Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waliin dhahuu baankii onlaayinii Itoophiyaatti hammaate, akkamiinan of eega?
- Barreessaa, Eliyaas Mulugeetaa Hordofaa
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
Itoophiyaatti namoonni 74,000 ol tahan paaswordiin [lakkoofsa icciitii] herreega baankii isaanii hatamuu mootummaan himeera.
Kunis teknoolojii waggoota dhiyoon asitti biyyattiitti babal'achaa dhufe, gama mobaayil baankingin tahuu raadiyoon mootummaa FM Addis 97.1 dhiyeenya gabaaseera.
Buufati raadiyoo kun gabaasa isaa kana keessa qondaalota baankii giddugaleessaa, nageenya qunnamtiifi poolisii dubbisuun gabaasa midhaasseen, gama mobaayil baankingin waliin dhahuu qofa osoo hin taane, yakkis akka raawwatamu eera.
Saamichi gama baankii addunyaarra waan haarayaa tahuu baatus, teknoolojiin haaraa akkuma beeksifamaa deemuun, bifa geeddarachuun as baha.
Kanneen saamicha gaggeessan maloota akka akkaa fayyadamuun, namoonni dhimmoota icciitiin qabamuu qaban - kanneen akka lakkoofsa herregaa, furtuu/paaswordii fi kaanis akka kennaniif taasisu.
Itoophiyaattis kan mudachaa jiru kanuma.
Akka gabaasa kanaatti, maloota hattoonni odeeffannoo itti argatan keessaa, lakkoofsa mobaayilaa tarreen galchanii irra deddeebiin bilbiluun ragaa sassaabuudha.
Dabaluunis, maamiltoonni yakki saamichaa gosa kanaa mudate poolisiif gabaasa gochuu akka qabanis waamicha dhiyeesse.
Odeessi kun waan sodaachisaa fi naasisaa callaa miti - oduun gaariis ni jira.
Hanga dhumaatti dubbisaatoo, akkamitti waliin dhahuu akkasiirraa ofii fi hiriyoota keessan baraaruu akka dandeessan isinitti himna.
Maloota saamtonni fayyadaman
Baankiiwwan Itoophiyaa keessaa yakki waliin dhawuu maloota garagaraan raawwachaa jiraachuu himuun, maamiltoonni isaanii ofeeggannoo akka cimsan gorsu.
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa ergaa irra deddeebiin fuula marsaalee hawaasaa gubbaatti baasuun, maamiltoonni isaa kiyyoo saamtotaa keessa akka hin seenne fakkeenya wajjiin ergaa dabarsa.
"Waliin dhahaan kun maamiltoonni liqii akka argataniif jecha koodii sobaa kaaheen, herreega maamiltotarraa maallaqa hatuuf yaalaa jira,'' jedhe baankichi [Afaan Amaaraatti geessa] maxxansa isaa tokkoon.
"Haatahu malee, ammatti [Caamsaa 2023] gama mobaayil baanking tajaajilli liqii kennamaa hinjiru," jechuun maamiltootasaa akeekkachiise.
Odeeffannoowwan akkasiis gama teessoo baankichaa isaan sirriirraa argachuu akka qabanis dhaame.
Baankilee dhuunfaa biyyattii keessaa kan tahe Awaash Baank, maamiltoonnisaa kiyyoo saamtotaa keessa seenuun miidhamaa akka jiran hima (Afaan Amaaraatti isin geessa).
"Saamtonni Baankii Awaash irraa akka bilbilame fakkeessuun, lakkoofsa icciitii marroo tokkoof faayidaarra oolu [OTP] gaafachaa jiru.
''Maamiltoonnis qajeelummaan furtuu isaanii dabarsanii kennuun miidhamaa jiru."
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa dabaluun, maloota namoonni waliin dhahaan fayyadaman keessaa isaan armaan gadiis ni argamu jedha:
- Tajaajila mobaayil baanking isinii sirreessuuf jechuun, namoonni koodii itti himamu akka galchan gochuu.
- Ragaan namoonni baankicha biraa qaban sirnaan waan hin galmoofneef, isinii sirreessina jechuun.
- Badhaasa waan mo'attaniif, fudhachuuf maallaqa ergaa.
- Sirni (system) mobaayil baanking waan dulloomeef, isinii haaromsina (update) jechuun.
- Mobaayil baanking isinii banneerra jechuun.
Karaa waliin dhooftonni nutti dhufan bilbila nutti dhahuun callaa miti - ergaa gabaabaa (text) fi imeelii nutti erguunis aggaamii taasisu.
Malli saamtonni itti fayyadaman keessaa inni biraan, gara laafummaa namootaarratti kan qiyyaafatudha.
Kanneen lakkoofsa keessan irratti bilbilan, jaarmiyaa miti-mootummaa ykn qarqaarsaa of fakkeessanii dhiyaatu.
Gocha namoomaa kana keessatti hirmaadhaa, arjoomaa jedhu. Ragaa namootaas guuruufis yaalii godhu.
Inni biraan ammoo carraan hojii akka jiru eeruun, dursa maallaqa waan akka qabdii wahii akka baasan gaafatu.
Burjaajiin hojii irratti xiyyeeffatu, marroo hedduu gama imeeliin kan dhufu tahus, bilbilaanis as bahuu danda'u.
Akkamiin of eeguu danda'a?
Oduun gaarii jiru, gochaa waliin dhahuurraa akki itti of eegnu, ofirraa ittisnu hedduutu jira. Kanneen armaan gadii ogeeyyiin damee kanarratti hojjetan kan gorsanidha:
- Ergaan gabaabaan sitti ergame taanaan - mee tasgabbaa'i ilaali. Tarkaanfii fudhachuu keen dura daqiiqaa shan fudhadhuutii, ergaan kun sirrii tahuu adda baasi. ''Jarri kun maaliif na qunnaman?' jedhu of gaaffu.
- Hidhaa ykn liinkii sitti ergame cuqaasuuf hin ariifatin. Dhaabbata sirriitu ergaa kana sitti erge taanaan, si hin muddan.
- Nama beektan irraas tahu ergaan shakkisiisaa tahe isin dhaqqabnaan, tarkaanfii fudhachuu keessaniin dura, gama biraan isaan qunnamaatoo mirkaneessaa. Isaanis saaxilamaniiru taha.
- Ergaa gabaabaarraa appii hin buufatiinaa - appicha buufachuun isin barbaachisa taanaan, wiirtuu mirkanaa'erraa tahuu qaba.
- Karaa bilbilaanis tahe, ergaa gabaabaan si muddu/ariifachiisu taanaan, shakki - ragaa dhuunfaa tasumaa hin qoodiin.
- Jarri kun marroo hedduu odeeffannoo kanneen akka: furtuu, herreega baankii fa'i si gaafatu. Yookiis liinkii cuqaasi sin jechuu malu. Yeroos tasgabbaa'i, hafuura baafadhuutii qalbeeffadhu. Dhaabbileen baankiifi faayinaansii kamuu, odeeffannoo dhuunfaa qoodi hin jedhan.
- Jarri kun lakkoofsa kana irratti bilbili, ergaa ergi, akkas tolchi isin jennaan, lakkoofsa baankiin keessan amma dura isin kennetti bilbilaatoo mirkaneeffadhaa. Yeroo baay'ee teessoo isa sirrii barruu herreega baankii ykn kaardii ATM isin kennan irraa argattu.
- Ergaa isinii ergan kan sobaa tahuu mala ittin adda baastan keessaa tokko, ergaalee baay'inaan barreeffamanii gadhiifaman tahuu isaaniiti. Yeroo hedduu maqaakee hin dhahan - "Maamila keenya kabajamaa (Dear Customer)'' fa'i jechuun eegaluun, himaa fi qubeen isaaniis dogongora qabaachuu mala.
- Qaama dhimmichi ilaallatuuf gabaasi - kun tahuu baatee saaxilamuu kee shakkiteetta taanaan ammoo, oggasuu qaamolee mootummaatti gabaasa godhi. Tarkaanfii hordofuu qabdu sitti himuu malu.
Amma akka of eeguu dandeessan ykn ofirraa qolattan hubattaniittu. Odeessa kana firaafi maatii keessaniif qoodaaf, tarii nama tokko saamtotarraa oolchuu dandeettu taha.