama kamiyyuu dalagadheen nan jiraadha'' jechuun BBC'tti himte.

Itoophiyaatti dargaggoonni yuunvarsiitiirraa eebbifaman hedduun hojii barbaadan akka jiran quba kan qabdu Zuleeykaa hojii humnaa hojjattee jiraachuuf qaroo dhabuun mudoo akka isheetti ta'e dubbatti, ni gaabbiti.

Waldaa Qaro-Dhabeeyyii Oromiyaa qaroo dhabeeyyiin akka isheetti hojii dhaban 100 ol Oromiyaa keessa jiraachuu BBC'f himeera.

Zuleeykaan qaroo dhaburratti, barattee hojii dhabuun dhiibbaa jireenya isheerratti fide haasoofti.

Qaroo dhabuu fi hojii dhabdummaa

Zuleeyikaan Arsii aanaa Suudee ganda baadiyyaa Mareenaa Garjallaa jedhamutti dhalatte.

Ijoollummaan ijashee lachuun arguu dadhabde. Yeroo sanatti yaala gahaa hin arganne ture. Sana booda qaroo dhabde.

Gara booda maatiin ishee mana yaalaa geessinaan, ogeessi fayyaa maatiin barfatanii mana yaalaa geessuu isaaniif maatii isheetti erga dheekkame booda akka barsiisu qaban gorse.

Sana booda Zuleeykaan mana barnoota qaro-dhabeeyyii Sabbataatti imaltee barachuuf carraa argatte.

Zuleeykaan yeroon sun laaftuu hin turre. Maatiirraa fagaattee hanga kutaa 12tti mana barnoota qaro-dhabeeyyii Sabbataatti yeroo barattu beelaaf daaru obsitee akka baratte haasofti.

''Maallaqa ittiin nyaata bitadhuu dhabee hanga kufuutti gahee beeka'' jetti.

Garuu baradheen namoota biroof fakkeenyaan ta'a jettee yaada turuu haasofti.

ALI bara 2010 Yuunvarsiitii Haramayaa seente. Barnoota dhimma walqixxummaa koorniyaan walqabatu 'Gender and Development Studies' barattee eebbifamte.

''Cuqursaan akkuma narra gahe dubartoota biroorra waan gahaa jiruuf, rakkoo nama tokkoolle ta'u nan fura jedheen baradhe'' jette.

Zuleeykaa mudannoo ishee yeroo himtu Haramayaattis karaan harkaa badee qormanni jala darbee beeku himtetti.

Qaroo dhabuu ishee hordofee mudannoo baayyee qabaachuu haasofti. Dubartii qaro-dhabeettii ta'uu kootin miidhameera jetti.

Yuunvarsiitiirraa erga eebbifamtee booda baadiyyaa ganda dhaloota isheetti deebite.

Zuleeykaan hiriyoota ishee qaroo dhabeeyyii ta'an keessa kanneen ishee duras eebbifamni hojii hin arganne jiraachu dubbatti.

Aanaa keessatti dhalatte kanatti deddeebitee akka bakka duwwaan jiru gaafattee 'bajanni ittiin qacaran hin jirre' itti himamu dubbatti.

Bakka biraa deemte dorgomuuf baasii geejjibaaf kaffalamuu akka hin qabne dubbatti.

Hakiimonni ammallee ijashee tokko yaalamu akka dandeessuu itti himu, isheen garuu maallaqa gahaa ittiin yaalamtu dhabde qaroo malee hafte.

Waldaa Qaroo Dhabeeyyii maal jedhe?

Abbabaa Fiixee, Ministeera Haqaa Itoophiyaatti abbaa alangaa fi dura ta'aa Waldaa Qaroo Dhabeeyyii naannoo Oromiyaati.

Abbabaan akka himutti Oromiyaa keessatti miseensonni waldaasaanii qaroo dhabeeyyiin 138 Yuunvarsatiirraa eebbifamanii hojii dhabanii akka jiran ibsa.

Qaro-dhabeeyyiin akka Zuleeykaa meeshaalee barnoota otoo hin guutamneef, haala mijataa hin taane keessatti baratan hojiin dhabuun rakkoo ta'uu dubbata Obbo Abbabaan. Qaroo dhabeeyyiin kadhaaf karaarratti bahan jiraachu malu jedha.

Carraa qaro-dhabeeyyiin qaban ogummaa baratanii qacaramudha, inni dhabamnaan ba'aa ta'u jedha.

Qaroo dhabeeyyiin hojii akka argatan qaamolee mootummaa dhimmichi ''kallattiin ilaalu waliin hojjachaa jirra'' jedha.

Dhiibbaa waldichi uumeen qaro-dhabeeyyiin hojii argatan jiraatanillee gahaa akkan hin taane dubbata.

Waldichi mirga qaroo dhabeeyyiiin qabaniirratti xiyyeeffachuun hubannoo uumurratti akka hojjata jiru eeruun, deeggarsa kennuuf garuu maallaqa deeggaruuf garuu humna hin qabnu jedhan.

Akka inni jedhutti dhimma qaama mirga qaama miidhamtootaarratti rakkoon imaammataa fi seeraan walqabatu hin jiru.

Itoophiyaa keessatti dargaggoonni kumaataman lakkaa'aaman dhaabbilee barnoota olaanoorraa eebbifamanii carraa hojii dhaban jiru.