Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoo siistama Baankii Daldalaa halkan tokkotti barattoota 'duroomse' fi daafoo isaa
Baankii Daldalaa Itoophiyaa 'rakkoon siistamaa' erga mudatee, barattoonni yuniversitii biyyattii garaagaraa akkaawuntii baankii isaaniirraa maallaqa ga’aa osoo hin qabaatin maallaqa hedduu daddabarsuun barame.
Guyyoota dhuma-torbee irratti dubbii ijoo marsaalee hawaasaa kan tahe dhimmi kun, adeemsa sirna baanki hin eegneen barattoonni hedduun maallaqa callaa ATM keessaa baafachaa akka turaniifi waliif daddabarsaa turuun gabaafameera.
Yuniversitii Jimmaatti barataa waggaa 5ffaa kan ta’e fi maqaansaa akka eeramu kan hin barbaanne, Jimaata (Bitootessa 15, 2024) barattoonni hedduun osoo akkaawuntii baankii isaaniirraa maallaqa ga’aa hin qabaatin, maashina maallaqi ittiin kaffalamu (ATM) bira deemuun birrii baafataa akka turanii fi kaan ammoo maallaqa waliif dabarsaa akka turan BBCtti hime.
"Jimaata halkan naannoo sa’aatii 6:30 mana kitaabaatii ba’een doormii galee rafe. Hanga yeroo sanaatti homaa hin dhageenyen ture. Sa’aatii 7 irratti barattoonni wayita haasa’an dhagaheen ka’e,’’ jedha barataan kun.
"Appilikeeshinii Baankii Daldalaa irraa gara CBE Birr wayita dabarsan akka irraa hin hir’ifne wayita dubbatanin dhagahe. Dhugaadha jedhee hin amannen ture,'' jedhe.
Barattoonni hedduun ATM mooraa yuniversitii keessatti argamutti ba’uun hanga poolisiin dhaabsisuu ga’utti maallaqa guurrataa turan jechuun haala ture ibsa barataan kun.
"Halkan keessaa naannoo sa’aatii saddeetii natti fakkaata, ATM fi onlaayiniin maallaqa sochoosuun guutummaatti dhaabbate,'' jedhe.
Barataan Yuniversitii Jimmaa kun taateen kun Jimaata halkan erga mudatee booda, barii isaa (Sambata) yuniversitichi barattoonni maallaqa kanisaanii hin taane baafatan yookiin dabarsan hatattamaan akka deebisan akeekkachiisuun beeksisa baasuu hime.
Ammatti dhuguma maallaqi kun deebifamaa jiraachuu odeeffannoo akka hin qabne kan hime barataan kun, Jimaata halkan barattoonni ATM keessaa maallaqa baasaa turan muraasni poolisiidhaan qabamanii akka turan himeera.
Barataan biraa Yuniversitii Diillaatti waggaa jalqabaa barataa jirus, haala walfakkaatuun Jimaata halkan naannoo sa’aatii ja’aa hanga saddeetii gidduu barattoonni ATM keessaa maallaqa baasaa akka turanii fi karaa intarneet baankingii maallaqa daddabarsaa akka turan hime.
Barataan kun Yuniversitii Diillaatti barataan hanga birrii miiliyoona tokkoo daddabarse akka jiru dhagahuu ibse.
Jimaata halkan barattoonni mooraa yuniversitii keessaa ba’uun ATM magaalaa Diillaa keessatti argaman keessaa maallaqa baafataa akka turan hima barataan kun.
Wiixata har’aa (Bitootessa 18, 2024) ganamaan konkolaattonni poolisii federaalaa mooraa yuniversitichaa keessaa naanna’aa akka turan hime barataan waggaa jalqabaa Yuniversitii Diillaa kun.
Barattoonni maallaqa daddabarsuu keessatti hirmaatan poolisiidhaan qabamaa jiraachuu akka quba qabus BBCtti hime barataan kun.
Barattoonni maallaqa fudhatan fedhiisaaniitiin deebisuuf gara baankii deeman "gaaffiidhaaf barbaadamtu,'' jedhamuun qabamuu fi kanarraa ka’e barattoonni kaan maallaqa fudhatan deebisuufillee sodaa keessa akka jiran hime.
Odeeffannoon kun Yunivarsiitiiwwan keessatti maaliif tamsa’e?
Rakkoon sirna Baankiin Daldala Itoophiyaa mudate kun, odeeffannoon isaa keessattuu barattoota yunivarsiitii biratti hedduu faca’e.
Barataan Yunivarsiitii Jimmaa dubbisne, odeeffannoon rakkoo sistamii Baankii Daldalaa mudate akkamiin saffisaa akka tatamsa’e beekuudhaa baatuus, “barataan hunduu waa’eesaa haasawaa ture. Odeeffannoos walii kennaa ture,” jedha.
Barataan Yunivarsiitii Dillaa gamasaan, barattoonni bilbila walii dhawaa odeeffannoo walii kennaa turan jedha.
Halkan keessaa sa’aatii 6 hanga 8 jidduutti, barattoonni baay’inaan walitti bilbilaa turan jedha. “Ani saayilantiirra kaa’een rafee ture, hedduu naa bilbilamaa ture. Hiriyyaa koo bira yeroo 10 ol itti bilbilaa ‘koottu hojjedhu’ jechaanii turan,” jedha.
Deebii Yunivarsiitiiwwanii
Teknolojii maallaqa daddabarsuu baankichaa irratti rakkoon mudatee, barattoonni yunivarsiitii maallaqa kan isaanii hin taane daddabarsaniiru jedhamuu hordofee, jaarmiyaaleen barnoota olaanoo akeekkachiisa baasaniiru.
Yunivarsiitiiwwan Jimmaa, Finfinnee fi Dillaa jaarmiyaalee barattootaaf ergaa akeekkachiisaa dabarsan keessaati.
Hojjetaan Yunivarsiitii Dillaa maqaasaanii himachuu hin feene tokko, maallaqa barattooti fudhatan keessaa hanga Birrii miiliyoona walakkaa tahu deebifamuu BBCtti himaniiru.
“Warri Baankii Daldalaa kaampaasiiwwan lamaanitti argamuun, barattoota fedhiin deebisan irraa maallaqa guuraa turan. Har’as barattoonni deebisaa jiru,” jedhan.
Hojjetaan BBCtti dubbatan kun, hanga maallaqaa walitti qabamaa jiruu beekuudhaa baatanis, hanga miiliyoona walakkaa kan tahu deebifamuu tilmaamu.
Uggura akkaawuntii
Rakkoo baankicha mudate kanaan, maamiltoonni maallaqa callaan ATM keessaa baasuun alatti, gara baankiiwwan biroottis maallaqa dabarsaniiru.
Kana hordofees Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa, baankiiwwan tajaajila ATM akka dhaaban ajaja dabarsuu BBC’n madden irraa hubateera.
Akkaawuntii herregaa Baankii Daldalaatii baankilee beesseen itti ergame keessaa Baankiin Daashin isa tokkodha.
Baankichi akkaawuntiiwwan Baankii Daldalaa irraa maallaqni galeef akka hin sochoone dhorkaan irra kaa’amuu hojjetaan baankichaa maqaansaanii akka dhahamu hinfeene BBCtti himan.
Hojjetaan baankichaa kun herregni hangam tahan dhorkaan irra kaa’amuu beekuu baatus, sistama Baankii Daldalaarra rakkoon mudachuu ibsamuu hordofee, daddabarsi maallaqaa 4,500 ol raawwachuu hima.
Dabalataanis, Baankiin Daashin Jimaata galgala sa’aatii 2 irraa eegalee, baankii biroorraa kanneen galii godhameef alatti, akka baasii hin goone hojjettootasaaf beeksiseera. Ergaa imeelii qajeelfama kanaas BBC’n argeera.
Deebii Baankii Daldalaa
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa fi Baankiin Biyyaalessaa ibsa baasan keessatti, namoonni osoo akkaawuntii isaaniirraa maallaqa ga’aa hin qabaatin maallaqa ATM keessaa baasuu fi karaa appilikeeshinii baankiii daddabarsuurratti homaa hin jenne.
Baankiiwwan lamaanii ibsi isaan baasan, tajaajilli baankichi kennu adda citee akka ture irratti kan xiyyeeffatudha.
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa tajaajila kennu hundarratti rakkoon mudachuu ibseera. Kunis sababa “rakkoo siistamaati,’’ jedhe.
Baankiin Biyyaalessaas tajaajilli Baankii Daldalaa Itoophiyaa kan adda citeef baankichi nageenyasaaf jecha sakatta’iinsa gaggeessuurraa waan mudate jedhe.
Taateen kun maamilootas ta’e akka waliigalaatti sirna maallaqaa biyyattiif yaaddoo akka hin taane mirkaneeffachuus ibse.