Iraan namoota sadii 'Instagram gubbaa ijoollee gurguraa turan' to'atte

Iraanitti namoonni sadii karaa miidiyaa Hawaasaa Inistaagiraamiin ijoollee lama gurguruuf yaalan jedhamuun shakkaman lama to'ataman.

Hogganaan poolisii Teeraan B/Jeneraal Hoseyin Raahimii daa'imman akka gurguramaniif yaalaman tokko daa'ima guyyaa 20 yoo taatu kan biraan ammoo daa'ima ji'a lamaati jedhan.

Daa'imman kunneen jalqaba doolaara 500 tahuun bitamuun, booda Doolaara 2000 fi 2500 tahuun deebifamanii gurguraman.

Namoota adabaman keessaa tokko beekaa ''maatii harka qalleeyyii irraa daa'ima fuudhee namoota haalaan kunuunsanii guddisanitti kennaan jira'' jechuun hime.

B/Jeneraal Raahimiin akka jedhanitti poolisoonni kan dhimmicha hatattamaan hubachuu danda'an ''beeksisa daa'imman gurguraman'' jedhu kan Inistaagiraamii irratti baheeni jedhan.

Poolisoonnis beeksisicha fuula 10 fi 15 tahu karaa suuraan qoodamu facaasuun daa'imman lamaanii fi namoota to'annoo jala oolan sadan argatan.

Daa'imman lamaanis namoota tajaajila hawwaasumaa kennanitti dabarsuun kennaniiru.

Shakkamtootni daa'imman kanneen namoota harka qalleeyyii tahan irraa gatii rakasaa taheen bitne jechuun poolisiitti himaniiru akka jeneraalichi jedhanitti.

Akka viidiyoon Club news agency jedhamu irratti maxxane agarsiisutti namoota to'ataman keessaa inni tokko ijoolleen kun fuulduratti jireenya gaarii akka qabaataniif yaadneeti jedhee yeroo dubbatu mul'ateera.

Gochaan akkasii Iraan keessatti yeroo gabaafamu kan jalqabaa miti. Jalqaba waggaa kanaattis naannoo Goorgaan jedhamtu keessatti dubartootni afurii fi dhiirri tokko osoo isaan dubartii ulfaa harka qalleettii taate barbaadanii to'achuu isaa poolisiin himeera.

Namootni kunneen dubartii ulfaaf yeroo isheen deessu gatii yaala hospitaala ishee hunda kaffalanii daa'ima deesse immoo jalaa fudhachuuf ture.

Itti Aantuun Pirezidaantii Dhaabbata Dhimma Maatii fi Dubartootaa Iraan Shaahindot Molaverdi haadholii baayyeen da'umsaaf gahan da'iima isaanii gurguuruun isaan yaaddessuu dubbatan.

Dubartootni gocha akkasii raawwachuuf kan isaan dirqisiisu sababoota baay'een keessaa araada adda addaa, hiyyummaa, umurii malee heerumuu fi mana jireenyaa dhabuufaa akka tahaniis himan.