Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Midiyaa hawaasaa፡ Fayyadamtoonni WhatsApp maaliif gara Telegram geeddarataa jiru?
Ergaadhaaf nageenyi isaa amansiisaadha kan jedhame Appiin WhatsApp haala fayyadama isaarratti jijjirama qajeelfamaa waan taasiseef fayyadamtoonni hedduun gara appiiwwan gara biraa barbaadaa jiru.
WhatsApp addunyaarratti fayyadamtoota miliyoona lamaa akka qabu kan himamu yoo ta'u, ergaawwan fayyadamtoonni ittiin waliif qoodan kan iccitummaansaa eegameedha waan jedhamuus fayyadamtoota hedduu horachu danda'ee ture.
Haata'u malee dhiheenya kana WhatsApp ragaa dhunfaa fayyadamtootaa feesbuukii dhaabbata isa bulchuuf akka qoodu eeruun qajeelfama fayyadama appii irratti fooyya'insaa taasisuu beeksiise. Kanaafu fayyadamtoonni kanaan waliigalan akka itti fufan kan waliin hin galleef ammoo hanga jalqaba Guraandhalaatti yeroo kaa'ee ture.
Murtee kanaanis hedduun mormiifi qeequumsa dhiyeessan illeen, WhatsApp garuu murticha akka hin geeddare himuun garuu yeroo kaa'amee gara wallakkeessa baatii Caamsaatti dheeressu ibse.
Kanaafuu fayyadamtoonni waa'ee qoodamu ergaa fi ragaa dhunfaa isaanii yaaddeesse, appiiwwan gara biraa barbaacha akka eegalan himama. Keessatti appiiwwan ergaa kan akka Signal fi Telegram fayyadamtoonni haalaa dabalaa jiraachutu himama.
Ofii odeeffannoon dhuunfaa feesbuuk waliin qoodamuun maaliif nu yaaddeessaa? Attamiin nageenya odeeffannoo keenyaa eeggachuu dandeenya? Oggeetti damee kanaa kan taate Birhaane Taayyee BBCn dubbiseera.
Maaltu taasifamu danda'ama?
Birhaanee Taayyee dhaabbata mit-motummaa 'Access Now' jedhamu keessatti to'attuu imaammata Afriikaa ta'un hojjatti. Dhaabbatichis namoonni akkuma intarneetiin alaatti wayita intarneetii fayyadaman mirga qaban (Dijgital righs) akka kabajamuuf hojjata.
Gama barnootaatiinis Birhaaneen gosa barnootaa Saayinsii Siyaasaafi Mirga Namoomaa baratte.
BBC፡ Waltajjiiwwan midiyaa hawaasaa mummeedha jedhaman kam fa'i?
Birhaan፡ Midiyaalee hawaasaa addunyaarratti gurguddaadha jedhaman kan akka Feesbuukii, WhatsApp, Instagram fa'i yoo ta'an, sadan dhaabbata feesbuuk jalatti bulfamu. Kana malees YouTube fi Twitarris jiru. Gama Chaayinaa yoo deemame ammoo appii mataasaanii Wechat fi Tiktok jedhaman qabu.
Itoophiyaa keessatti anmoonni baayyeen kan fayyadaman Feesbuukiidha. Feesbuukiin Itoophiyaa keessatti fayydamtoota miliyoona 6-8 ta'u akka qabu tilmaamama. Fayyadamtoonni Tiwiitarii garuu kuma 200 hin caalan.
Erga qoondaaltoonni motummaa Itoophiyaa haaraan amma tiwiitar fayyadamuu eegalaniin booda namoonni gara sana deemaa jiru.
Biyyoota Afriikaa hedduu keessatti namoonni irra caalaa WhatsApp yoo fayyadaman, Itoophiyaatti Telegram caalaa fayyadamamu. Ta'us fayyadamni WhasApp guddataa jira.
Kan biraa appiin ergaan ittiin qoodamuufi 'Signal' jedhamu jira. App kan adda taasisuus, kan bulfamu dhaabbata tola ooltumaa bu'aaf hin hojjannee ta'usaati.
BBC: Itoophiyaa keessatti sababii maaliitiif namoonni hedduun Telegram fayyadaman?
Birhaan፡ Sababiinsaa kana jechuun nama rakkisa. gabaansaa qoratamu qabaata. Akkan yaaduutti garuu Itoophiyaa keessa gareewwan hedduutu jira. Gareewwan kunneenis eenyufuu banaadha. Kanaafuu namoonni baayyeen kan fayyadaman waan appiin Telegram fayydamuuf salphaafi kan nama gammachisu ta'eef jedheen yaada.
Fakkeenyaaf hanga dhiyootti WhatsApp keessa akka garee tokkootti hammatamu kan danda'u namoota 250 qofaadha. Telegram keessatti garuu hangi namoota kuma 100 hammatamu ni danda'u. Sababii kanaan waan filatameen se'a.
BBC፡ Addunyaarratti fayyadamtoota WhasApp haaraan mil. 2.2 ta'an gara appiiwwan biraatti geeddarachun isaanii himameera. Maaltu umamee?
Birhaan: Amajjii 6 irratti WhatsApp ragaa dhunfaa fayyadamtootaa attamiin akka fayyadamu irratti qajeelfama haaraa baaseera.
WhatsApp, Feesbook fi Instagram dhaabbata Feesbuuk jalatti bulu. Haala imammaata kanaatti ragaa fayyadamtoota WhatsApp, Instagram fi Feesbuukiif nan qooda jedhe.
Ragaan dhunfaa qoodamuuf jedhu kunis karaa 'Google Chrome', ykn 'Internet explorer'tti fayyadamuun, afaan ittiin gargaaramne, sa'aatii biyya jirru, teessoo interneetii (IP address), neetworkii mobilii ittiin fayyadamnu, tajaajila intarneetii eesaa akka argannee fi ragaalee kkf dha.
Fakkeenyaaf akkawwuntii feesbuukii saaqinee wayita fayyadmnu, dhaabbata tajaajila interneetii kennuu (IP address) ni kenna. Kanaafu interneetii kanaan WhatsApp kan fayyadamnu yoo ta'e, feesbuukiifi WhatsApp ragaa waan waliif qoodaniif nuyi ta'u ni beeku jechuudha.
Ragaan fayyadamaa feesbuukii irra jiru, WhasApp ni beeka jechuudha. Egaan kanaaf namoonni dhiisanii kan bahaa jiran. Dhaabbatichi Guraandhala jalqabaa kaasee ragaa keessan ni qoodna, warri kana hin barbaadne app keenya dhiisaa bahaa jedheera.
BBC፡ Kun maaliif yaaddoo uumaa? Ragaaleen keenya yoo qodaman maaliif nu yaaddeessa?
Birhaan: Addunyaarratti namoonni parsanataa 53 intarneetii fayyadamu. Bayyeen keenya barnootaafis ta'e hojiif yeroo keenya kan dabarsinu intarneetii irratti.
Jireenyi keenya gara dijitaalaatti geedaramaa jira. Kanaafuu dhaabbanni dhunfaa bu'aaf hojjatu tokko ragaa dhunfaa namootaa kana hunda beeka jechuudha.
Wayita odeeffannoo dhuunfaa kana namoota hunda waliin hin qoodnee yoo erginu, sana walitti qabuun beeksiisa sana waliin walitti dhufu nutti erga. Beeksiisa yaada keenya geedarsiisu nutti erga.
Harka lafa jalaatiin odeeffannoon kun walitti qabamuun ni gurgurama jechuudha. Feesbuukiin maallaqa kan ittiin argatu ykn bilisaan tajaajila nuuf keenneera kan jennuu omishi isa nuyi waan taaneefiidha.
Fakkeenyaaf, kophee bitachuuf akka barbaadnu hiriyyoota keenyatti himneera yoo ta'e, ragaa dhuunfaa keenya kana qabachuun beeksiisa kopheefi ragaalee kanaan wal qabatan erga.
BBC: Appiiwwan kanneen wayita fayyadmanu kanfaltiin raawwannu hinjiru. Maaliif bilisaan tajaajila nuuf kennu?
Birhaan: Gara laaftoota ta'anii osoo hin taane, waan nuti gara laafeeyyii taaneefiidha. Feesbuukiin baasii doolaara biiliyoonaa taasisuun Afrikaanoonni intarneetiin akka waliitti hidhamnu hojjataa jira. Kaan biraas akkasuma.
Egaan kana hunda kan raawwatan waan nuuf yaadaniif osoo hin taane, ragaan nurraa argatan kan gurguramu waan ta'eefiidha. Kanaafuu waan bilisaan tajaajila nuuf kennan fakkaata malee kan gurguramu ragaadhuma keenya. Feesbuukiin kan hojjatu beeksiisa gurguruun.
Dhaabbilee addunyaa omishaasaanii karaa Feesbuukiin beeksiifatu. Kanaafu Feesbuukiin galiin argatu kan nuti dawwannuufiin irraayi. Beeksiisa feesbuukii kan biroo irraa adda kan taasisu beeksiifnooti kan mana dhuunfaaf kiyyeeffachuun hojjataman ta'usaaniti.
Fakeenyaaf yeroo tokko waa'ee konkolaata bitu hirriyoota keenya waliin dubbannee ta'u mala. Kanafuu ragaa kana qabachuun, beeskiifni fuula dhuunfaa keenya irratti agaru waa'ee konkolaataa ta'a. Akka beeksiisa gara biraa kan namoota hundaaf hojjatamu miti.
BBC: Appii kanneeniin alatti yoo ragaa interneetii irra barbaadnu, ragaaleen kan barbaadnu waliin walitti dhufan kan biraa ni dhufu. Kun maaliif ta'a?
Birhaan: Marsariitii ragaa barbaacha seenne sanarra 'cookies' kan jedhaman jiru. Akkuma waan kophee ukkee qabuun wayita mana seenneetti mallattoonni miila keenya lafarratti hafu sana, marsariittii waa barbaacha seenee baane waa'een keenya ni hafa. Isaan boodas yoo appiiwwan gara biraa saaqnu kan duraan gaafannee sana barbaadu.
Waan kana dura bannee barbaadne marsariitiiwwan walitti himu. Kanaafu kan dhufu kan nuti marsariitiiwwan adda addaa keessatti barbaannee dabareedha.
BBC፡ Mormitoonni mirga namoomaa, gaazexesitootaa fi namoonni motummaan hordoffii irratti taasisu kan biraa dhimmi kun ni yaachisa. Malawwan ittiin odeeffannoo dabarsaniis ni filatu. Gatii salphaa itti kennuun akka odeeffannoo hawaasaatti akka hin qoodneef appii kam fayyadamu qabnaa? Of eeggannoon taasisuu qabnu kan biraa hoo jiraa?
Birhaan: Balaan falmitoota mirgoota namoomaa, mormiitootaafi gaazexessitoota bira jiru kan hawaasa kaanitiin adda. Isaan furmaata addaa barbaadu qabu.
Haata'u malee hundi keenyaa akka lammiitti yaaduu kan qabnu, hedduun keenya kompitarootaafi bilbila keenya irra ta'u keenya. Kanaafuu ragaan dhiifnu baayyee yaaddeessaadha.
Motummaan yoo barbaadee olmaa nama tokko baru danda'a. Appiiwwan odeeffannoo nuti yaadachu hin dandeenye fa'i qabatanii taa'u. Yeroo ammamiif qabatanii akka turan illeen hin beekamu. Kanafuu ragaa qoodnu irratti of eegannoo taasisuu barbaachisa.
Kana malees, bilbila ammayya kamuu malawwan ittiin nageenyyii eegamu qabu. Fakkeenyaaf wayita appii tokko bilbila harkaa keenyarratti feenuu, akka teessoo keenya qoodnu nu gaafata. Kanaafu yoo buufnuu dirqama yoo ta'e qofaan kana godha kan jedhu filachu qabna.
Kan biraa ammoo Appiin 'Signal' waan odeeffannoo dhunfaa eeguuf isatti fayyadamuun filmaata biraati. Appiin kan bulfamu dhaabbata tol-oltummaa bu'aadhaaf hin hojjanneen waan ta'eef odeeffannoo keenyaa hin barbaadu.
Kana malees 'password' imeeliifi appiiwwan biraa kan walfakkatu taasisuun hin gorfamu.