Yeroo 'rakkoon sistamaa' mudatetti Baankii Daldalaa keessaa Birrii meeqatu bahe?

Bitootessa 15, 2024 Jimaata halkan rakkoo sistamaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa mudate jedhameen karaa seeraan ala ta’een maallaqni guddaan ba’uun himamaa jira.

Kanaan dura seenaa baankii biyyattii keessatti haala mudatee hin beekneen rakkoo mudate kanaan maamiltoonni baankichaa hanga maallaqaa kaawwataniin ala maashina maallaqa keessaa baafatan (ATM)n, akkasumas karaa mobaayil banking maallaqa guddaa fudhataniiru.

Baankichi saatii rakkoon sistemaa isa mudate gidduutti maallaqni fudhatame Dolaara miliyoona 40 (Birrii Biliyoona 2.4) ta’uun isaa ibsameera.

Barruun Addis Fortune jedhamus taatee mudate kanaan walqabatee maamiltoota 66,000 ta'aniin maallaqni birri biiliyoona 2.4 ta'u sochoofamuu gabaaseera.

Assoosheetid Pirees Baankiin Daldalaa Itoophiyaa dhum-torbee darbe rakkoo isa mudate hordofee maallaqa jalaa fudhatame deebisuudhaaf yaaluu jalqabuusaa gabaaseera.

Dhaabbileen saba-himaalee sababa rakkoo sistemaa mudateen Baankicha keessaa maallaqni bahe Birrii Biliyoona 2.4 (Dolaara Miliyoona 40)tti akka siqu himanis, Baankichi garuu hanga maallaqa jalaa fudhatamee hanga ammaatti wanta jedhe hin qabu.

BBCn sababa rakkoo sistamaa mudate kanaan hanga maallaqa baheera jedhame kana ilaalchisuun sirrii ta’uufi dhiisuu isaa aanga’oota baankichaarraa qulqulleefachuuf yaaliin taasise milka’auu baatus, maallaqni guddaan bahu qofa eeraniiru.

Yeroo wanti kun mudatee turetti yeroo muraasaaf tajaajila baankii addaan kutuun rakkoo mudate sana to’achuu baankichi ibseera.

Biyyattii keessatti baankii guddicha kan ta’e Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, guyyaa guyyaatti guutummaa biyyattii keessatti maallaqni biliyoonotaan lakkaa’amu malawwan ittiin maallaqa sochoosan gara garaatiin socho’aa oola.

Pirezidantiin Baankii Daldalaa Itoophiyaa Abbee Saannoo waan mudatee ture hordofee ibsa kennaniin, Jimaata halkan rakkoon sistemaa mudateera yeroo jedhamee ture sanatti daddabarsi maallaqaa kuma 490 kan raawwatame akka ta'e himaniiru.

Daddabarsi kun kanneen seerawaa ta'anis akka dabalatu dubbatan.

Abbee Saannoo rakkoo mudate ilaalchisee Wixata ibsa gaazexeessitootaaf kennan irratti fayyadamtoonni maallaqa guddaa ofii isaaniitiin hin qabne sochoosuu kan danda’an adeemsa sistama baankichaa foyyeessuu keessatti sababa qaawwa uumameetiin malee haleellaan saayibarii qaqqabee akka hin taane himaniiru.

Carraa rakkoon sistamaa baankicha mudatee ture fayyadamuun osoo akkaawontii isaanii keessaa maallaqa gahaa hin qabaatiin maallaqa guddaa sochoosaniiru kan jedhaman barattoota yunivarsiitii kutaalee biyyattii gara garaa keessa jiran ta’uu isaanii ibsameera.

Barattoonni yunivarsiitiiwwan gara garaa keessa jiran BBCn dubbise guyyaa sana akkaawontii isaanii keessaa maallaqa gahaa osoo hin qabaatiin gara akkaawontii CBE Birrii isaaniitti, akkasumas gara baankiiwwan birootti maallaqa dabarsuu isaanii mirkaneessaniiru.

Dabalataan halkan sana maashina birrii kaffalu (ATM) dhaabbilee barnootaa keessaatti naannawaatti argaman duratti hiriiraawwan dhedheeraan dabaree eeggachuun maallaqa callaa baasaa akka turan barattoonni dubbataniiru.

Baankii Daldala Itoophiyaa rakkoon sistama maallaqa ittiin kaffaluufi dabarsu mudachuusaa barattoota biratti karaa bilbilaa ballinaan tamsa’uu isaa baratttoonni BBCn dubbise himaniiru.

“Baankicharra haleellaan saayibarii gaheera, daddabarsuun isaa hin beekamu jedhanii yaadanii ture kana kan godhan,” jedhan Obbo Abbee saannoo.

Pirezidantiin Baankii Daldalaa Itoophiyaa Obbo Abbee Saannoo Bitootessa 15 halkan naannoowwan yunivarsiitiitti maallaqa daddabarfamaa tureefi walumaagalatti baasii kan ta’e hangam akka ta’eefi hangamtu akka deebiye ilaalchisuun akkas jedhan.

“Erga tajaajila addaan cite jalqabsiifneen booda gara qorannoo maallaqa socho’eetti seenne. Warra baayyee sochoose adda baafannee qaamoleen haqaa akka beekan gooneerra. Lakkoofsi baayyeen kan jiru haala baayyee nama gaddisiisuun naannawaa yunivarsiitiiwwaniidha.''

Barattoonni (hawaasni yunivarsiitii) kan yaadanii ture baankicharra haleellaan saayibarii gaheera jedhanii ture kan jedhan Aab Abbeen ''Kanaaf, waan sochoosan (daddabarsuun/baasuun) hin beekamu jedhanii godhan,'' jedhan.

''Amma garuu wanti sochoosan akka beekamu erga baranii booda maallaqa fudhatan deebisaa jiru. Ammas akka deebisan barbaadna. Maallaqa fudhatan yoo deebisan gara himachuutti hin deemnu. Yoo hin deebisan ta’e garuu gara tarkaanfii seeraa fudhachuutti deemna. Ibsi bal’aan (maallaqa daddabarfame/ kan deebifame) odiitii ta’ee yeroo dhumu dhiyaata.''

''Adeemsi odiitii waan hin dhumneef kana gidduutti wantota biroo kaasuun adeemsa odiitii faayinaansii waliin kan deemu waan hin taaneef, tarkaanfiiwwan seeraa tokko tokko jiraachuu waan danda’aniif of eeggannoo waan barbaachisuufidha,” jedhan qondaalli kun.

Barattoonni yunivarsiitii baayyeen maallaqa hin qabne fudhataniiru jedhamuu isaa hordofee yunivarsiitiiwwan baayyeenis barattoonni maallaqa kan isaanii hin taane fudhatan akka deebisaniif beeksisawwan akeekkachiisa of keessaa qabu baasaniiru.

Kanarrattti dabalataan, akkaawontiiwwan baankiiwwan biroo akkaawoniiwwan Baankii Daldalaa Itoophiyaarraa maallaqni galeefis akka hin sochoone dhorkamuu isaanii BBCn madden irraa dhaga’eera.

Baankota dhuunfaa akkaawontiiwwan maamiltootaa dhorkaman keessaa tokko Daashen Baank yoo ta’u, hojjetaan baankichaa maqaan isaa akka hin dha’amne barbaadu tokko erga sistama Baankii Daldalaa Itoophiyaa rakkoon mudachuu ibsamee booda sochiiwwan maallaqaa 4,500 ta’an Baankii Daldalaa Itoophiyaarraa gara Baankii Daashenitti taasifamuu ibsuun, sababa kanaanis akkawontiiwwan Baankii Daashan adda hin baafatiin dhorkamuu isaanii ibseera.

Baankichi hanga ammaatti maallaqa hangamiitu akka fudhatame ibsuu baatus, pirezidantiin baankichaa garuu poolisii waliin ta’uudhaan maallaqa baankicha jalaa fudhatame deebisuudhaaf hojjetamaa jiraachuu himuun, namoonni maallaqa kansaanii hin taane fudhatan akka deebisaniif gaafataniiru.

Qabeenya Itoophiyaa angafa

Akka odeeffannoo istaatitiksiitti yoo ta’e, qabeenya qabuun Afrikaa Bahaatti tokkoffaa kan ta’e Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, bara 2022 qabeenyi isaa waliigalaa Dolaara Biliyoona 23 akka ture tilmaamameera.

Qabeenya waliigalaa Birrii Tiriiliyoona tokko walitti qabuu kan danda’e Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, qabeenya biyyattii angafa ta’uu danda’eera.

Bara bajataa 2020/21 keessa bu’aa Birrii Biliyoona 20 kan argate Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, baruma bajataa kana keessa Birrii Biliyoona 735 kan kuufatamu taasisuu danda’uu isaa ifa godhee ture.

Bara 1942 kan hundeeffame Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, maamiltoota miliyoona 40 oliifi dameewwan kuma 1 fi 940 qaba.