Mootummaan magaalaa Gambeellaa deebisee to'achuu hime

Rakkoo nageenyaa magaalaa Gambeellaatti mudate haleellaa humnootni nageenyaa naannicha qindoominaan raawwataniin magaalicha guutummaatti to’achuu pirezidaantiin naannichaa Obbo Umad Ujuluu himna.

Ibsa pirees sekireetariin naannichaa baaseen humnoota WBO fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Gambeellaa irraa miidhaan qabeenyaa fi lubbuu ‘guddaan’ gaheera. Akkasumas humnoota nageenyaa mootummaa irraas miidhaan salphaa dhaqqabuu ibseera.

Haa tahu malee gama WBO fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Gambeellaan miidhaan akkamii akka dhaqqabe hanga ammaatti hin ibsamne.

Dhaabbilee mootummaa magaalaa Gambeellaa keessa jiran irra miidhaan dhaqqabe hin jiru,’’ jedha ibsi komunikeeshinii naannichaa baase.

‘’Sa’aatii muraasa dura miidiyaalee hawwaasaatiin waajjira pirezidaantii naannichaa hidhattootni to’ataniiru oduun jedhu soba tahuu uummatni Itoophiyaa hubachuu qaba,’’ jedhan Obbo Umad.

‘’Haleellichaan namoota lubbuu isaanii dhabanii fi miidhaa irra gaheef jajjabina hawwina’’ jedhe naannichi.

Har'a ganamarra maaltu tahe?

Naannoo Gaambeellaa magaalaa Gaambellaa keessatti Kibxata ganamarraa kaasee dhukaasni dhaga'amaa jiraachuu jiraattonni BBCtti himan.

Akka jiraattonni kunneen jedhanitti, magaalaa Gambeellaa gar-tokko keessatti hidhattoonni kan mul'atan yoo ta'u, haleellaan naannawaa waajjira Pirezidantii naannichatti raawwameera.

Haleellaa kanaaf ammoo hidhattootatu himatame.

Gareen Adda Bilisummaa Gambeellaa ofiin jedhu Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu waliin haleellaa banuu qondaalli olaanaa naannichaa BBC’f himaniiru.

Dhimma kana kan gaafataman Pirezidantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluu, ‘’odeeffannoon kenninu homtuu hin jiru,’’ jechuun dubbatan.

Naannoon Gaambellaa Sudaan Kibbaa, biyya rakkoo nageenyaa qabdu, waliin wal daangessa.

Akka jiraattonni jedhanitti, haleellaan kun barii sa’aatii 11:00tti eergale.

Jiraattonni lama BBC’n dubbise, yeroo ammaa hojiin mootummaa, hojiin daldalaa akka hin jirreefi jiraattonni manaa akka hin baane himan.

Naannoo waajjira pirezidantiillee dhukaasni olaanaa sa’aatiiwwaniif walitti fufe akka dhagahamaa jiru himaniiru.

Jiraataan magaalaa Gaambellaa maqaa naaf dhoksaa jedhan kutaan magaalattii laga Baaroo ce’ee jiru hidhattootaan qabamu himu.

Kanaafis, kutaa magaalaatti hidhattootan hin qabamne jedhanitti baqachuu dubbatan. Akka jiraataan kuni jedhanitti haleellaan kuni yeroo jalqabaaf miti.

"Guyyoota afur durayyuu haleellaan walfakkaataa taasifamee ture. Haa ta’u malee, kana dura sochii hidhattootaa hammanaa agarree hin beeknu," jechuun dubbatan.

Gama biraatiin ammoo, magaalota Oromiaa Lixaa kan akka Dambi-Dolloofi Gimbii keeaattis lolli gaggeeffamaa akka jiru dubbi himaanWaraana Bilisummaa Oromoo (WBO) beeksiseera.

Dubbi himaan WBO Odaa Tarbii ergaa Kibxata fuula Tiwiitaraa isaarratti baaseen akka ibsetti, oppereeeshinii jedhan kanaan hidhamtoonni siyaasaa magaalaa Dambi-Dolloo gadhiifamaniiru.

Haata'u malee, dhimma kana irratti hanga ammaatti mootummaan kan dubbate kan hin jirre yoo ta'u, BBCn madda walabaa irraa hin mirkaneeffanne.

Itti dabaluudhaanis, Obbo Odaan ‘oppereeshiniin waloo’ WBO fi Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa magaalaa Gambeellaa keessatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan Gaambeellaa maal jedhe?

Qondaalli olaanaa naannoo Gambeellaa haleellaan raawwachuu ibsanii, lubbuun darbuufi kanneen miidhaman jiraachuu ibsan.

Qondaalli maqaan isaanii akka dhahamu hin feene kun yoo xiqqaate humnoonni nageenyaa lamaafi hidhattooti sadii ajjeefamuu hospitaalarraa akka odeeffatan himan.

Jiraattonni dubbisne waajjiraalee mootummaa, akkasumas dhaabbileen daldalaa cufamuufi kanaanis mana cufatanii taa’uu isaanii himan. Akka jiraattonni jedhanitti, hidhattoonni waajjira pirezidantii, akkasumas bakka kuusaa boba’aa [deeppoo] to’achuuf yaalaa jiru.

Qondaalli olaanaa naannichaa maqaa naaf dhoksaa jedhan kuni ‘’mootummaa federaalaaf beeksisneerra.

‘’Humna bakkee dhiyoorraa magaalattiitti bobbaasuuf yaalaa akka jiran nutti himaniiru. Humni asii qaban garuu xiqqoodha,’’ jechuun dubbatan.

Qondaalli kuni haleellaa kana keessa hidhattooti Gambeellaa saba Nu’eer irraa ta’aniifi ‘ABO-Shanee’ jedhan qooda fudhachuu himan.

Mootummaan naannichaa dhimma adeemaa jiruurratti miidiyaa hawaasummaa gubbaa ibsa baaseen magaalattiitti sa’aatii 4:20 eegalee tasgabbiin mul’atuu ibse.

Dabaluunis, kutaa magaalichaa gar-tokko humnoonni mootummaa ‘’bilisa baasuu’’ ibse.

Jiraattonni magaalaa Gaambeellaa manaa osoo hin bahin hojii ‘’olaantummaa seeraa kabachiisuu’’ hojjetaa jiruuf gumaacha ofii akka taasisan gaafatan.

Hanga yoonaa badiin dhaqqabe ifatti akka hin beekamne, gama lamaaniinuu miidhaan dhaqqabuu beeksiseera.

Haleellaa kana ‘’loltoota Shaneefi Adda Bilisummaa Gaambellaa waliin ta’un’’ banamedha. Haleellaan kuni akka adda hin cinneefi itti fufuu mootummaan naannichaa ibseera.