Kireedit kaardii Itoophiyaatti jalqaba jedhame irratti dhimmoota ijoo beekuu qabdan

Awaash Baank tajaajila kireedit kaardii Itoophiyaatti isa jalqabaa tahe eegaluu beeksiseera.

Baankichi tajaajila kireedit kaardii gosa lama eegaluuf akka jiru kan beeksise ogguu tahu, ka jalqabaa guutummaatti yeroo tokkotti kan deebi’uufi inni biroo ammoo gulantaan kan deebi’u tahuu hime.

Baankiwwan Itoophiyaa keessaa maamiltoota isaaniif tajaajila debit kaard alatti, tajaajiloota kaardii biroo hin kennan.

Amma dura Daashin Baank, kaardii debit intarnaashinaal jedhamuufi maamiltoota sharafa biyya alaa fayyadamaniif oolu ifa godhee ture.

Biyyi baankilee biyya keessaa qabdu Itoophiyaan, dhiyeenyatti baankileen biyya alaa gara damee kanaatti akka seenan kan heeyyamu tahuu Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksisuun isaa ni yaadatama.

Baankileen addunyaa hedduun tajaajila deebit kaard, kireedit kaardii fi kaanis maamiltoota isaaniif kennu.

Kireedit kaard maali? Isin fayyadamaa tajaajila kanaa tahuu dandeessuu? Faayidaa fi miidhaan isaahoo?

Kireedit kaard maali?

Miseensa Waldaa ‘Chartered Certified Accountants’ Ingilaand kan tahe Obboo Xilaahun Girmaa, baankileen tajaajila kaardii gosa lamaa kennu jedha.

Ogeessi gorsaa fi oditii kun akka jedhutti, deebit inni jennu, maamilli maallaqa baankii keessaa qabu ATM gargaaramee kan baasuu danda’u, yookaan maashina kanfaltii fayyadamee waa bituuf kan isa qarqaarudha.

“Kireedit kaard garuu baankichi ‘maallaqa qabdu irra darbee hammana fayyadamuu dandeessa’ jechuun liqii yeroof siif heeyyamudha.”

Baankiwwan maamiltoota isaaniif tajaajila kaardii kanaa kan heeyyaman, akkaataa fayyadama herreegaa duraanii ilaaluun, akkasumas maddaafi hanga galii tilmaama keessa galchuun.

Maamiltoota humnasaa qabaniif, maallaqa herreega isaaniirraa qabaniin olitti baasii gochuu akka danda’an heeyyamamufi danda’a jedhu.

Fakkeenyaanis: “Birrii 20,000 qabda taanaan, ATM keessaas baasi ykn waa itti biti; waan qabduun ol baasuu hin dandeessu.”

Kireedit kaard garuu baankiwwan humna deebisee kanfaluu maamilaa ilaaluun, liqii yeroo gabaabaaf heeyyamanidha.

Biyyoota hedduutti liqiin kireedit kaardiirraa fudhatamutti dhala itti kanfalu. Haatahu malee biyyoota kaanitti ammoo maamiltoonni daangaa guyyaa kaa’ameefitti hin deebisan yoo tahedha dhalli kan itti shallagamu.

“Fakkeenyaaf guyyaa 15 keessatti nan deebisa jettee, odoo hin kaffalin guyyaan si jala dabra taanaan, dhala qabaata. Seerri Awaash Baank maal akka tahe kan ilaallu taha,” jedhu Obboo Xilaahun.

Kaardicha argachuuf maaltu barbaachisa?

Maamiltoonni kireedit kaardii argachuuf, baankichaaf liqiin hanga kanaa naaf haa heeyyamamu jechuun iyyata galfatu.

Ulaagaa baankichi kaa’een; humna maamilichaa, akkasumas hariiroo baankicha wajjin qaban ilaaluun kennaaf.

“Hamma miindaakee, hariiroo baankicha wajjin qabdu tahuu danda’a. Daldalaa yoo taate ammoo haala daldala kee tahuu danda’a. Yeroo garii baankichi kasaaraa tahuu otoo beekuu eeyyamuu danda’a.”

Ogeessi herregaa kun cimsuun, fayyadamtoonni kaayyoo kireedit kaard ifatti beekuu akka qaban gorsu.

“Kireedit kaardiin kan sii kennamu fedhii liqaa yeroo gabaabaatiif, malee akka qabeenya dhaabbataa [konkolaataa, mana] itti bittuuf miti.”

Kaayyoon isaa inni ijoon rakkoo maallaqaa hattatamaa taheefi. Kanaafidha daangaan yeroo itti deebifamuu qabu kan kaa’ameefi jedha ogeessi odiitii kun.

“Fakkeenyaaf yoo isin mindaan bultu yoo tahe, gaafa mindaa fudhattan deebisuuf waliigaluu maltu. Daldalaa taanaan ammoo, tarii ji’atti al lama deebisuuf mallatteessitu.”

Faayidaa fi miidhaa kireedit kaard

Lammiin Ingilaand ganna 44 Daaran, liqii yuuroo 32,000 keessa erga seenee booda wanti godhu bitaa itti galee ture. Daaran kireedit kaardii baankiin kenneef baasee waan isa barbaachisuuf oolchullee, yeroon deebisuuf garuu human hinqabu ture.

“Irraa hir’isuu mitii ittuma daddabalaan adeeme. Ji’aa gara ji’aatti, wagga gara waggaatti liqaan koo guddachaa adeeme. Garmalee cinqamee ture,” jedha.

Daaran ammatti liqaa kana ofirraa kanfalee kan xumure tahus, lammiilee Ingilaand hedduun liqaa kireedit kaard keessa jiru.

Obboo Xilaahun waan jedhu, kireedit kaard sirnaan itti fayyadamuu baannaan, fayyadamaafi baankilee kasaaraa keessa galcha.

“Fakkeenyaaf maatiin yoo si jalaa dhukkubsate, yookaan ji’a dhufu keessa iqquubiin sii gahuu yoo danda’ee fi mi’a wahii ammuma bituu barbaadde taanaan, kireedit kaardii fayyadamuu dandeessa.”

Ogeessi kun kireedit kaardiin akkuma “Tele Birr” jechuuti jedha. “Teleen gaafa ati maallaqa hin qabaanne liqaa sii kenna. Oggaa yeroo ittaanu guuttu ammoo herreega keerraa fudhata.”

Biyyoota birootti dhimmi ‘Credit Score’ jedhamu jira. Innis namni tokko seenaa liqaa fudhatee deebisuun isaa akami kan jedhu agarsiisa.

Liqee fudhatanii yerootti kanneen deebisan qabxii gaariidha jedhamu argatu. Maamiltoonni seenaan kireeditii isaanii dansaarra jiru baankotaan kabaja qabu, dhimmi fedhanis yeroon xumuramaaf.

Garaagarummaa deebit fi kireedit kaardii qabxii muraasa

Ennaa deebit kaard fayyadamtan maashinoota dhuunfaa ashuuraa fudhatan yoo tahe malee, kanfaltiin dabalataa baastan hinjiru. Kana malees kanfaltin jiraannaanis dursitanii beektu.

Kireedit kaardiin garuu ATM irraa maallaqa calla fudhattu taanaan kanfaltiin jira. Yeroo garii ammoo baankiin kaardicha isinii kenne kanfaltanii tajaajilaa isinirraa mura.

Dhaabbileen onlaayiniin meeshaafi tajaajila gurguran, deebit irra kireedit kaard filatu. Maaliif jennaan, oggaa kireedit kaard fayyadamtan maallaqicha kallattiidhumaan baankicharraa argachuu waan danda’aniif.

Ogeeyyiin kireedit kaardii fayyadamuun ATM keessaa maallaqa fuudhuu hin gorsan. Kanarra yeroo waa bittan kireedit kaard keessan kallattumaan oolchaa jedhu.

Visa, Mastercard, Discover, fi American Express kanneen jedhaman kireedit kaardiiwwan addunyaarra isaan gurguddoodha jedhamanidha.

Baankiiwwaniifi jaarmiyaaleen faayinaansii hedduu kanneen fayyadamuun maamiltootaaf kaardii kennu.

Baankiileen idiladdunyaa garri caalan maamiltoota isaanii kireedit kaard fayyadamaniif si’eessituu akka akkaa kennu.

Fakkeenyaaf maamiltoota isaanii tikkeeta xiyyaaraa, kiraa hoteelaa fi tajaajila marsariitiin kireedit kaardii fayyadamuun kanneen bitaniif, badhaasa kennuun jajjabeessu.

Si’eessituun isaan kennan maayilii daandii xiyyaaraa, kanfaltii hoteelaa akkasumas kaardii badhaasa of keessaa qabu fa’i tahuu danda’a.

Gama biraan baankileen maamiltoota isaaniif gabaasa herregaa ykn ‘statement’ ji’aan ergu. Gabaasa kanarratti; maamiltoonni kaardii isaanii fayyadamuun kanfalatii hagamii akka raawwatan, hamma dhalaa fi kanfaltii dabalataa of keessaa qaba.

Dabalataanis qarshiin meeqa kaardicharra akka hafe, hammi kanfaltii gadaanaan kanfaluu qaban meeqa akka taheefi kaanis ni hammata gabaasni kun.

Ogeessi odiitii Obboo Xilaahun tarkaanfii Baankii Awaash kana baankileen biroos faana akka hordofan amanu.

“Tajaajilli kun Itoophiyaa keessa haga ammaatti odoo hin jalqabamiin turuunsaa na ajaa’iba. Baankiwwan kaanis jalqabuuf qophiirra jiru, yookis Awaash Baank booda eegaluun isaanii hinoolu.”