Bakka reeffi hin jirretti sirni gaggeessaa miseensota Faannoo Finfinneetti ajjeefamanii taasifame

Maatiin miseensota Faannoo lama dhukaasa poolisii waliin tureen baatii Ebla keessa Finfinneetti ajjeefaman reeffa isaanii osoo hin argatiin sirna gaggeessaa isaanii Gondaritti raawwachuu himan.

Naahusannaay Andaargeefi Abeenezar Gaashaaw magaalaa Finfinnee keessatti ‘hojii shororkeessummaa dalaguuf yeroo sosso’an’ Finfinnee keessa ajjeesuu poolisiin ibsee ture.

Dargaggoonni lamaan kunneen miseensota hidhattoota Faannoo kan yeroo ammaa Naannoo Amaaraa keessa humnoota mootummaa lolaa jiraniiti jechuun poolisiin ibseera.

Poolisiin Finfinnees ta’e federaalaa waa’ee komii reeffa dhowwamuu maatiin komatanirratti hanga yoonaa homaa hin jenne. Ofii yoo owwaalee jiraates hin beekamu.

Maatiin dargaggoota kanaa reeffa ijoollee isaanii argachuun awwaallachuuf Finfinnee dhufanii poolisii federaalaafi Finfinnee gaafatanis deebii osoo hin argatiin gara ji’a lamaatti dhihaatuf turuu BBC’tti himan.

Guyyoota gara jalqabaa haadholiin dargaggoota lamaanii BBC’tti akka himanitti, poolisiin reeffa isaanii kenneefii maatiifi firri bakka argametti owwaaluuf yaadanis deebii dhabuu isaaniifi kanaanis gaddi isaanii cimuu ibsanii turan.

Bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti osoo reeffi hin owwaalamin maatiin nyaatallee lagatu.

Guyyaa har’aa magaalaa Gondar keessatti reeffi bakka hin jirretti sirna aadaan bakka maatiifi firri argametti gaggeessaan owwaalchaa Naahusannaay Andaargee taasifamuu miseensi maatii BBC’tti himaniiru.

Sirni gaggeessaa Abeenezar Gaashaawis haala wal fakkaatuun sirna aadaan bakka reeffi isaa hin jirretti kana dura raawwatamuu miseensi maatii himaniiru.

Poolisiin kana dura dargaggoota lamaan miseensota Faannoodha jedhe Finfinneetti ‘’haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf ergama qabatanii osoo sosso’anii’’ humnoota nageenyaa waliin walitti dhukaasuun ajjeefamuu ibsee ture.

Akka maatiin jedhanitti, yeroo baatii lamaaf tahuf poolisiifi qaamolee mootummaa federaalaa dhimmichi ilaallatu biraaf gaaffii dhiheessanis deebii hin arganne.

Maatiin dargaggoo Naahusannaay maqaan isaanii akka dhahamu hin feene reeffa argachuuf poolisii Finfinnee hanga waajjira Ministira Muummee Abiyyitti gaaffii dhiheessuu himan.

‘’Baatii lama guutuuf xiqqoomatu nu hafe. Baay’ee dhamaane. Waajjira Ministira Muummee, Poolisii Federaalaa, Poolisii Finfinnee gaafannee deebii dhabnaan abdii kunne.’’

Gaaffii poolisiif dhiheessaniin deebiin kennameef ‘’nu hin ilaallatu’’ kan jedhu akka ta’e dabalanii ibsaniiru.

Sababa kanaan kanneen du’anif gaggeessaa taasisuufi maatiin ‘hirmii akka baasu’ naannichatti sirna ‘damar’ jedhamee beekamuun gadda isaanii baasuuf murteessuu isaanii miseensi maatii ibsaniiru.

Akkaatuma kanaan maatiifi firri Naahusannay fi kaan bakka argamanitti ALI har’a Wiixata Caamsaa 26, 2016 magaalaa Gondar Bataskaana Abbaa Jaale Takilahaayimaanot jedhamutti sirni kadhannaafi gaggeessaa taasifameera.

Nageenya isaaniif jecha miseensi maatii maqaan isaanii akka dhahamu hin feenefi jiraataan magaalaa Gondar tokko magaalaa keessatti humnoonni nageenyaa olaanaa bobba’anii akka turan ibsaniiru.

Akka miseensi maatii jedhanitti, namoonni baay’ee du’a gahii irratti hirmaachuuf osoo gara Bataskaanaa adeemaa jiranitti ‘’humnoonni nageenyaa barjaa suuraafi maqaa Naahusannaay qabu humnaan fudhataniiru,’’ jedhan.

‘’Addabaabayii Piyaassaa [Gondar] yeroo geenyu barjaa fidaa jennaan ofumakoo akka kennamuuf taasise. Barjaa lama fudhataniiru. Kanaan ala wanti uumame hin jiru,’’ jechuun ibsan.

Barjaa yookiin baanarii kana irratti maqaa, gahee, guyyaa dhalateefi du’etu barraa’e jedhan.

Dhukaasa magaalaa Finfinnee naannawa Boolee, Galma Barkumee biratti tureen ‘’hoogganaan Faannoo Naahusannaay Andaargee madaa’ee erga gara mana yaalaa ergame booda yeroo du’u, Abeenezar Gaashaaw dhukaasa gidduutti ajjeefamuu’’ poolisiin ibsee ture.

Kanaan ala miseensi hidhattoota kanaa Habtaamuu Andaargee osoo hin madaa’in qabamuu, nami biraa ajjeefamuu akkasumas poolisoonni lama madaa’uu kana dura ibsamuun ni yaadatama.

Hidhattooti Faannoo Naannoo Amaaraa keessatti humnoota mootummaa lolaa jiran gaaffii eenyummaa, nageenyaa fi daangaa kaasu.