Baankiin Daldalaa maallaqa jalaa fudhatameefi hanga deebifate ibse

Baankichi hamma maallaqaa jalaa fudhatame keessaa dhibbeentaan 78 deebi’u pirezidaantiin baankichaa kan ta’an Abbee Saanoo himaniiru.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa sababa ‘rakkoo sistamaa’ guyyoota 10 dura isa mudateen maallaqni karaa seeraan alaatiin daddabarfamuu himee kan ture yemmuu ta’u, rakkoo guyyichatti mudateen birriin Miliyoona 801.4 fudhatamuu ibseera.

Dhimmicha ilaalchisee har’a miidiyaaleef ibsa kan laatan Obbo Abbee Saanoo, “Hammi maallaqaa olaanaan hatamuu danda’u miliyoona 801 kana ture. Miidiyaalee garagaraan akka haasa’amaa turetti biiliyoonaan kan lakka’amu miti” jedhan.

Kana keessaayis hanga kaleessa ALI Bitootessa 16 bara 2016’tti birriin Miliyoonni 622.9 yookiin hamma fudhatame keessaa dhibbeentaan 78 deebi’uusaa himaniiru.

Halkan rakkinichi itti uumametti maamiltoonni baankichaa 25,761 daddabarsa maallaqaa kan taasisan yemmuu ta’u, lakkoofsi daddabarsa maallaqaa taasifames kuma 238 akka ta’e ibsicharratti himameera.

Maallaqa fudhatame keessaa dhibbeentaa 22 hafe deebisiisuuf hojjetamaa jiraachuu kan himan pirezidaantichi, isa keessaa birrii miliyoona 118 baankonni akka hinsochoone akka taasisaniif xalayaa barreessuufii deebii isaanii eeggachaa akka jiranis himaniiru.

“Halkan sanaan maallaqni ATM’n bahe ni jira. Maallaqni bahee qisaasamaaf saaxilamu nijira. Gareen jalqabarratti fudhate (maallaqicha) gara mana dhugaatii fudhatanii deeman. Bifa kanaan maallaqoonni badiif oolan turaniiru. Isaan kanatu deebisuuf isaan rakkisa” jedhan.

Gama biraatiin, maamiltoota gochicha keessaa harka qaban 567 hanga ammaatti argachuu akka hin dandeenye kan himan pirezidaantichi, “ragaan isaanii guutuun ni jira garuu bilbilameefii hin argamne” jedhan.

Hammi maallaqaa maamiltoota kunneenin fudhatames birrii miliyoona 9.8 akka ta’e himaniiru.

'Tarkaanfii fudhachuu eegalleerra…'

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa namoota maallaqa karaa seeraan alaatiin ATM keessaa baafatan fi daddabarsan maallaqa kan isaanii hintaane fudhatan akka deebisan, yoo deebisuu baatan immoo maqaafii suuraa isaanii akka maxxansu beeksisee ture.

Haaluma kanaan “kaleessa galgalarraa eegalee distiriiktiiwwan keenya maqaa namootaa maxxansuu eegalaniiru.

''Har’arraa eegalees maqaasaanii toorawwan miidiyaalee hawaasaa keenyarratti ni maxxansina” jedhan Obbo Abbeen.

Suuraa namoota rakkinicha keessaa harka qabanii maxxansuufii qooduunis tarkaanfii itti aanu akka ta’es himaniiru.

“Tarkaanfiin sadaffaan tarkaanfii seeraati. Maqaa isaanii maxxansinee idaa irra jiru dhufanii hinkaffalan taanaan tarkaanfii (seeraa) fudhanna” jedhaniiru.

Hanga Sanbata Duraa (ALI Bitootessa 21’tti) tarkaanfii maqaa maxxansuu qofa akka fudhatan kan himan Pirezidaantiin Baankii Daldalaa Itoophiyaa Abbee Saanoo, tarkaanfileen isaan biroo torbee itti aanurraa eegalee akka fudhataman himaniiru.

“Nuti tilmaama torbee kana keessatti guutummaatti ni deebi’a jedhu qabna. Birriin tokkoyyuu alatti akka haftu hinbarbaannu” jedhaniiru.

Gama biraatiin Baankiin Daldalaa Itoophiyaa rakkoon isa mudate haleellaa saayibarii osoo hintaanee rakkoo sistamaa akka ta’e irra deebiin beeksiseera.