Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni ajjeechaa Toleetti raawwateen buqqa’an gargaarsi gahaan nu qaqqabaa hin jiru jedhan
Jiraattonni ajjeechaa Aanaa Gimbii, ganda Toleetti raawwateen qe'ee isaanii irraa buqqa'an gargaarsi gahaan nu gahaa hin jiru jechuun komatan.
Jiraattonni BBCn dubbise akka jedhanitti guyyaa ajjeechan kun raawwatee kaasee namoonni heddu gargaarsa gahaa dhabuu irraa kan ka'e rakkataa akka jiru.
Jiraatan aanichaa obbolaan dhiira fi dubaraa jaha jalaa ajjeefaman BBC tti akka himetti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman masjiida fi bakkee keessatti baqatanii hanqina deeggarsa namoomatiin rakkataa jiru.
"Namoonni buqqa'an hedduudha. Ijoolleen abbaa fi haati irraa ajjeefaman heddutu jiru. Namni waan nyaatu dhabee beelan rakkataa jira. Naannoo Amaaratti nu geessaa jennaan mootummaan nu dide," jechuun dubbatu jiraataan kun.
Haadha ijoollee jahaa kan ta'an baqataan kan biraa BBCn dubbisee fi nageenya isaanif jecha maqaan isaanii hin eeramin ammoo, "Amma akaayii fa'aan jiraataa jirra. Gargaarsa jedhanii kan nuuf kennan, makaronii xaasaa tokkoo fi daakuu kiiloo sadi maatii tokkoof kennu" jechuun komii dhiyeessu.
Jiraattonni gargaarsi nu qaqqabaa hin jiru jedhanis, Buusaa Gonofaan gargaarsa barbaachisu qaqqabsiisaan jira jedhe.
Itti Gaafatamtuu Buusaa Gonofaa Wallaga Lixaa kan ta'an Aadde Natsaanat Alamayyoo mootummaan gargaarsa barbaachisu qaqqabsiisaa jiraachuu dubbatu.
"Guyyaadhuma rakkoon kun mudatee kaasee namoota kanaaf akka Godina keenyaatti gargaarsi hatattamaa godhamaafii ture."
"Warra Arjoo qubataniif ammoo mootummaan federaalaa fi naannoo gargaarsa isaan barbaachisu godheefii jira," jedhu Aadde Natsaannat.
Akka isaan jedhanitti Dhaabbanni Fannoo Diimaa Addunyaas namoota buqqa'an kana deeggaraa jira.
Buqqaatonni BBCn dubbises gahaa ta'uu baatus deeggarsi Dhaabbata Fannoo Diimatiin godhamaafii akka jiru hin haalle.
Jiraattonni gargaarsa gahaa argataa akka hin jirre komatanis Aadde Natsaannat komii namoota kanaa sodaa jirattonni qabaniin wal qabsiisu.
"Soodaadhuma qaban irraa ka'ee komii kana yoo kaasan malee mootummaa fi dhaabbileen garaa garaa deeggarsa barbaachisuu geessafii jiru," jedhu.
Aadde Natsaannat akka jedhanitti baay'ina namoota sababa ajjeechaa kanaan buqqa'anii ammatti lakkoofsa isaa akka hin beekne himuun garuu namoonni ajjeefaman saba tokko qofa akka hin taane fi Oromoonumti Gimbiitti dhalatee achitti ajjeefame odeeffannoo akka qaban BBC tti himaniiru.
"Hanga maqaan namoota ajjeefamanii sirriitti qulqullaa'utti jenneeti malee akka miidiyaalen odeessan osoo hin taane, Oromoonni ajjeefamanis jiru," jechuun dubbatu Aade Natsaannat.
Amma mariin uummata wajjin taasifamee qaamoleen nageenyaa achitti bobba'uun naannichatti nagaan akka bu'e dubbatu.
Haleellan aanaa Gimbii Ganda Toleetti namatoota nagaa irratti gaggeeffame jedhame kun gaafa Waxabajjii 11, 2014 ture.
Waamicha qorannoo bilisaa
Haleellaa kanaaf mootummaan Waranaa Bilisummaa Oromoo (WBO)- kan 'Shanee' jedhee waamu komata.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin haleellicha kan raawwate qaama mootummaan 'Gaachana Sirnaa' jedhee gurmeessedha jechuun qorannoon qaama walabaan akka gaggeeffamuuf waamicha dhiyeessera.
Paartileen siyaasaa kanneen akka KFO fi ABO ajjeechaa lammiilee nagaa irratti gaggeeffame kanaaf gadda qaban ibsanii itti gaafatamummaan akka jiraatuuf qorannoon qaama bilisaan akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessaniiru.
US fi Komishiniin Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ajjeechaa kana balaaleffachuun qorannoon walabaa akka gaggeeffamuuf waamicha godhaniiru.