Gareen haleellaa Gaambellaa duuba jiru eenyu? Kaayyoonsaa hoo maali?

Haleellaa hidhattoonni magaalaa Gaambellaatti jalqaba torban kanaa banan hordofee lola humnoota mootummaa waliin adeemsifamee fi isaan booda lubbuu hedduun darbuutu himame.

Guyyootaaf jiraattonni magaalaa naannichaa bahaa gala dhabanii rakkachuu himan. Garee haleellaa kana duuba jiru keessaa tokko Adda Bilisummaa Gaambeellaa kan waa'eensaa baayyee hin beekamnee fi haaraadha.

Akka Addi Bilisummaa Gaambellaa jedhutti, haleellaa kan eegalan daandii Dambi Dolloo geessurra bosona jiru keessaati.

Naannoon Gaambellaa kan baqattoota biyya ollaa kuma dhibba hedduun keessa qubatan yoo ta'u, Sudaan Kibbaafi lixa Oromiyaa bakka rakkoon nageeenyaa jiru daangessa.

Haleellaan ALI Waxabajjii 07/2014 (14/06/2022) raawwate tarii haleellaa guddicha gareen kun qooda keessatti fudhatedha. Akkasumas badiin maqaan isaa itti dhahamedha.

Garee kana duuba eenyutu jira? Hariiroon hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan Shanee jedhu waliin qaban maali? Kaayyoon isaaniihoo?

TPLF biraa deeggarsa qabuu? Waa’ee hogganaa isaanii maal beekna?

Guyyaa haleellaan raawwatame waan ta'e

Haleellaa kana gareen Adda Bilisummaa Gaambellaa hidhattoota lixaafi kibba Oromiyaa sosso’an ‘walootiin’ raawwachuu ibsan.

Dura taa’aan Adda Bilisummaa Gaambellaa Obbo Gaatluk Bu’aam Paal haleellaan kan eegalan daandii Dambi Dolloo geessurraa bosona km 4 fagaate argamurraa ta’u BBC’tti himaniiru.

Yeroo muraasaaf bakkeewwan magaalattii to’atanii akka turan dura taa’aan kun ni dubbatu. Waraanni mootummaa of duuba deebi’ee lolli '‘ummata gidduutti’’ waan tureef magaalaa bahu himu.

Galgaluma guyyaa haleellaan itti raawwatameettis mootummaan naannichaa hidhattoonni kutaa magaalattii hamma tokko to’atanii akka turanii fi tarkaanfii humnoonni nageenyaa fudhataniin hidhattoota magaalaa keessaa baasu ibse.

Obbo Gaatluk fi Dubbii himaan WBO kaayyoo isaanii '‘milkeessuu’’ fi meeshaalee waraanaa to’achuu ibsan.

Taatullee, jiraattonniifi qondaalonni mootummaa miseensonni hidhattoota kanaa 'hedduu' jechuun ibsan magaalaa keessatti ajjeefamuu BBC’tti himan. Reeffis daandii magaalaarra akka bubbulees himan.

Qondaalli olaanaa naannichaa maqaansaanii akka hindhahamne gaafatan, hidhattoonni caasaa mootummaafi ummataa keessa jiran isaan tumsaniiru jechuun himatu.

Akka qondaala kanaatti, hidhattoonni kunneen Lixa Oromiyaa Anfilloofi daangaa naannichaa keessatti argamu. Baqattoota Sudaan Kibbaa keessa walmakuunis akka sosso’an ibsu.

Haleellaa gaafas booda magaalli suuta tasgabbaa’aa akka jirtuufi gaafa Kamisaa sochiitti deebi’u Dubbii Himaan Naannoo Gaambellaa Ugaatoo Adiing BBC’tti himaniiru.

Ta’us, humnoonni nageenyaa miseensota hidhattootaa ummata keessa dhokataniiru jedhan adamsanii qabaa jiru jechuun dubbatan.

Haata'u malee magaalaa Gaambeellaatti taateewwan sarbama mirga namoomaa raawwatamaa jiraachu gabaasni isa qaqabu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Keessattuu erga viidiyoon yeroo dargaggoon harkisaa lamaan duubatti hidhameefi uffata siviilii uffate namoota uffata dambii uffataniin itti dhokaafamee ajjeefamu mul'isu miidiyaa hawaasarratti ijoo dubbii ta'eera.

Komishiniin mirga Namoomaa Itoophiyaas qaamoleen nageenyaa tarkaanfii gita hin taane fudhatan gaafatamoo akka ta'anif gaafateera.

Hidhattoonni lamaan waloon haleellaa banan waliin lola banan lammiilee nagaa ‘’sabaan Oromoofi Nuweer kan ta’an’’ irratti humnoonni mootummaa ajjeechaa raawwataniiru jechuun himatan.

Mootummaan naannichaa garuu kun '‘olola diinaati’’ jechuun deebise.

Haleellaa gaafa Waxabajjii 14, 2022 raawwatameen namoonni 40 ol ajjeefamuu BBC’n maddeen garagaraarraa mirkaneesseera.

Kanneen keessaa hedduu kan ta‘an hidhattoota ta’u maddeen kun himan. Hidhattoonni garuu kana hin fudhatan.

Gareen kun eenyu? Hoogganni isaahoo?

Addi Bilisummaa Gaambellaa filannoo biyyaalessaa jahaffaa Waxabajjii waggaa darbe Itoophiyaatti taasifame booda hundaa’u ibse. Miseensotaafi hidhattoota kumaan lakkaa’aman akka qabus dubbata.

Dura taa’aan garee kanaa kan dura miseensa dhaaba Naannoo Gaambellaa bulchaa ture - Sosochii Tokkummaafi Dimookiraatawaa Ummatoota Gaambellaa - ta’un tajaajilaa turan.

Qondaala mootummaa ta’unis hojjetan. Hoogganaa I/Aanaa biirolee garagaraa hanga diinii kolleejjii naannichaa ta’un dalaguu BBC’tti himaniiru.

Bara ADWUI aangorra turee kaasee Biiroo Turizimii, Misooma Magaalaa, akkasumas Biiroo Barnootaa naannichaa keessa Hoogganaa I/aanaa ta’un tajaajilan. Waajjiraalee kaan keessas dalaguu himan.

Filannoo biyyaalessaa waggaa darbe taasifameefi ‘’waliin dhahameera’’ jedhan keessatti hirmaachuu dubbatu. '‘Eegasii na hidhuu yeroo yaalanan gara gammoojjii seene,’’ jechuun akkamiin qabsoo akka eegalan ibsu.

Yeroo aangoo mootummarra turan qarshii saamuun himannaan irratti ka’a. Isaan garuu ni waakkatu.

Kanneen lammummaa Ameerikaa qabu jedhanii isaan ibsaniis jiru. Dhimma kana kan gaafataman dura taa'an garichaa, ‘lammumaa alaa kan qabu itti aanaa kiyya Gaatluk Poltergaaridha,’ jechuun deebisan.

Kaayyoo isaanii maali?

Akka qondaala kanatti kaayyoon isaani konfedereeshiniitiin Itoophiyaa fedhiirratti hundoofte ijaaruuf qabsa’uudha.

Haleellaan dhihoo raawwatan kun ammoo magaalattii to’achuuf akka ture Obbo Gaatluk ibsaniiru.

Qondaalli mootummaa naannichaa garuu sababni hundeeffamaa fi kaayyoon isaanii '‘fedhii aangooti, waan biraa miti,’’ jechuun ibsu.

Obbo Gaatluk kaayyoon garee isaanii '‘jaarmayaa dimookiraasiifi haqaan amanu, bilisummaa ummata Gaambellaaf kan qabsaa’udha,’’ jechuun ibsu.

Qeeqxonni garuu dura-aantummaan saba naannichaa keessa tokko kan ta’e Nu’eeriif qabsaa’u jechuun isaan himatu.

TPLFn hidhata qabuu?

Paartiin Obbo Gaatluk keessa turan paartilee biyyattii keessa sosso’an waliin michummaa uumuun garee ‘federaalistoota’ jedhu keessatti hirmaataa ture.

Gareen kun osoo Kaaba Itoophiyaatti waraanni hin eegaliin dura irra-deddeebiin gara Maqalee deddeebi’uun TPLF waliin mari’ataa turuun ni yaadatama.

Yeroo waraanni Tigraayitti Sadaasa 2022 eegale, Dura Taa’aan dhaabichaa Obbo Gaatluk '‘TPLF waliin hariiroo qabda jedhamuun ji’a sadii oliif’’ hidhamanii turuu himu.

Qondaalli mootummaa BBCn dubbise gareen kun '‘Meeshaa Wayyaanee biraa argatu, ABO-Shaneenis jira’’ jechuun himan.

Obbo Gaatluk immoo Waraana Bilisummaa Oromoo irraa malee TPLF waliin kallattiin hariiroo akka hin qabne himu.

Haata'u malees, '‘TPLF waliin kaayyoo tokkicha qabna,’’ jechuun ibsan.

WBO fi TPLF yeroo dheeraaf warra gumaa waliin jedhanis waggaa darbe keessa garuu wal ta'iinsa waraanaa tolfachuu ifatti beeksisuun isaanii ni yaadatama.

Isa duras mootummaan waliin hojjetaa jiru jechuun yeroo dheeraaf ibsaa ture.

Waggaa tokko dura Paarlaamaan Itoophiyaa TPLF fi hidhattoota WBO kan ABO-Shanee jedhee waamu galmee shororkeessummaa jala galche.

Hariiroo WBO waliin qabanhoo?

Gareen Adda Bilisummaa Gaambeellaa kun haleellaa tibbanaa hidhattoota mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu waliin raawwachu himan.

Obbo Gaatluk garee kanarraa deeggarsa meeshaafi leenjii akka argatu mirkaneessaniiru. Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Dirribaas kan bal’inaan Marroon beekamuus kanuma mirkaneesse.

‘’Ajajaa isaanii waliin yeroo dheeraaf wal quba qabna. Amma achii as bahee mul’ate malee erga hundaa’ee tureera.

‘’Naannoo Oromiyaa keessatti humna isaaniif leenjiis kennaa turre. Saba cunqurfamoo akka keenyaa dhimma waloo qabnu waliin qabsaa’uuf yaadame hariiroo tolfamedha,’’ jechuun hime.

Waa'ee Naannoo Gaambellaa

Naannoon Gaambellaa Lixa Itoophiyaatti argama. Magaalaan guddoo naannichaas Gaambellaa jedhamti. Sudaan Kibbaa, Oromiyaa akkasumas Ummatoota Kibbaatu daangessa.

Saboonni akka Anyuwaak, Komoo, Mazhangar, Nuweer fi Oppoo jedhaman keessa jiraatu. Akkasumas Oromoofi Amaaraa dabalatee saboonni Itoophiyaa garagaraa keessa jiraatu.

Lakkoofsa ummataa kana dura taasifameen ummanni naannichaa miiliyoona tokko gadiidha. Naannolee Itoophiyaa lakkoofsi ummata xiqqoo keessa jiraatu keessaa tokkodha.

Lafa qonnaaf mijatu qabdi. Baaroo dabalatee lageen naannicha keessa yaa’aan qabdi.

Kana dura irra-deddeebiin haleellaawwan saba bu’uura godhatan naannichatti mudataniiru. Akkasumas hidhattoota Sudaan Kibbaarraa seenaniin haleellaa darbe darbee ni raawwatan.

Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) jedhutti, naannichatti baqattonni Sudaan Kibbaa kuma 480 ol Gaambeellaa keessa jiraatu.

Paartiin naannicha bulchu Sosochiin Dimookiraatawaa Ummatoota Gaambellaa (GAHDEN) saboota naannicha jiran bakka bu’an walitti fiduun kan hundaa’eedha.

Bara bulchiinsa ADWUI'tti paartiilee gurgoddoo arfan (kan Tigray, Amaaraa, Oromiyaafi Ummattoota Kibbaa bulchaniina alatti) paartiilee kaan ‘aggaar’ ykn paartii deeggartootaa jedhamuun beekamu ture.

Yeroo ammaa garuu GAHDEN miseensa paartii biyya bulchu - Paartii Badhaadhinaati.