Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattoonni yaaddoo keessa jiraachuu himan birrii Baankii Daldalaa keessaa baafataniin maal godhan?
Rakkoo tibbana Baankiin Daldalaa Itoophiyaa mudateen barattoonni maallaqa kan isaanii hin taane "dalagan" deebisaa jiru, kaan ammoo yaaddoo keessa jiraachuu dubbatu.
Barataan Yunivarsiitii Jimmaa "qarshii [150,000 olin] hojjedheera... hundas deebiseera" jechuun BBCtti hime, hiriyoonni isaa baankiiwwan biraatti dabarsan garuu akkatti deebisan wallaalanii muddama keessa jiru jedha.
Kaan ammoo maallaqa baafatan waan akka akkaarra oolchaniiru.
Baankiin Itoophiyaa keessatti guddaadha jedhamu kun, namoonni mallaqa fudhatan ykn gara biraatti dabarsan hedduun waamicha isaaniif taasifame hordofanii gara dameewwan baankichaatti dhiyaatanii deebisaa jiraachuu hime.
Dabaluunis kanneen hin deebisiin jiran hanga dhuma-torbee kanaatti deebisuu baannaan, tarkaanfii fudhachuuf akeekkachiise.
Taateen halkan sun mudate hanga ammaattillee guutummaatti hin baramin jira, haatahu malee barattoonni Yunivarsiitii Jimmaa fi Dillaa BBC'n dubbise, taatee halkan sanaa "dalagaa" jechuun ibsu.
Yunivarsiitii Jimmaarraa barataan BBCtti dubbateefi maqaansaa akka hin dhahamne gaafate, haala ture akkasiin hima.
"Ani gara qarshii [150,000 olin] dalage. Kanneen 300,000 fi isaa olis hojjetan jiru... Namni dursee dhagahe sirriitti hojjeteera."
Barataan kun akkaawuntiisaa keessa qarshii 5,000 gadi tahe qofa akka qabu himuun, kuma dhibbaan kan lakka'amu garuu fudhachuusaa amana.
Ergasiis maallaqa guutuu otoo itti hin fayyadamiin of bira tursee waan tureef, kaan callaan kaan ammoo gama onlaayiniin deebisuu dubbata.
'Ergan deebisee booda, akkaawuntiin koo naf banamee itti fayyadamaan jira," jedha.
Barataan kun kana gidduutti garuu barattoonni danqaman akka jiran kaasa.
Sirni baankichaa rakkoo mudachuu hordofee kaan maallaqa callaa, kaan gama mobaayil baanking, kaan ammoo baankiiwwan biraattillee dabarsaniiru.
Gabaasa BBC'n jalqaba torban kanaatti hojjeteen, Baankiin Daashin Jimaata galgala sa’aatii 2 irraa eegalee, baankii biroorraa kanneen galii godhameef alatti, akka baasii hin goone hojjettootasaaf beeksisuu isaa gabaasee ture.
Ajaja Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa dabarseen, akkaawuntiiwwan Baankii Daldalaa irraa maallaqni galeef akka hin sochoone dhorkaan irra kaa’amuu gabaasneerra.
Barattooti kana godhan yaaddoo keessa jiraachuu barataan kun hima.
"Barattoonni kun maallaqa sana gara Baankii Daldalaatti deebisuu hin dandeenye, jidduu kanatti rakkachaa jiru."
Pirezidantiin baankichaa Obbo Abbee Saannoo addatti sagantaa BBC Newsday waliin turtii taasisaniin, hanga "xumura torbee kanaatti’’ kanneen maallaqa fudhatan akka deebisan gaafataniiru.
Pirezidantiin baankichaa kanneen maallaqa kan isaanii hin taane baasan "hattoota’’ jechuunis ibsan.
'Kan laappitooppii bitate jira'
Akka barataan Yunivarsiitii Jimmaarraa dubbisne kun jedhutti, yaaddoon barattoonni muraasni qaban inni biraan, maallaqa "dalagan" balleessuu isaaniiti.
"Barataan maallaqa 100,000 ol dalage tokko, guyyaama lammataati laappitooppii, bilbila ismaartii... bitate.
''Kaan ammoo kaardii paakeejii 'unlimited' [daangaa hinqabne] kan bitatan jiru. Liqee namootarraa qabanis kan kaffalanis ni jiru... Baay'een isaanii irraa fayyadamaniiru.''
Namoonni meeshaalee elektirooniksii adda addaa bitatanis jiraachuu akka quba qabu kaasa.
Barataan Yunivarsiitii biraa BBC dubbise, torban darbe Jimaata halkan sa'aatii 5:30 keessa isaaf akka bilbilameefi taateen kun akka jiru dhagahuu hima.
Haatahu malee inni ofiisaa akka "hin dalaganne" kaasa. Tahus hiriyoonni isaa akkaawuntii isaarra maallaqa gara 50,000 tahu akka dabarsaniif himuun, kanaaniis akkaawuntiin isaa "hidhamuu dubbata".
"Mucaa narratti erge sanaaf deebisuudhaafillee akkaawuntiin koo hidhameera," jechuun damee itti baafaterraa rakkoon kun furamuu akka danda'u itti himamuu dubbata.
"Barbaade miti kanin keessa gale, sababuma narratti darbe sanaafi."
'Naasuu guddaa keessa jirra'
Achuma Yunivarsiitii Jimmaarraa barataan dubbisne sadaffaan akkasuma maallaqa daddabarsuu amanuun, deebisuuf garuu akkaawuntiin isaa ugguramuu kaasa.
Mobaayil baankiing [30,000] ol dabalatee gara herreega nama biraatti hanga 70,000 dabarsuusaa hima.
"Wiixataa jalqabnee deebisuuf yaalii gochaa turre," kan jedhu barataan kun, garuu baankiin inni itti dabarse, baankiin dhuunfaa biraa akkaawuntiin isaa akka cufame hima.
"Beeksisi amma bahee jira, doorsisa kan fakkaatudha. Isa duras naasuu guddaa keessa turre.
''Baankiiwwan bira deemnee yeroo rakkoo kana himnutti, 'kuni hojii biyya ganuuti' kan nuun jedhan turaniiru."
Barataan tibbana qormaata akka qabu kaasu kun, sababa kanaafis "miira gaarii keessa hin jirru," jedha.
Dabaluunis, barattoonni maallaqa callaa kansaanii hin taane baasan, maqaan isaanii bilbila isaanii wajjiin dameewwaniifi mooraa Yunivarsiitii Jimmaatti maxxanfamuu hima barataan kun. Maqaa isaas achi keessaa akka arge dubbata.
BBC'n dhimma kana addatti hin mirkaneeffanne.
Qabeenya Itoophiyaa angafa
Akka odeeffannoo istaatitiksiitti yoo ta’e, qabeenya qabuun Afrikaa Bahaatti tokkoffaa kan ta’e Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, bara 2022 qabeenyi isaa waliigalaa Dolaara Biliyoona 23 akka ture tilmaamameera.
Qabeenya waliigalaa Birrii Tiriiliyoona tokko walitti qabuu kan danda’e Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, qabeenya biyyattii angafa ta’uu danda’eera.
Bara bajataa 2020/21 keessa bu’aa Birrii Biliyoona 20 kan argate Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, baruma bajataa kana keessa Birrii Biliyoona 735 kan kuufatamu taasisuu danda’uu isaa ifa godhee ture.
Bara 1942 kan hundeeffame Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, maamiltoota miliyoona 40 oliifi dameewwan 1,940 qaba.