Namoonni Baankii Daldalaarraa qarshii guuran seera kamiin gaafatamuu malu?

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa 'rakkoo sistama' isa qunnameen namoonni keessumaa gara caalu barattoonni yunivarsiitii qarshii kan isaanii hin taane guurrachuu himeera.

Baankichi namoota maallaqa fuudhan yoo hin deebisne dhimmicha mana murtii akka geessu ibseera.

Kana jechuun baankichi maamiloota isaa yeroo rakkoon isa qunname maallaqa kan isaanii hin taane jalaa fuudhan seeraan gaafachuuf deema jechuudha.

Ta’us, dhimmicha gara qaama seeraatti yoo geesse maamiltoonni seera maaliin gaafatamuu danda’u?

Dhimma kanarratti ogeeyyii seeraa lama dubbifne.

Obbo Abdi Gurmeessaa Abbaa seeraadha. Yeroo ammaa digirii sadaffaa isaanii yunivarsiitii Finfinneetti barataa jiru. Qorannoo seeraarrattis ni hirmaatu.

Maamiltoonni baay'inaan barattoota ta'an herreega baankii isaanii keessaa waan hin qabne daangaa malee baasan waan ta‘ef seerota yakkaan himatamuu danda’u jedhan.

Kanaanis, seera yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwata 692 fi 696’n akka gaafataman ibsan.

Akkasumas kanneen ‘‘haala kana kan mijeessan duuba jiru,’’ jechuun labsii yakkoota kompitaraa to’achuuf bahe lakkoofsa 958 kan bara 2008 baheenis gaafatamuu akka danda’an ibsan

Obbo Habtaamuu Laggasee immoo yunivarsiitii Jimmaatti seera barsiisu. Isaaniis barattoonni seera yakkaan akkasumas labsii yakkoota kompitaraa to’achuuf baheen akka himatamuu malan himu.

''Rakkoo sistamii bu’uura gochuun ofiif ykn kaaniif faayidaa hin malle argachuuf gochi raawwatame gocha yakkaa labsii yakka kompitaraa ilaaluuf bahen ilaalamuu danda’udha,’’ jedhu.

Osoomallee labsii yakka kompitaraan raawwate ilaaluuf bahen hin ilaalamu jedhamellee yakka idileen ilaalamuu danda’a jedhu.

Haa ta’u malee, haala yakki itti raawwate ilaalcha keessa galchuun adabbiin kana caalullee irratti murtaa’uu akka danda’u himu.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa himannaa yakkaa himachuu akka hin dandeenye ibsu. Himannaa kana himachuuf aangoo kan qabu waajjira abbaa alangaati.

Baankichi akka qaama miidhameetti eeruu kennuu akkasumas tumsuu garuu ni danda’a.

Gama kaaniin, Baankiin Daldala Itoophiyaa miidhaa irra qaqqabe karaa himata seera hariiroo hawaasaa [siviilii] gaafachuu danda’a jedhu.

Sababni isaa ''namni kamuu waan isaaf hin malle argachuu hin danda’u. Seerri hariiroo hawaasaa hin eeyyamuu waan ta’ef,'' jedhu.

Dabalataan, namoonni maallaqa hin beekne herreega baankii isaanii seenes bilisa miti. Sababni isaas maallaqa herreega isaanii seene tursuun yakkaan gaafatamuu danda’u jedhan.

Maamila himachuu

Namoonni maamila baankii tokko yeroo ta’uf galmaa’an waliigaltee raawwatan ni qabu.

Pirezidantiin Baankii Daldalaa Itoophiyaa Obbo Abbee Saannoo osoo rakkoon kan baankii ta’ee jiru maamiltoota keessan himachuuf deemtuu?

Hariiroo keessan hin balleessuu jedhamanii BBC’n gaafatamanii kana deebisan:

''Hattoota waliin dhimma hariiroo maaliiti haasofna? Maallaqa sana akka hin qabne beeku. Maallaqa kan isaanii hin taane fudhatan,'' jedhan.

Dhimma kanarratti yaada isaanii kan gaafanne ogeessi seeraa Habtaamuun barattoonni maamila baankichaa ta’u isaanii itti dhimma bahuun badii raawwatan jedhu.

''Rakkoo sistamarra gahe bu’ureeffachuun kallattiidhaan hanna,'' raawwatan jedhan. Ofii fayyadamanii baankii waan miidhanif akka gaafataman himan.

''Sistama ykn daataa kana fayyadamanii qabeenya Baankii Daldala Itoophiyaarratti miidhaa geessisuu ykn immoo faayidaa isaaniif hin malle argachuuf gocha yakka raawwatamedha.’’

Adabbiin hangam?

Kanaaf deebiin himannaa abbaa alangaatu murteessa jedhu ogeessi seeraa Abdi Gurmeessaan.

Himannaa gosa lamaa akka fakkeenyaatti kaasu.

Fakkeenyaaf abbaan alangee ‘yakka cimaa hin taanen’ seera yakkaa bara 1996 bahe keeyyata 692 cabsuun yoo himate adabbii waggaa shan hin caalleefi maallaqaan akka adabsiisu kaa’a.

Haa ta’u malee, akka keeyyata 696 (c) ‘yakka gowwomsaa cimaa‘ jedhuun yoo himate adabbiinis ni cima. Kunis, yakki raawwate waajjira tajaajila kennuurratti yoo ta’edha.

Kunimmoo ''yakkicha yakka guddaa'' jechuun ibsu. Sababa isaas yoo ibsan ''Baankii tajaajila ummataaf kennu, maallaqa ummataa bulchu waan ta’ef.''

''Akkuma yakkichi yakka cimaa taasisuun immoo adabbiin isaallee waggaa shanirraa waggaa 15 kan hin calleetin, maallaqa adabbiiimmoo birrii 50,000 hin caallen adabsiisa,'' jechuun ibsan.

Haa ta’u malee, akkaataa ‘yakka adabbiin’ jechuunis barattoonni yakka amanani akkasumas sababoota adda addaa adabbii xiqqeessuuf wanti dhihaatu yoo jiraate adabbiin xiqqaachuu danda’a.

Barsiisaa Habtaamuun gama isaaniin Labsii 958 bu’uura gochuun shakkamaan tokko ''adabbii salphaa waggaa sadii hin caallen kan maallaqaa 30,000 akka adabamuu danda’u '' jedhu.

Kunis, himatamaan ''haala nama dogongorsu ta’en raabsuudhaan yookaan immoo eenyummaa isaa karaa sirrii hin taanen ibsuudhaan .. qaama sadaffaa miidhuu danda’u gochuudhaan faayidaa ofiif yaadee gochaawwan akkasii raawwate,'' yoo ta’edha.

Akkaataa waliigalaatti garuu seeroti yakkoota barri fidu waliin wal siman hanga bahanitti seerota jiraniin walbira qabamee akka ilaalamu ogeeyyiin seeraa himu.

Kanaan ala, ''… ATM’dhaan birrii baasuu, birrii hinqabne baasu, fuudhanii nama biraatti dabarsuu kan jedhu ifatti hin jiru,'' jedhu ogeessi seeraa Abdii Gurmeessaan.

''Yakki dijitaalaa amma raawwatamaa jiru kuni sirna haqaa yakkaa keenya keessatti haguuggii haaraafi qorannoo haaraa kan barbaadudha.''

Yunivarsiitiin adabuu danda'aa?

Yunivarsiitiiwwan barattoonni maallaqa kan isaanii hin taane baafatan akka deebisan ergaawwan akeekkachiisa fakkaatan baasun gaafataniiru.

Kunis ta’u, akkuma dura ibsame yunivarsiitiileen ofiif yakkaan barattoota himatuu hin danda’an. Ta’us, himannaa siviliin garuu himannaa banuu danda’u.

Barattoonni maashinii ATM yunivarsiitii keessa jiran keessaa maallaqa baasanis wanti seeraan ala fayyadaman sirna baankichaati malee maashinicha miti jedhu barsiisaa Habtaamuun.

Obbo Abdiin gama isaaniin tarkaanfii yunivarsiitiiwwan fudhachuu danda’u akka jiru ibsu. Kunis adabbii naamusaati.

Barataan tokko naamusa barataa tokkorraa eegamu kabajuu qaba. Yoo kana eeguudhaa baate yunivarsiitiin tarkaanfii fudhachuu danda’a.

''Mooraarraa hamma ariisisuutti gahuu danda’a. kuni tarkaanfii gama naamusaan fudhatamudha,'' jedhan.