Nageenya onlaayinii: paaswordiin kee hangam cimaadha? 123456 taanaan ammuma geeddari

    • Barreessaa, Eliyaas Mulugeetaa Hordofaa
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo

Lakkoofsa akka '123456', 'password123' ykn lakkoofsa bilbilaakee furtuu akkaawuntii itti seentu gootee fayyadamtaa?

Akkas goonaan kophaakee hinjirtu. Addunyaarratti jecha 'password' jedhu mataasaa namoonni hedduun akka paaswordiitti itti fayyadamu.

Qorannoon UKtti gaggeeffame akka mul'isutti namoonni miiliyoonaan lakka'aman eenyummeessaa (akkaawuntii) haalaan iccitii qaban irrattillee furtuuwwan haalaan laafaa tahan fayyadamu jedheera.

Akka xiinxala Giddugala Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa (NCSC)tti akkaawuntiiwwan butamanii argaman keessaa jecha furtuu '123456' jedhu namoonni garri caalu akka itti dhimma bahan saaxileera.

Kan Itoophiyaa keessaa qorannoon gaggeeffame jiraachuu baatus, namoonni hedduun lakkoofsa bilbilaa dabalatee furtuuwwan salphumatti hubatamuu danda'an akka fayyadaman ogeessi ICT Abdiisaa Bancaa Jaarraa ni dubbata.

Paaswordiiwwan jabaa hin taane ammoo kanneen butaniif (haakarootaaf) dhangaa akka qopheessuuti - hojiisaanii salphisaaf.

Jarri gochoota akkasiirratti bobba'anii jiran yeroo yeroon mala haaraa dhahuun, namoota wayita burjaajeessan ni mul'ata. Tahus odeeffannoo gahaafi sirrii qabaachuun namoota akkaawuntii keenya saamanirraa ofeeguu dandeenya.

Odeessa kana keessatti maloota eenyummeessaan itti saamamuufi ofirraa akkamiin qolachuu akka dandeessan isinitti himna.

''Yeroo ammaa kanatti 'hacking' babal'achaa dhufeera,'' kan jedhu Abdiisaa Bancaa, dhiyeenya kanattis Itoophiyaatti taateen kun irra deddeebiin mul'achaa jiraachuu kaasa.

Marsaalee hawaasaa Itoophiyaatti gara caalu faayidaarraa oolan keessaa Facebook gubbaattis aggaammiiwwan hannaa raawwachuu namoonni garagaraa himachaa jiru.

Maloota sadan password keenya itti butaman

Haakaroonni maloota ijoo sadii fayyadamuun paaswordii (iggitaa kan jedhanis jiru) keenya bira gahu.

Inni ijoofi haalaan babala'tee beekamu hanna 'phishing' isa jedhamudha. Jecha cimaa fakkaata kun, hin yaadda'in maal akka tahe sitti himna.

'Phishing' jechuun imeelii yikn ergaa hidhaa ofkeessaa qabu siif ergamudha. Ergaawwan kun yeroo hedduu carraan si dhaqqabuufi maallaqa guddaa akka argattu kan waadaa siif seenanidha.

''Sababa ayyaanaatiin walqabatee kennaafi suuraa babbareedaa vaayirasiin itti fe'ame karaa keessaan namatti ergu. Wayita hidhaa (link) kana banan vaayirasichi odeeffannoo keenya hunda fudhata,'' jedha ogeessi teknooloojii odeeffannoo Abdiisaan.

Inni lammeessoo maal seeta? tilmaamadha - tilmaama ragaan deeggarameefi abshaalummaa qabu.

Akkuma sila sinitti himne jechi ''password'' jedhu addunyaa gubbaa furtuuwwan akkaan hojiirra oolan keessaati. Kanatti aanee ''123456'' kan jedhudha.

Ati kana hin fayyadamtu haa jennu. Tarii maqaa harmeekee akkaan jaalattu, lakkoofsa bilbilaakee, guyyaa dhalootakee ykn mana barnootaa itti barattefaa gochuun jalaa miliquu yaalta taha. Haakara yeroosaanii hunda kana hojjetaniif, fuula Facebook, Twitter fi kaan gubbaa seenuun ragaalee kanniin argachuun isaan hindhibu.

Jarri kun maloota lamaan kana dadhaban jennaan, ammallee mala sadaffaa biraa qabu - humna qaban guutuun sitti duulu. Algoorizmoota fayyadamu.

Maal jechuudha kun? - algorizmoonni sekoondii tokkootti paaswoordiiwwan biiliyoona 8 barbaadanii argatan jiru. Applikeeshinoonni akkasii furtuu qubee jaha qabu libsuu ijaatiin bira gahu. Lakkii kankoo jabaadha dijiitii 12 qaba jennaan ammoo, isallee hin dadhaban - daqiiqaa sadiin bira gahuu danda'u.

Maal gochuun qaba? Furtuu jabaa akkamiin uuma?*

Ragaakee onlaayinii gubbaa jiru jabeeffachuun nageenya keetifillee daran barbaachisaadha.

Maaliif jennaan nami tokko eenyummeessaakee keessa seeneera jechuun, odeeffannoo dhuunfaakee mara argatu jechuudha. Odeeffannoo ati nama sitti dhiyaatuttillee qooduu hin barbaanne tokko, akkuma salphaan harka galfatu - kana fayyadamuunis si miidhuu malu.

Tahus hin nahin - karaan haleellaa akkanaa jalaa bahuuf si gargaaran jiru.

Inni ijoon furtuu yookaan paaswoordii jabaa fi yaadachuuf salphatu uumuudha. Tartiiba armaan gadii kanneen hordofaa:

Waan barame hin fayyadamiin: maqaa garee kubbaa miilaa deeggartu ykn taphataa beekamaa dinqisifattu hin fayyadamiin, kuniin yaada gaarii miti. Waanta maqaarra walxaxaa tahetu si barbaachisa.

Hima gabaabaa, mammaaksa gabaabaa yookaan jechama wayii yaadi: hanguma furtuun dheerataa deemu, tilmaamuuf isaan rakkisa. Fakkeenyaaf, ''Dhugaan ilma Waaqaati'' kan jedhu salphaatti yaadachuu dandeessa.

Qubee guddaafi xiqqaa walkeessa maki: Amma hima ykn mammaaksa filatteetta. Hima filatte kana akkaataasaa jijjiiri. Fakkeenyaaf dubbachiisftuu qubee guddaan kaan ammoo qubee xiqqaan. ''dhUgAAnIlmAwAAqAAtI'' - agartee amma kun isaaniif qormaata itti taha.

Lakkoofsaafi mallattoo itti dari: kun anaaf jabaa miti, kana caalaa akka naa cimuun barbaada jetta taanaan ammoo, lakkoofsaa fi mallattooleen bakka buusi. Qubeewwan muraasa lakkoofsa walfakkaataniin bakka buusuu dandeetta. Akkamiin kana godha? jechaa jirta yoona - akkana tolchita: qubeen 'I' lakkoofsa '1' tahuu danda'a. Kanaaf ''dhUgAAn1lmAwAAqAAt1''

Yoo feetes qubee 'A' mallattoo '@' jettuun bakka buusi. Kana fakkaata: ''dhUg@@n1lm@w@@q@@t1'' - kun bowwoo mataa itti taha.

Ani jechama kana malee mammaaksota gaggabaabootti fayyadamuun natti tola. Yaadachuusifs waan nama rakkisu miti. Fakkeenyaaf ''Waliigalan alaa galan'' fi ''Ijji gamnaa dura boossi'' fa'itti maloota sinitti himnetti fayyadamuun jabeessuu dandeechu.

Kan biraa akka dhuunfaatti kanan itti dhimma bahu, jecha bakkan itti dhaladhetti hedduumminaan beekamu fa'itti. Fakkeenyaaf ''Amboo gara galgalaa'' kan jedhu salphumatti ''@mboog@r@g@1g@1@@'' kan jedhutti geeddaruun haakaroota dhamaasta.

Sirboota Haacaaluu isa haarayaa keessaa fakkeenyaaf: ''Sagalee keetan hawwe'' ykn ''Xiqqaatu guddaa caale'' faa fayyadamuunillee dassa.

Furtuukee namatti hin himin: kana durumayyuu beeka jechuu dandeetta. Tahus garuu furtuu cimaa akkasii erga uumte booda, karaa salphaan si harkaa bahuu mala.

Kompiitara namoonni hedduun itti fayyadaman keessa galtee bahuu irraanfatta taanaan la si harkaa bahe. Hiriyoota wajjin akkaawuntii tokko waloon fayyadamuun, akkasumas paaswordiin koo haalaan jabaadha jettee himuuf namoota kaanitti agarsiista taanaan, furtuun kee akka fudhatamu goota.

'Dallaakee jabeeffadhu'

Kana dabalataan ''dallaa lammaffaa qe'ee keenyatti ijaaruun jabeeffachuu dandeenya,'' jechuun gorsa ogeessi teknooloojii odeeffannoo Abdiisaa Bancaa.

Jecha fuurtuun alatti mala 'Two factor authentication' fayyadamuun nageenya keenya cimsachuu dandeenya jedha.

''Paaswoordii namni tilmaamee cabsuu akka danda'u waan yaadamuuf, wanti abbaan ofii isaatiin mirkaneessuu danda'uun dhaabbatichi qunnama.''

Kunis gama appiiwwan 'authenticator' jedhaman kanneen akka 'Google Authenticator' fi 'Forge Rock' jedhaman buusnee fayyadamuu dandeenya. Kana malees wayita paaswoordii keenya guutnee booda, dabalataan ergaa gabaabaan (SMS) bilbila keenya qofarratti koodiin akka ergamu gochuun fayyadamuu dandeenya jechuun gorsa Abdiisaan.

*Furtuuwwan akka fakkeenyaatti odeessa kana keessatti eeraman hin fayyadaminaa