Lammii Chaayinaa intalasaa Awustiraaliyatti 'ugguramte' gadhisiisuuf doolaara miiliyoona 2 kaffale

Barattoonni Chaayinaa biyya Awustiraaliyaa magaalaa Siidinitti baratan ugguruudhaan gadhiisisuuf namoota burjaajii uumaniif maallaqa guddaa akka kaffalan gaafatuu poolisiin biyyatti beeksise.

Barattoonni butaman hedduunsaanii akka butamanii uggaraman mirkaneessuuf viidiyoo waraabanii warraa fi firasaanii Chaayinaa jiranitti akka ergan dirqisiifamu.

Barana qofatti Awustiraaliyaatti uggurri yeroo saddeet raawwatamuun gabaafameera.

Uggura biyyatti keessatti raaawwatame tokkoorratti abbaan intalasaa harki xaxxamuun ukkaamfamte gadhiisisuuf doolara Awustiraaliyaa miiliyoona lama kaffaleera.

Magaalaa Siidinitti sa’aatii muraasaaf erga poolisiin barbaade booda garuu kutaa hoteela tokko keesssatti naguma argamteetti.

Maatiin uggura kanaan miidhaman ijoolleen isaanii balaa keessa seenaniiru jedhanii yaadu jedha poolisiini.

Taatee biraatiin immoo maatiin waan qaban hunda akka kaffalan gaafatamuullee poolisiin ibseera.

Poolisiin Saawuz Weels akka jedhutti, barana taateen kun irra deddeebin raawwatamuun dabaleera jedha. Kanaaf jecha barattoonni namni bilbilee isaan sodaachisu jiraannaan, dafanii akka poolisiif gabaasan akeekkachifamaniiru.

Namoonni burjaajii raawwatan kun iddoo irraa bilbilaan akkaata hin baramnetti maatii barattootatti bilbiluun maallaqa argachuuf gaafachuun to’achuurratti rakkoo uume.

Namoonni burjaajii uumanii maallaqa maatii barattoota gaafatan kun yeroo kaan imbaasii Chaayinaa waan bilbilan ykn qondaala mootummaa of fakkeessanii maatiitti bilbilu.

Kanneen afaan biyya Chaayinaatti bal’innaan dubbatamu Mandariin, haasa'an immoo barattoonni kaffaltii barnootaaf akka maallaqa kaffalan ykn hidhamuu fi biyyaa baafamuu jalaa miliquuf maallaqa akka kaffalaniif gaafatamuusaanii maatiitti himu.

Iddoo muraasattimmoo barattoonni kun maatisaanii fi hirriyootasaaniitti akka hin haasofne dhorkuudhaan hoteela kireessaan keessaatti ugguruunii maatiisaanii maallaqa akka kaffalan gaafatu.

Maatiin ijoolleen isaanii ugguramuun itti himame harki caalaan isaanii guyyoota itti aanaan keessatti ijoolleen isaanii nagaa ta’u baru.

Maatiin sababii kanaaf yakkicha himachuuf qaana’u.

Poolisiin Awustiraaliyaa akka jedhutti, warri namoota burjaajessaan kun warra maqaa maasoo lammiilee Chaayinaa qaban hundatti yeroo kanaan bilbilu. Isaan keessaa namoota muraasa gowwamsan ni argatu.

Barattoonni Chaayinaa kun wayita weerarri koronaavaayirasii hammaate kanattillee burjaajii akkasiin miidhamuun isaanii dabaluun ibsameera.

Gochoonni burjaajii akkasii Ameerikaa fi Niwuzilaand keessaattille ni raawwatamu.