Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa rifaasisaa Gimbiirraa kanneen lubbuun hafan haala akkamii keessa jiru?
Jiraattonni Godina Wallagga Lixaa, Aanaa Gimbii Ganda Tolee jiraataniifi haleellaa torban darberraa hafan gargaarsa nyaataa gahaa ta’e argataa hin jiruu jechuun rakkachuu isaanii BBC’tti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti, qabeenyaafi mana isaanii akkasumas horiin isaanii jalaa saamamaniiru.
Halkan firoota isaanii biratti akkasumas Masjiidatti akka dahatan himan.
Jiraattonni BBC’n gaafa Roobii dubbise, amma yaaddoon nageenyaa jiraachuu baatus nyaata gahaa hin qabnu jechuun ibsan.
Haleellaa A.L.I Sambata Waxabajjii 11, 2014 raawwateen lammiileen 300 caalan hidhattootaan akka ajjeefaman kanneen ijaan argan himaniiru.
Gama mootummaan lakkoofsi namoota ajjeefamanii hin ibsamne.
Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan Shanee jedhee waamu garuu ajjeechaa waakkatan, qorannoo walabaa gaafatan.
Hidhattooti kuni ajjeechaa waggaa darbe Gullisoo, Baabbo Gambeel akkasumas kaan gara caalu saboota Amaararratti raawwateen himatamanii turan.
Miidiyaaleen lakkoofsa namoota ajjeefamanii 300 ol eeran jiru.
Jaarmiyaan dhimma ummata Amaaraaf sosso’uufi Ameerikaa buufate ‘’dhalattoonni Amaaraa yoo xiqqaate 378 ta’an ajjeefamuu mirkaneessineerra,’’ jechuun ibsan.
Dhaabi biyya bulchu, Badhaadhinni, walgahii idilee Roobii taa’uu eegaleen bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti ‘’ajjeechaa shororkeessitootaan raawwataa jiru’’ akka balaaleeffatu ibseera.
Dabaluunis, ‘’tarkaanfiin seera kabachiisuu cimee akka itti fufu kallattii’’ kaa’uu paartichi ibseera.
‘Beela, dheebutti jirra’
Haadha ijoollee kan ta’an Aadde Fooziyaan* mana obboleessa isaanii daheeffatanii akka jiran himu.
Mucaa booda kana dahan kan ganna afur ta’e dabalatee mana tokko keessa namoonni shan jiraachaa jiru.
Ganda Tolee bakka Silsaaw jedhamu jiraatu ture.
Qonnaan kan of jiraachisan Aadde Foziyaan haleellaa raawwateen garuu manni isaanii guutummaatti barbadaa’eera.
Haleellaa kanaan sangaa cimdii lama, saawwan sadii, akkasumas midhaan gootiraan tokko jalaa manca’u himan.
Har’a ijoollee isaaniif mulluu nyaachisuu dubbatan. Boruufi iftaan waan nyaachisuuf jedhan akka isaan yaaddessu dubbatu.
‘’Maatiin keenya dhumanii qofaa keenya boo’aa jirra. Osoo beelofnuu, dheebonnu teenye jirra,’’ jechuun himan.
Jiraatonni haleellaan Sambata ganama sa’aatii sadii eegalee hanga waaree boodaa raawwatamuu himan.
Owwaalchimmoo Dilbataa eegalee hanga Kibxataa raawwachuu ibsaniiru.
Jiraataan biraa Ganda Tolee Obbo Ahimad ‘’Qamadiin kuntaalli 10 moo 20 ta’u dhufeera. Koshoroon kaartonii jaha ta’u ture daa’imman nyaataniiru.
‘’Sukkaarris hamma tokko dhufeera. Nama wal’aanna jedhaniis dhufaniiru,’’ jechuun himan.
Qonnaan bulaa kan ta’an Obbo Ahimad, jiraattonni naannichaa qonnatti deebi’uf rakkachuu isaanii ibsan.
‘’Reeffa sana hunda agarree garaa maaliin hojiitti deebina. Namuu gaddumarra jira. Kanneen Sambata ajjeefaman keessaa kan awwaalame, arraagessi tuttuqees jira,’’ jechuun ibsan.
Gaafa ajjeechaan raawwate maasii keessa dhokatanii lubbuun akka hafan dubbataniiru.
Yeroo ammaa Raayyaan Ittisa Biyyaafi Humni Addaa Naannoo Oromiyaa bakka haleellaan raawwatetti bobba’aniiru. Amma xiqqoo tasgabbiin mul’atuus yaaddoo akka qaban himu.
‘’Kuni akeekkachiisadha. Guyyoota sadii booda gara biyya keessanii galaa, as akka hin teenye. Xumurarra yoo dhufnu namni lubbuun hafu hin jiru nuun jedhaniiru,’’ jechuun dubbatan.
Kana hordofees mootumman ‘’asii nuuf haa kaasu’’ jechuun gaafatan.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baasen haleellaa raawwate ‘’haleellaa shororkeessummaa’’ jechuun ibse. Kanneen ajjeefamaniif gaddas ibse.
Gama kaaniin ajjeechaa lammiilee nagaarratti bakkaawwan garaagaraatti raawwataman qaamni walabaa akka qoratu ABO fi KFO’n gaafataniiru.
Dhaabi ABIN gama isaatiin waggoota kurnan sadan darbeef ‘’ummata Amaaraa ajjeesuun, buqqaasuun, qabeenya isaa barbadeessuun raawwataa tureera,’’ jedhe.
Dhaabbileen IZEMA, Baaldaraas, Paartii Abiyotaawwii Ummatoota Itoophiyaa (IHAPA), Paartii Bilisummafi Walqixxummaa akkasumas Paartiin Innaat ajjeechaa raawwate balaaleeffataniiru.
Mootummaan Ameerikaa gama Ministeera Dhimma Alaa isaatiin ibsa baasen ‘’Naannoo Oromiyaatti hawaasa Amaararratti ajjeechaa raawwate nu yaaddesseera,’’ jedhe.
''Gabaasonni akkanaa as bahuu itti fufuun isaanii walitti bu’iinsa Itoophiyaa keessa adeemaa jiru atattamaan dhaabuun akka barbaachisu ergaa dabarsa,’’ jette US.
'Ijoollee koo torba maal nyaachisu?'
Ganda Tolee bakka Coqorsa jedhamu kan jiraatan abbaan daa'imman torbaa obbo Abduu* naannoo isaanii amma humni addaafi raayyaan ittisa biyyaa waan galee jiruuf nageenyi deebi'us, nyaata ijoollee isaanii sooran akka hin qabne dubbatu.
Qotee bulaan kun haleellaa saniin ilmaan eessumman isaanii du'aan dhabaniiru. Qabeenyi isaaniis saamameera.
Kuusaa midhaanii isaanii keessaa boqolloon kuntaalli 110, Ruuziin kuntaalli 15 fi sangootni shaniifi re'eefi hoolonni jalaa saamamuu himu.
''Haleellaan raawwate hammaataafi cigaasisaadha. Kaleessas nama awwaalleerra. Kan osoo hin awwaalamiin bosonatti hafes jira.
''Boolla tokkotti namni 63 kan itti awwaalame jira. Kana keessaa 40 kan ta'an daa'immani'' jedhu.
Itti dabaluunis ''amma midhaan kiiloo tokkollee hin qabnu. Uffatas, kophees hin qabnu. Mootummaanis nu hin gargaarre.
''Midhaan isa saamicharraa oole affeellee mulluu isaa nyaachaa jirra. Ajjeefamnee amma ammoo beelli nu waxalaa jira,'' jedhu.
Ilmaan isaanii waan nyaachisan dhabuu kan himan namni kun miseensonni raayyaa ittisaa ijoolleef koshoroo kennaa akka jiran dubbataniiru.
''Daa'ima waggaa hin guunne fa'in qaba... beelli yaachisaadha.''
Guyyaa haleellaan kun raawwatu obbo Abduun* gandicha akka hin turreefi haati ijoollee isaaniifi ijoolleen isaanii lafa qonnaa keessa dhokatanii lubbuun ooluu dubbatan.
Namni kun maatii isaanii guutuufi mucaa guyyaa 15 haati ishee jalaa ajjeefamte waliin ganda namaa dahatanii akka jiran himan.
''Amma bar abbaan warraa kophaa, haati warraas kophaa hafaniiru. Maaltu oole jedhama. Isarraa kan hafemmoo beelluu nu fixuufi'' jechuun deeggarsi akka kennamuuf gaafataniiru.
'Maaliif qonna?'
Ganda Saalsaaw jedhamu keessatti dhalatee kan guddate namni biraan BBC dubbise ammoo haleellichaan obboleessa isaa du'aan dhabeera.
Suuqiin isaa jalaa saamamuufi amma ganda namaatti dahatee akka jiru hima.
''Mana firaa, hiriyyaa, Masjiida, namaa jalaa fa'a dahannee jirra.''
Namni eeggannoof jecha maqaa Kamaal jedhuun yaada isaa dhiyeessinu kun lafa qochisiisu kan qabu akka tureefi erga haleellaa sanii namni ganda isaanii gara qonnaa deeme akka hin jirre BBC'tti himeera.
''Maaliif qonna? Yeroon isaa bara kan itti qotamee maadaabaraan adiin kan itti godhamu ture. Garuu qabeenya meeqatu bade. Boqolloo hektaara afuriifi ruuzii heektaara tokko facaasiseen ture. Amma badee hafuu isaati.
''Maaliif jedheen baasii itti baasee madaabaraa itti godha? maaliif jedheen kunuunsa. Ituman jedhees maallaqni eessaa dhufa? Maallaqni keenya, qabeenyi keenya fudhatameera. Namni akkanitti rakkateera.''
Akka Kamaal jedhutti qaama mootummaa kamuu irraa gargaarsi isaan qaqqabe hin jiru.
''Boqolloo hafte affeellee hirmaannee nyaachaa jirra. Ashaboollee hin qabnu. Raayyaan ittisaa qallaba isaaniirraa baasanii daa'immaniifi haadholiif buskutii tokko tokko ganamaa galgala yeroo kennan argeera. Garuu kun hanga yoomii nama tursa?'' jedha.
Yeroo qonna isaanii kunuunsuun irra jiru kanatti haleellaa kanaan hojii kamuu hojjechaa akka hin jirres dubbata.
''Waayee qonnaa eenyutu yaada? Nuti namatu nu jalaa dhume. Lubbuutu dursa. Namni ajjeefame gara 500 gaheera jedhamaa jira.''
Gargaarsi midhaan nyaataas atattamatti akka barbaachisu dubbata.
''Raayyan ittisaa waan jiruuf amma nagaa keenya. Raayyaan Ittisaa yoo bahe garuu namni ofirraa ittisuu danda'u hin jiru. Ammayyuu sodaannee gariin keenya yoo rafnu, gariin ammoo ni eegna... fiixeerra jirra.''
Haala namootni haleellaa Toleerraa oolan keessa jiran bulchiinsa godinaafi aanaarraa odeeffachuuf yaaliin BBC'n irra deddeebiin taasise hin milkoofne
*Gabaasa kana keessatti namootni yaada kennan nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii geeddarameera.