Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wallagga Lixaa, aanaa Gimbiitti namoonni nagaa hidhattootaan ajjeefamuun himame
Wallaggaa Lixaa, aanaa Gimbii ganda Tolee keessatti haleellaa hidhattoonni Sanbata darbe raawwataniin namoonni baayyee ajjeefamuu kanneen ajjeechaa kana irraa hafan BBC'tti himan.
Aanicha ollaa sabni Amaaraa keessa jiraatan keessatti haleellaa raawwatameen kanaan namoonni nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii, kanneen kumaan lakkaa'aman ammoo naannawaa sana gadi dhiisanii akka baqatan dubbatu jiraattonni.
Assooshiyeetid Pirees namoota ijaan argan jedhu eeruun akka gabaasetti, haleellaa qaqqabe kanaan namoonni 200 ol ajjeefamaniiru.
Mootummaafi jiraattoonni haleellaa kana kan raawwate garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan motummaan 'Shanee' ittiin jedhu akka ta'e wayita himu, gareen hidhattootaa kun garuu haleellaa raawwatameef itti gaafatamtoonni humnoota motummaati jedheera.
Dubbi himaan WBO Odaa Tarbii karaa Tiwitaraatiin, haleellaa jedhame kana hidhattootuma mootummaa kan 'Gaachan Sirnaa' jedhamanitu raawwate jechuun barreessaniiru.
Gama kaaniin, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ibsa Dilbata baaseen, Godina Wallagga Lixaa, aanaa Gimbii, ganda Toleetti waraana mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ‘ABO-Shanee’ ittiin jedhu gidduutti deemsifamaa tureen walqabatee haleellaa gareen hidhate raawwateen lubbuun namootaa darbuu beeksise.
Taatee kana hordofuunis humnootiin mootummaa naannichatti bobbaafamuu jiraattoonni dubbataniiru.
Motummaafi Komishiniin mirga namoomaa maal jedhan?
Mootummaan Naannoo Oromiyaas ibsa ajjeechaa kana ilaalchisuun Sambata baaseen, haleellaa kanaan lubbuun namootaa darbuu fi qabeenyaan barbadaa’uu himeera.
Mootummaan naannichaa qaamolee nageenyaa Federaalaa waliin qindaa'uun tarkaanfii humna ‘shoororkeessaa’ ittiin jedhu irratti fudhachaa jiru cimsee itti fufuus himeera.
Gareen hidhattootaa kunis haleellaa mootummaadhaan fudhatamaa jiru kana fuldura dhaabachu waan dadhabeef namoota nagaa irratti tarkaanfii akkasii fudhatee jedha ibsi motummaa oromiyaa baase.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas ta'e Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa isaanii keessatti lakkoofsa namoota haleellaa jedhame kanaan ajjeefamanii hin eerre.
Haata'u malee BBCn dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa argachuuf bilbila harkaa qondaala waajjira komunikeshinii godinichaarratti irra deeddebiin bilbilluus hin kaasiin hafaniiru.
Jiraattoonni ammallee yaaddoo keessa jiru
Motummaan naannoo Oromiyaa yeroo adda addaatti garee Waraana Bilisummaa Oromoo kanarratti tarkaanfii walitti fufaa fudhataa akka jiru yeroo garaagaraatti beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Haleellaan Sambata darbe raawwatame kunis kan tarkaanfiidhuma motummaa kanaan wal qabate ta'u Komishiniin Mirga Namoomaa ibsa isaatiin kaaseera.
“Amallee naannawaa sana yaaddoon nageenyaa guddaan waan jiruuf jiraattonni deeggarsi atattamaa akka taasifamuufiif gaafachaa jiru,” jedha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa Dilbata Waxabajjii 19, 2022 baaseen.
Komishinarri Olaanaa KMNI Daani’eel Baqqalaa (PhD) namoota nagaa irratti haleellaan dabalataa akka hin raawwatamneef tarkaanfiiwwan ittisuuf barbaachisan akka fudhataman, haala kamiyyu keessatti namoonni nagaan akka hin miidhamneef of-eeggannoon barbaachisu akka taasifamu, akkasumas rakkinichaaf furmaanni waaraa akka barbaadamuuf hubachiisaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jechuun shororrkeessummaan faraje, himannaawwan kanaan dura ajjeechaa namoota nagaa irratti xiyyeeffaten irratti dhiyaatuuf waakkachaa turunsaanii ni yaadatama.
Gama biraatiin ammoo jalqaba torban kanaa Dubbi Himaan WBO Obbo Odaa Tarbii, magaalota Lixa Itoophiyaa kanneen akka Gaambeellaa, Dambi-Doolloofi Gimbii keessatti humnoota mootummaa waiin wal haadhaa akka turan himaanii turan.
Walumaagalattis, torban darbe keessa lixa biyyattiitti rakkoon nageenyaa bal'inaan mudachuu, kanaan wal qabtees keessattuu naannoo Gaambeellaatti lubbuun hidhattoota, humnootii nageenya motummaafi kan namoota nagaa 40 ta'an baduufi kaan 36 ol madaa'uu BBC gabaasunsaa ni yaadatama.
Haleellaa tibbana aanaa Gimbii, ganda Toleetti Waxabajjii 18, 2022 raawwatamee kanaan ammoo namoonni gara 200 ta'an ajjeeffamu jiraattoonni kan jedhaniin alatti, hanga ammaatti motummaas ta'e komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa kan jedhan hin jiru.
Akkasumas, haleellaa kanaan wal qabatee qabeenyaan manca'uu ibsa mootummaan Oromiyaa baasee kaasulleen, badiin qaqabe hangam akka ta'e BBCn ammatti adda hin baafne.