Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Natsaannat Asaffaa: Dargaggoo qaroo dhabuun gundoo hodhuu isa hin dhorkine
Magaalaa Bishooftuu keessa kan jiraatu dargaggeessi ganna 28 Natsaannat Asaffaa, hanga waggaa 10 guututti qaamaa guutuufi fayya qabeessa ture.
Dargaggoon kun qaro-dhabeessa, dhagahuufi dubbachuu hin danda'u garuu gundoo hodhuun jiraata.
Waggoota 18 dura guyyaa tokko mana barumsaarraa gara manaatti yeroo deebi'aa jiru akka tasaa karaarratti kufe. Kufaatiin isaa guyyaa sanaa garuu jireenyasaa kallattii biraa kan qabsiise ture.
Haati isaa Aadde Warqii Hayiluu turtii BBC waliin taasisaniin, mucaan isaanii kan ganna 10 ture yeroo mana barumsaatii galu karaarratti kufee yeroo waamamanii bira gahan waan ture akkanatti yaadatu.
"Kufee yeroo nawaamanii bira gahu akka xannee godhee harkisaafi miillisaa kuni walitti hoollata. Oggasuma kaasnee mana yaalaa geessine.
''Xuqur Anbassaa geessinaan hin danda'u hospitaala Kooriyaa geessaa jedhan. Achi deemnee ji'a tokko turee booda narviin isaa tuqameera hin fayyu nuun jedhani," jedhu.
Kufaatii guyyaa sanaatiin booda Natsaannat iji isaas arguu dhaabe, gurraanis hin dhagahu, afaaniinis dubbachuu hin danda'u.
Erga miidhamni qaamaa kun irra gahee dandeettiwwan arguu, dhagahuufi dubbachuu kana dhabee amma ganni 18 lakkaahameera.
Baatiiwwan jalqabaa miidhama qaamaa kanaaf saaxilame amala jeeqamuufi aarii cimaa keessa ture kan jedhan haati isaa, ergasii mana keessatti ogummaa adda addaatiin hojii waan jalqabeef tasgabbii argatuu dubbatu.
Dargaggoo Natsaannat miidhama qaamaa sadii qabaatus mana keessatti hojiiwwan hedduu hojjeta.
Isaan keessaa tokko gundoo hodhuudha. Dargaggoon kun gundoowwan tarii nama qaroo qabuyyuu hodhuuf itti ulfaachuu malu gosa adda addaa hodhee gurguruudhaan galii argata.
"Gundoo haadha tiyyati hodhaayyu. Yeroo ija qabu sana ishee bira taa'ee ilaalaa ture, ni hodhas ture. Erga miidhaan kun irra gahee waan sun sammuu isaa keessatti hafe natti fakkaata.
''Anatu akka gundoo hodhu, isarraa birrii argatu itti hime. Ergasii gundoo hodhee gurguraa jira," jedhu haatisaa Aadde Warqiin.
Dargaggeessi kun mana keessatti haadha isaa hojiilee adda addaa hojjechuudhaan gargaara.
"Ganama akkuma hirribaa ka'een fuula isaa dhiqatee, ilkaan isaan qulqulleefatee kutaa isaas siree afee, babbareechata.
''Sana booda ciree isaa nyaatee xiqqoo aduu hoo'ifata. Ergasii yoon ani buddeenan tolcha ta'e [liixii] bukoo naaf bukeessa, buna naaf danfisa, buna naaf tuma, ittoos ni hojjeta, buddeenas ni tolcha," jedhan.
Natsannat guyyaa isaa gara caalu gundoo hodhuudhaan kan dabarsu yoo ta'es, jallaattii qopheessuudhaan ijoolleetti gurguruunis hojii isaa guyyuu keessaa tokkodha.
Dargaggoo miidhama qaamaa sadii qabu kanaan alatti ijoollee afur qabaachuu kan himan Aadde Warqiin, abbaan warraa isaanii yeroo lola Itoophiyaafi Eertiraa dirree lolaatti waan du'eef maatii kana jiraachisuun wal'aansoo cimaa akka itti ta'ee jiru himu.
"Amma mucaa kiyya kana ani yoon biraa deeme qofaa ta'uu hin danda'u. Dirqama ani biruman oola. Iji isaas, gurri isaas waana hundi isaa anuma.
''Duraan baabura irran hojjedhee jiraachisaa ture. Amma erga innis dhaabbatee hojii biraa hin qabu," jedhan.
Aadde Warqiin mucaan isaanii kun qaama miidhamummaa sadii qabaatulleen saammuun isaa daran cimaa waan ta'eef gargaarsaafi carraa fooyya'aa osoo argatee waan guddaa hojjechuu danda'as jedhan.
"Mucaan kiyya amala qaba waan na rakkisu hin qabu. Hamma Waaqni umurii naakennetti akka inni gammadun barbaada.
''Silaa du'uun hin oolu hammasitti akka inni na jalaa hin rakkanneen barbaada. Mucaa kiyya baayyeen jaaladha. Innis baayyee na jaalata," jechuun jaalala mucaa isaaniif qaban ibsan.